Yihowaan Hojii Kanaaf Nu Leenjisaa Jira
1. Yihowaan yommuu namootaaf hojii tokko kennu, maal wajjin kenna?
1 Yihowaan yommuu namootaaf hojii tokko kennu, gargaarsa hojii sana fiixaan baasuuf isaan dandeessisus ni kennaaf. Fakkeenyaaf Yihowaan, Nohi wanta kanaan dura hojjetee hin beekne, jechuunis markaba akka hojjetu yommuu isa ajajjetti akkamitti akka hojjetus itti himee ture. (Uma. 6:14-16) Tiksee garraamii kan taʼe Museen maanguddoota Israaʼeliifi Faraʼoon bira akka deemu yommuu ajajametti Yihowaan, “Ani immoo akka ati dubbattuuf sin gargaara! Waan ati dubbattus sin barsiisa!” jechuudhaan isaaf mirkaneesseera. (Bau. 4:12) Yihowaan hojii misiraachoo akka lallabnu nuu kennamerrattis, karaa itti hojjennu ilaalchisee qajeelfama nuu kenna. Karaa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiifi Walgaʼii Tajaajilaatiin hojii kanaaf nu leenjisa. Leenjii kanarraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
2. Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii: Walgaʼiiwwan hundarratti argamuukee dura, kutaawwan saganticharratti baʼan qophaaʼi. Achiis barattoonni kutaa sana akkamitti akka dhiheessan yommuu argitu, akkaataa itti barsiistu caalaatti fooyyessaa adeemta. (Fak. 27:17) Walgaʼii yeroo dhaqxu kitaaba Mana Barumsa Tajaajilaakee qabadhuu deemi; kitaabichi iddoo qabxiiwwan itti hojjechuu barbaaddu irratti barreeffattus qaba. Barataan tokko kutaa erga dhiheessee booda daawwataan olaanaa mana barumsichaa kitaabicharraa caqasee yommuu dubbatu, yaadawwan ijoo itti hojjechuu barbaaddu jala sarari; bakka duwwaa kitaabicharra jirus yaadannoo qabachuuf itti fayyadami. Haataʼu malee, mana barumsichaarraa caalaatti fayyadamuu kan dandeessu hirmaannaa yoo gootedha. Mana barumsaa kanatti galmeeffamteettaa? Yeroo kutaan sii kennamu, akka gaaritti qophaaʼi; gorsa sii kennames hojiirra oolchi. Wanta baratte tajaajilarratti fayyadami.
3. Walgaʼii Tajaajilaarraa faayidaa argachuuf maaltu nu gargaara?
3 Walgaʼii Tajaajilaa: Wanta walgaʼii kanarratti dhihaatu dursinee yoo dubbisneefi deebii kennuuf yoo qophoofne, yaadawwan walgaʼicharratti dhihaatan akka gaaritti yaadachuu dandeenya. Yaada kenninu yoo gabaabsine, namoonni baayʼeen hirmaachuu dandaʼu. Hojiin argisiisawwan dhihaataniif xiyyeeffannaa kenni; akkasumas yaadawwan tajaajillikee milkaaʼaa akka taʼu godhanitti fayyadami. Matadureewwan Tajaajila Mootummaa tajaajilarratti si gargaaran kaaʼadhu.
4. Leenjii tiʼookraasiitti akka gaaritti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?
4 Akkuma hojii Nohiifi Museef kennameetti, hojiin misiraachicha hamma andaara lafaatti akka lallabnu nuu kennames ulfaataadha. (Mat. 24:14) Barsiisaa keenya isa Guddaa kan taʼe Yihowaarratti kan amanamnuufi leenjiiwwan inni nuu qopheessuutti akka gaaritti kan fayyadamnu yoo taʼe, milkaaʼina argachuu dandeenya.—Isa. 30:20.