Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Kutaa 2: Qayyabannaa Geggeessuuf Qophaa’uu
1 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu bu’a qabeessa ta’e geggeessuu jechuun, barumsicharratti mari’achuufi caqasawwan achirra jiran baasanii dubbisuu qofa miti. Barumsicha karaa laphee barattootaa xuquun dhiheessuu nu barbaachisa. Kunimmoo, baraticha sammuutti qabachuudhaan qophaa’uu gaafata.—Fak. 15:28.
2 Akkaataa Itti Qophoofnu: Waa’ee barataa keetiifi waan isa barbaachisu Yihowaa kadhachuudhaan jalqabi. Yihowaan laphee barataa kee xuquuf akka si gargaaruuf gaafadhu. (Qol. 1:9, 10) Qabiyyee barumsichaa sirriitti hubachuuf, mata duree barumsichaa, mata dureewwan xixiqqoofi wantoota ilaalaman sirriitti hubadhu. ‘Kaayyoon barumsichaa maalidha?’ jedhiitii of gaafadhu. Kun qayyabannaa ennaa geggeessitu qabxiiwwan ijoo ta’anirratti xiyyeeffachuuf si gargaara.
3 Barumsicha keeyyata keeyyataan eeggannoodhaan irra deebi’i. Jechootaafi gaaleewwan bu’uura ta’an jala muruudhaan, deebii gaaffiiwwan dhihaataniif ta’u addaan baasi. Caqasiwwan yaadnisaanii hin kaa’amne, yaada ijoo keeyyatichaa wajjin akkamitti akka wal siman ilaaliitii, yommuu qayyabattanitti dubbifamuu kan qaban filadhu. Caqasicha ilaalchisee miljalee barreeffamichaarratti yaadannoo gabaabaa qabachuun kan si gargaaru danda’a. Qayyabatichi kan qayyabachaa jiru Sagalee Waaqayyoorraa ta’uusaa sirriitti hubachuu qaba.—1 Tas. 2:13.
4 Barumsicha Akka Baratichaaf Ta’utti Dhiheessi: Itti aanee, barumsicha baratichuma sanaaf akka dhihaateetti ilaali. Gaaffiiwwan inni kaasuufi qabxiiwwan hubachuufi fudhachuuf isa rakkisan dursiitii yaadi. Akkas jedhiitii of gaafadhu: ‘Barumsicha hubachuuf ykn guddina argisiisuuf maal gochuutu isa barbaachisa? Lapheesaa xuquu kanan danda’u akkamitti?’ Achiis akkuma barbaachisummaasaatti akkaataa itti barsiistu jijijjiiri. Yeroo tokko tokko, yaada ykn caqasa murtaa’e ibsuuf, fakkeenya, ibsa dabalataa ykn gaaffiiwwan walitti aananiin gargaaramuu barbaadda ta’a. (Nah. 8:8) Ta’uyyuu, yaadawwan dabalataa barumsicha hin deeggarre kennurraa of qusadhu. Dhuma qayyabannaarratti gabaabumatti barumsicha irra deebi’uun yaadawwan ijoo qabachuuf isa gargaara.
5 Namoonni haaraan ‘galata Yihowaatiif ija qajeelinaa’ ennaa horatan gammachuu guddaa argannaa. (Filp. 1:11) Galma kanarra akka ga’an isaan gargaaruuf yeroo qayyabannaa geggeessuuf deemtu hundaa akka gaariitti qophaa’i.