Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Kutaa 4: Barattoonni Akkamitti Akka Qophaa’an Leenjisuu
1 Barataan tokko barumsicha dursee kan dubbisu, deebisaa jala kan sararuufi jecha mataasaatiin deebisuuf kan yaalu yoo ta’e karaa hafuuraa yeroo gabaabaa gidduutti guddina argisiisuu danda’a. Kanaaf, qayyabannaa itti fufu yoo argattan akkamitti akka qophaa’u itti argisiisuuf barumsa isa jalqabaa wajjin qophaa’aa. Harka caalaa barattootaatiif, boqonnaa ykn mataduree tokko guutuu walii wajjin qophaa’uun bu’a qabeessadha.
2 Jala Sararuufi Yaadannoo Qabachuu: Gaaffii dhihaateef deebii sirrii akkamitti akka argatu ibsiif. Barruu keerraa jechaafi himawwan ijoo jala murte baratichatti argisiisi. Yeroo barumsicha qayyabattan, barruu dhuunfaasaarratti deebisaa qofa yaadachuuf akka isa gargaarutti jala muruudhaan innis fakkeenya kee hordofa. (Luq. 6:40) Achiis jecha mataasaatiin akka deebii kennu godhi. Kun barumsicha hammam akka hubate beekuuf si gargaara.
3 Baratichi caqasawwan yaadnisaanii hin kaa’amne of eeggannoodhaan qoruun, kutaa qophii keessaa isa barbaachisaadha. (HoE. 17:11) Caqasni kaa’ame hundi yaada keeyyata sanaa kan deggeru ta’uusaa akka hubatu gargaari. Miljalee barruusaa isa qayyabaturratti yaadannoo gabaabaa akkamitti akka qabatu itti argisiisi. Bu’urri barumsichaa Macaafa Qulqulluu akka ta’e ibsiif. Qayyabannaasaarratti caqasawwan kaa’aman keessaa baay’eesaaniirratti yaada akka kennu jajjabeessi.
4 Wanta Barattan Ilaalchisee Jalqabaafi Dhumarratti Yaada Gabaabaa Kenni: Baratichi qayyabannaa jalqabuusaa dura, waa’ee barumsichaa yaada tokko tokko ibsuun gaariidha. Barumsicha gabaabumatti yaada barumsichaa hubachuuf mata duree, mata dureewwan xixiqqaafi fakkiiwwan ilaaluu akka danda’u ibsiif. Qophiisaa utuu hin xumurin dura, yeroo xinnoo fudhatee ijoo barumsichaa irra deebi’uuf, barumsichi saanduqa irra deebii yoo qabaate isaan gargaaramuu akka danda’u ibsiif. Irra deebiin akkasii kun, barumsa sana yaadachuuf isa gargaara.
5 Barataan Macaafa Qulqulluu akka gaariitti akka qophaa’uuf leenjisuun, walga’ii gumiirratti yaada gaariifi hojiirra ooluu danda’u akka kennu isa gargaara. Akkasumas qayyabannaasaa erga xumuree boodallee umuriisaa guutuu amala qayyabannaa dhuunfaa akka qabaatuuf isa gargaara.