Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Faayidaa Maalii Arganna?
1 Sabni Yihowaa Isarraa barachuuf carraa addaa argataniiru. (Isa. 54:13; Yoh. 6:45) Faayidaan nuyi barumsicharraa argannu garuu carraaqqii goonurratti kan hundaa’edha. Manni Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii karaa hafuuraa faayidaa akka siif argamsiise hubatteettaa?
2 Yaada Nama Jajjabeessu Kennuu: Ilaaltonni olaanaa mana barumsaa baay’een, barumsi ballaa’aan amalawwan haasawaarratti kennamu, gumiinsaanii tajaajilarratti bu’a qabeessa akka ta’u gargaaruusaa hubataniiru. Akkasumas, dhaggeeffattoonni yaada ijoo dubbisa Macaafa qulqulluu kan torbaniirratti akka hirmaatan qophiin godhame, obboloonni hedduun Macaafa Qulqulluu dubbisuu itti fufuusaanii hubachuusaa ilaaltuun olaanaa takko ibseera. Haasawaa Lak. 2 dhiheessuu ilaalchisee, obboloonni kutaa kana dhiheessan seensaafi xumura kutaa kanaa utuu hin qophaa’in kutaa kennameef qofa dubbisuunsaanii bu’a qabeessa ta’uusaa obboloonni hedduun yaada kennaniiru. Seensaafi xumura qophaa’uu utuu isaan hin barbaachisin kan xiyyeeffatan dandeetti dubbisuusaaniirratti qofadha.—1 Xim. 4:13.
3 Hundinuu Faayidaa Argachuu Danda’u: Walga’iiwwan gumiirratti deebii kennuun wanta nama gammachiisudha. (Fak. 15:23) Gaaffii irra deebii afaanii dursinee argachuun keenya, salphaadhumatti qophaa’uufi guyyaa kutaan sun dhihaatutti hirmaannaa gochuuf nu dandeessisa. Dabalataanis, Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2004rratti, yaadni ijoo Macaafa Qulqulluu Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa torban sanatti dhihaatuuf qabatee ba’eera. Barumsiwwan akkasii kun, obboloonni hedduun ijoo dubbii Macaafa Qulqulluurratti yaada nama jajjabeessu akka kennan isaan gargaareera. Tajaajila Mootummaa gara fuulduraatti ba’anirratti, irra deebiin afaanii barumsawwan Masaraawwan Eegumsaarratti hundaa’an ni ba’u.
4 Namoonni mana barumsaa kanaaf galmaa’an hundi kutaawwan qophaa’uufi dhiheessuuf mirga addaa argataniiru. Yaada nama jajjabeessu ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa kennurraas ni fayyadamna. Erga walga’ichi xumuramee booda, barattoonni gorsa ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa kennurraas fayyadamuu ni danda’u. Kitaaba Leenjii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti kennamurraa Fayyadami jedhu jalatti gilgaaliwwan dhuma amalawwan haasawaa hunda jalatti dhihaatanirraa gorsa dabalataa argachuu dandeenya.
5 Manni barumsichaa utuu dhihaachaa jiruus ta’e isa booda, yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’aniifi sammuu keetti dhufan, kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii keerratti yaadannoo qabachuu dandeessa. Wanta baratterratti xiinxaluufi barumsi Waaqayyorraa argamu akkasii kun, karaa hafuuraatiin jabaachuuf akkamitti akka si gargaaraa jiru yaadi.