LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/04 ful. 1
  • Rakkina Obsuun Nama Kiisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Rakkina Obsuun Nama Kiisa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Jabaatanii Dhaabachuun Hojii Isaa Fiixaan Akka Baasu Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Jaarmiyaa Yihowaatti Dhihaadhaa Jiraadhaa
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • “Namni Qoramsa Isatti Dhufu Obsaan Danda’e, Haa Gammadu!”
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Yeroo Qorumsaatti Gammachuu Keenya Eeggachuu!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2004
km 8/04 ful. 1

Rakkina Obsuun Nama Kiisa

1 “Rakkina obsuu keessaniin jireenya keessan isa dhugaa in argattu.” (Luq. 21:19) Raajii Yesus ‘dhuma barichaa’ ilaalchisee dubbate keessaa kan ta’an jechoonni kun, jabaannee dhaabachuudhaan qorumsa nurra ga’u mo’achuuf qophaa’oo ta’uu akka qabnu kan ibsanidha. Haata’u malee, hundi keenya jabina Yihowaan nuuf kennuun ‘hamma dhumaatti jabaachuufi’ ‘fayyuu’ dandeenya.​—Mat. 24:​3, 13; Filp. 4:​13.

2 Ari’atamni, dhukkubni, rakkinni dinagdeefi dhiphinni guyyaan hundi rakkisaa akka ta’u gochuu danda’u. Haata’u malee, Seexanni amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu akka dhabnu gochuuf akka yaalaa jiru matumaa irraanfachuu hin qabnu. Guyyaa Abbaa keenyaaf amanamoo taanee itti dabarsinu hundaatti, isa Yihowaa arrabsuuf deebii kennurratti qooda fudhanna. Yeroo rakkinni nurra ga’u, “imimmaan” buusnu kan hin irraanfatamne ta’uusaa beekuun keenya nungammachiisuu? Imimmaan keenya Yihowaa biratti bakka guddaa qaba; jabaannee dhaabachuun keenyas isa gammachiisa.​—Far. 56:8; Fak. 27:11.

3 Amalawwan Rakkinaan Qoraman: Rakkinni, dadhabbii amantii ykn amalawwan akka of tuuluufi obsa dhabuu ifatti baasuu danda’a. Karaa Macaafni Qulqulluun hin deeggarreen qorumsa hambisuuf ykn jalaa ba’uuf yaaluu mannaa, gorsa Sagalee Waaqayyoo isa “obsaan danda’uun kun hojii isaa fiixaan haa baasu!” jedhu fudhachuu qabna. Maaliifi? Rakkoowwan amanamummaadhaan obsuun keenya, “warra fiixaan ba’an, warra mudaa, hir’inas hin qabne” akka taanu waan nu gargaaruufi. (Yaq. 1:​2-4) Rakkina obsuun, amalawwan barbaachisoo kan akka, sababii qabeeyyii ta’uu, rakkina namaa akka kan ofiitti ilaaluufi amala namaaf dhiisuu horachuuf nu gargaaruu danda’a.​—Rom. 12:15.

4 Amantii Rakkinaan Qorame: Rakkina yeroo obsinu, amantiin qoramee qulqullaa’e Waaqayyoo duratti gatii guddaa akka qabu beekna. (1 Phe. 1:​6, 7) Amantiin akkasii, rakkina gara fuula duraatti nu mudatu dura akka ciminaan dhaabannuuf nu qopheessa. Hunda caalaammoo, Waaqayyo biratti fudhatama akka argannuufi abdiin keenya caalaatti dhugaa ta’ee akka nutti mul’atu godha.​—Rom. 5:​3-5.

5 Obsaan danda’uun bu’aa guddaa akkamii akka qabu Yaaqoob 1:12 akkas jechuudhaan ibsa: “Namni qoramsa isatti dhufu obsaan danda’e, haa gammadu! Qoramee erga ilaalamee booddee, jireenya . . . argachuuf jira.” Kanaafuu, “warra isa jaallatan” baay’isee akka kiisu amanuudhaan namoota isaaf bulan taanee jabaannee haa dhaabannu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi