LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/04 ful. 2-8
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Hagayya 9 Jalqabu
  • Torban Hagayya 16 Jalqabu
  • Torban Hagayya 23 Jalqabu
  • Torban Hagayya 30 Jalqabu
  • Torban Fulbaana 6 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2004
km 8/04 ful. 2-8

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Hagayya 9 Jalqabu

Faarfannaa 27 (57)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajilaa Mootummaarraa filataman. Yaadni ful. 10⁠rra jiru naannoo keessanitti kan hojjetu yoo ta’e, Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 1fi Dammaqaan! Waxabajjii 2004 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Yaadawwan seensaa kan biraas fayyadamu ni dandeessu. Torban dhufuuf hundumtuu brooshura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu fidanii akka dhufan yaadachiisi.

Daq. 15: “Rakkina Obsuun Nama Kiisa.”  Yaada Masaraa Eegumsaa Muddee 15, 2000, ful. 22-3, keeyyata 15-18 dabalii dhiheessi.

Daq. 20: Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Tiraaktitti Fayyadamuu. Tajaajila Mootummaa Sadaasa 2001, ful. 3-4⁠rratti hundaa’ee haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Akkuma keeyyata 5⁠rratti caqasame sagantaa haalawwan qayyabattootaa wajjin walsimu gochuu qabna. Keeyyata 8-​10⁠rratti hundaa’uudhaan hojiin argisiisni gabaabaan tokko ykn lama akka dhihaatu godhi. Naannoo keessanitti yaadni seensaa gara biraan bu’a qabeessa yoo ta’e, hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi. Dhaggeeffattoonni tiraaktii Waa’ee Macaafa Qulqulluu Caalaatti Beekuu Ni Barbaaddaa? jedhamutti yeroo gargaaraman muuxannoo argatan akka dubbatan afeeri.

Faarfannaa 28 (58) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Hagayya 16 Jalqabu

Faarfannaa 73 (166)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 15: Ijoollee Keessan Dhugaa Barsiisaa. Kitaaba Gammachuu Maatii, fuula 55-59⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaa dhihaatu. Warri, barumsicha hojiirra oolchuudhaan, ijoolleensaanii dhuunfaasaaniitti Yihowaa wajjin walitti dhufeenya dhihoo akka qabaataniif, akkamitti gargaaruu akka danda’an kan argisiisan malawwan arfanirratti mari’adhaa.

Daq. 20: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu​—Kutaa 2.”  Hojiin argisiisa daqiiqaa-shan fudhatu dabalii dhiheessi. Babal’isaan tokko, namni inni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisu guddina akka argisiisu akkamitti gargaaruu akka danda’u jaarsa gumii tokko gaafata. Jaarsichi, qayyabannaasaaniirratti wantoota xixiqqoo ta’anirratti ibsa kennuuf yeroo baay’ee fudhachuun wanta baramaafi sirrii hin taane akka ta’e itti hima. Birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamu, barumsa 9 gargaaramee, jaarsichi (1) yaadawwan ijoo barumsichaarratti xiyyeeffachuun, (2) caqasawwan karaa bu’a qabeessa ta’een gargaaramuuniifi (3) barumsicha akka baratichaaf ta’utti dhiheessuun akkamitti akka danda’aamu babal’isichatti argisiisa. Qayyabannaa geggeessuusaa dura akka gaariitti qophaa’uun barbaachisaa akka ta’e itti hima.

Faarfannaa 38 (85) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Hagayya 23 Jalqabu

Faarfannaa 13 (33)

Daq. 13: Beeksisa gumii. Gabaasa herreegaa. Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 15fi Dammaqaan! Waxabajjii 22 [Ingiliffa] akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojjiin argisiisi inni tokko barsiisaa mana barumsaatiif ennaa lallabamu kan argisiisu haata’u.

Daq.  20: “Kottaa Walii Wajjinis Maqaa Isaa Ol In Kaafnaa!” Gaaffiiwwan dhihaataniin gargaaramuudhaan barreessaa gumiitiin kan dhihaatu. Walga’iin koonyaa eessatti akka godhamu dubbadhu.

Daq. 12: Barreeffamoota ji’a Fulbaanaatti raabsaman erga dubbattee booda, yaadawwan seensaa barreeffamoota kana raabsuuf gargaaran hojiin argisiisaan dhiheessi.

Faarfannaa 98 (220) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Hagayya 30 Jalqabu

Faarfannaa 57 (136)

Daq. 5: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa ji’a Hagayyaa akka deebisan yaadachiisi.

Daq. 15: “Nyaata Hafuuraa Yeroosaatti Dhihaate.”  Gaaffiiwwan kennamaniin gargaarami. Keeyyata 2⁠rratti ennaa mar’attan, dhaggeeffattoota keessaa tokko ykn lama walga’ii koonyaa hin irraanfatamne tokkorratti yaada gabaabaa akka kennan afeeri.

Daq. 8: “Jireenya Keessan Hundaan Qulqulluu Ta’aa.” Gaaffiiwwan kennamaniin gargaarami. Hanga yeroon sii heyyametti caqasawwan dubbisaatii irratti mari’adhaa. Walga’ii koonyaarratti amala qulqulluu argisiisuusaaniitiin Yihowaadhaaf ulfina kan fidan akkamitti akka ta’e akka dubbatan afeeri.

Daq. 17: Faayidaa Argatteettaa? Maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Yaadawwan Tajaajila Mootummaa waggaa darbeerraa fudhatamaniifi kanaa gadi jiran irra deebi’aa: Yaada seensaa waraqaarratti barreessanii qabachuu. (km 10/03 p. 8) Dhuunfaatti, adda baasuudhaaniifi garaadhaa galateeffachuu. (km 11/03 p. 1) Yeroo namoonni manasaaniitti argaman dhaquu. (km 12/03 p. 1) Macaafa Qulqulluu dubbisuuf, walga’iif qophaa’uufi tajaajilaaf yeroo ramaduu. (km 1/04 p. 4) Qayyabannaa dhuunfaa ennaa goonuufi Macaafa Qulqulluu yeroo dubbisnu birooshuura “Biyyattii Gaarii Ilaalaa” jedhamutti gargaaramuu. (km 3/04 p. 2) Guutummaa Macaafa Qulqulluu dubbisuuf karoora baafachuu. (km 4/04 p. 1) Naannoo daldalaatti lallabuu. (km 7/04 p. 4) Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabuuf tiraaktiidhaan gargaaramuu. (km 8/04 p. 2) Yaadawwan kanaa olii hojiirra oolchuusaaniitiin bu’aa argatan akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri.

Faarfannaa 39 (86) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Fulbaana 6 Jalqabu

Faarfannaa 23 (48)

Daq. 5: Beeksisa gumii. Mata dureen “Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa .  .  .” jedhu ji’a itti aanutti akka qayyabatamu dubbadhu.

Daq. 15: “Akkaataa Uffannaa Qulqulluufi Kabajamaa Ta’e.” Gaaffiiwwan kennamaniin gargaarami. Hanga yeroon sii heyyametti, caqasawwan akka dubbisamaniifi yaadi akka irrattii kennaman godhi.

Daq. 25: “Amala Qajeelchaa Argisiisaa.”  Qajeelchaa tokko ykn lamaaf gaaffiif deebii godhi. Fakkeenyi warrasaanii, jaarsoliifi obboloota kaanii, tajaajila yeroo guutuu jalqabuuf akkamitti akka isaan jajjabeesse akka dubbatan godhi.

Faarfannaa 83 (187) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljalee]

 Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi