LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/04 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajiilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajiilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2004
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Muddee 13 Jalqabu
  • Torban Muddee 20 Jalqabu
  • Torban Muddee 27 Jalqabu
  • Torban Amajjii 3 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2004
km 12/04 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajiilaa

Torban Muddee 13 Jalqabu

Faarfannaa 22 (47)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaa keessaa filataman. Hundisaanii maree ji’a itti aanu godhamuuf, Viidiyoo Noo Bilad​​—⁠ Mediisin Miits Za Chaaleenj [Dhiiga Hin Fudhadhu​​—⁠Karaa Mana Yaalaatiin Furmaanni Argameera] jedhamu akka ilaalanii dhufan jajjabeessi. Guyyaa ayyaanaatti qophii addaa tajaajilaaf godhame dubbadhu. (Yaadni seensaa ful. 6⁠rra jiru naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Masaraa Eegumsaa Onkololeessa 1fi Dammaqaa! Onkololeessa 2004, akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisi akka dhihaatu godhi. Yaadawwan seensaa bu’a qabeeyyii ta’an garabiraas fayyadamuun ni danda’ama. Yeroo lamaanuu, nama “Amantii Keessan Akka Gaariitti Beeka” jechuudhaan maree dhaabsisuuf yaalii godhuuf karaa adda addaa akkamitti maree itti fufuun akka danda’amu kan argisiisu haata’u.​​—⁠Kitaaba Ragaa Dhiheessuu ful. 20 ilaali.

Daq. 15: “Gargaarsi Kee Ni Barbaachisa.” Jaarsa tokkoof gaaffiifi deebii gabaabaa godhi. Gumii keessatti tajaajiluuf fedhii akka godhatu kan isa jajjabeesse maal akka ta’eefi ga’eessa ta’uuf kan isa gargaare maal akka ta’e gaafadhu.

Daq. 20: “Firoota Keenyaaf Dhugaa Ba’uu kan Dandeenyu Akkamitti?” Gaaffiiwwan dhihaataniin gargaarami. Dhaggeeffattoonni fedhiisaanii kakaasuudhaan akkamitti firoottansaaniitiif dhugaa ba’uu akka danda’an yaada gabaabaa akka kennan afeeri.

Faarfannaa 27 (57) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Muddee 20 Jalqabu

Faarfannaa 65 (152)

Daq. 5: Beeksisa gumii. Dhiigarraa akka fagaannuuf qophii godhame ilaalchisee kutaa torban itti aanutti dhihaaturratti hundumtuu akka argaman jajjabeessi.

Daq. 15: “Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Faayidaa Maalii Arganna?” Haasawaa ilaaltuu olaanaa mana barumsaatiin dhihaatu. Yaada miiltoo Tajaajila Mootummaa Onkololeessa 2004⁠rra jiru dabalii dhiheessi. Manni barumsaa kun akkamitti akka isaan fayyade akka dubbataniif obboleessa tokko ykn lama dursii qopheessi.

Daq. 25: “Duula Addaa Birooshuura Isa Haaraa Raabsuuf Godhamu.” Ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin kan dhihaatu. Akkaataa itti dhiheenyaa ilaalchisee yaadawwan kennamaniin hojiin argisiisa dhiheessi. Hojiin argisiisni inni tokko obboleessi nama yaada Macaafa Qulqulluutiif fedhii xiqqoo argisiiseef birooshuura kana kennuu mannaa tiraaktii yeroo kennu kan argisiisu haata’u.

Faarfannaa 24 (50) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Muddee 27 Jalqabu

Faarfannaa 71 (163)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herreegaa. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Muddee akka deebisan yaadachiisi. (Akkaataan dhiheenyaa ful. 6⁠rra jiru naannoo keessaniif mijaa’aa yoo ta’e) Masaraan Eegumsaa Onkololeessa 15, akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.

Daq. 25: Abboommii  Waaqayyo Dhiigarraa Akka Fagaannuuf Kenneef Ajajamuu. Waraqaa waajjira dameerra ergamerratti hundaa’e haasawaa jaarsa gumiitiin dhihaatu. Kaardiin Qajeelfama Yaalii (HCI) galgala sana akka hin guutamne dubbadhu. Obboleessi qajeelfama kana dubbisu xuqaalee furtuu ta’an akka gaariitti ibsuuf yaadawwan gabaabaa dabaluu danda’uyyuu, yaada sanarratti fakkeenyawwan ykn caqasawwan gara biraa dabaluu hin qabu. Caqasawwan kennaman hanga yeroon heyyametti dubbifamuu ykn yaadasaanii dubbatanii darbuun ni danda’ama. Saanduqa “Dhiigarraa Akka Fagaannuuf Qophii Haaraa Godhame” jedhu jalatti xuqaawwan barbaachisaa ta’aniif xiyyeeffannaa kenni. Barreessaan gumii yeroo barumsi kun geggeeffamu hordofuu akka danda’aniif babal’istoota hundaaf kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaafi “Qajeelfamawwan Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa Guutuuf Gargaaran” jedhaman kennuufii qaba. Akkasumas barreessaan kun Kaardiin Eenyummaa ga’aan jiraachuusaa mirkaneessuu qaba.

Daq. 10: Shoora Yaadni Garaa Keessanii Qabu. Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2004, ful. 23-24, key. 16-​19⁠rratti hundaa’ee haasawaa jaarsaan dhihaatu. Dhimmawwan yaada garaa keenyarratti hundoofnee murtoon goonu walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu kan tuqu waan ta’eef akka salphaatti hin ilaalinaa.

Faarfannaa 4 (8) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Amajjii 3 Jalqabu

Faarfannaa 10 (27)

Daq. 5: Beeksisa gumii. Barreeffamawwan ji’a Amajjiitti raabsaman ibsi.

Daq. 15: “Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu​​—⁠Kutaa 4.” Keeyyata 1⁠rratti hundaa’uudhaan yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunne erga dubbattee booda, yaada keeyyata 2fi 3⁠rra jirutti gargaaramuudhaan babal’isaan tokko barataansaa qayyabannaadhaaf akkamitti akka qophaa’u yommuu itti himu kan argisiisu hojiin argisiisni daqiiqaa 5 akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisa kana, kitaaba Beekumsaa ykn birooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamanirraa keyyata tokko filachuudhaan dhiheessuun ni danda’am. Achiis, yaada ijoo hojiin argisiisichaa ibsuudhaan, keyyatoota 2-5 jiran gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi.

Daq. 25: “Viidiyoo Noo Bilad​​—⁠Mediisin Miits Za Chaaleenj jedhamurraa Fayyadamaa.” Viidiyoo Noo Bilad jedhurratti hundaa’ee gaaffiiwwan ful. 3⁠rra jiraniin maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Isa booda keeyyata dhumaa dubbisi.

Faarfannaa 35 (79) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljalee]

 Yaada seensaa daqiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi