LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • kr boq. 17 ful. 205-215
  • Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisuu
  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Isa Abbaan Na Barsiisen Dubbadha’
  • Tajaajiltoonni Waaqayyoo Labsitoota Wangeelaa Akka Taʼan Leenjisuu
  • Itti Gaafatamummaa Addaa Isaaniif Kennamu Akka Raawwataniif Obboloota Leenjisuu
  • Manneen Barnootaa Tiʼookraasii Jaalala Yihowaan Nuuf Qabu Mulʼisan
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Hojii Lallabaa Isaaniitiif kan Leenjifaman Akkamitti?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Hamma Dandeesse Yihowaarraa Barachaa Jirtaa?
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Qajeelchitootaaf Manni Barumsaa Akkamii Qophaaʼeera?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Dabalataan Ilaaluuf
Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
kr boq. 17 ful. 205-215

BOQONNAA 17

Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisuu

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Manneen barnootaa tiʼookraasii tajaajiltoonni Mootummichaa itti gaafatamummaasaanii akka raawwatan akkamitti akka isaan qopheessan ilaalla

1-3. Yesus hojii lallabaa kan babalʼise akkamitti? Kunoo gaaffiiwwan akkamii kaasa?

YESUS gara waggaa lamaatiif guutummaa biyya Galiilaatti lallabeera. (Maatewos 9:35-38 dubbisi.) Magaalotaafi mandaroota hedduu, akkasumas manneen sagadaa keessatti misiraachoo Mootummichaa lallabeera. Bakka inni lallabe hundatti namoonni hedduun isa dhaggeeffachuuf isa duukaa buʼaniiru. Kanaan kan kaʼes Yesus, ‘midhaan sassaabamu baayʼee, hojjettoonni garuu’ muraasa akka taʼan dubbateera.

2 Yesus hojiin lallabaa balʼinaan akka geggeeffamuuf qophii godhee ture. Akkamitti? Ergamoonnisaa 12n ‘Mootummaa Waaqayyoo akka labsaniif’ isaan erguudhaan ture. (Luq. 9:1, 2) Ergamoonnisaa hojii kana akkamitti akka raawwatan gaaffii isaanitti taʼuu hin oolu. Tajaajilaaf isaan erguusaa dura jaalalaan kakaʼee wanta Abbaansaa inni samii kenneefii ture, jechuunis leenjii isaaniif kenneera.

3 Kanaa wajjin haala wal qabateen gaaffiiwwan armaan gadii ni kaʼu: Yesus Abbaasaarraa leenjii akkamii argatee ture? Yesus ergamootasaatiif leenjii akkamii kenne? Yeroo harʼaattoo Masiihii inni Mootii taʼe duuka buutonnisaa tajaajilasaanii akka raawwataniif isaan leenjisaa jiraa? Taanaan akkamitti?

‘Isa Abbaan Na Barsiisen Dubbadha’

4. Yesus Abbaasaarraa kan barate yoomiifi eessatti?

4 Yesus Abbaasaarraa akka barate ifatti dubbateera. Lafarratti tajaajilaa yeroo turetti, ‘Isa abbaan na barsiisen dubbadha’ jedheera. (Yoh. 8:28) Yesus kan barate yoomiifi eessattidha? Leenjii argachuu kan eegale tokkicha Ilma Waaqayyoo taʼee erga uumamee utuu baayʼee hin turin taʼuu hin oolu. (Qol. 1:15) Abbaasaa isa “Barsiisaa” Guddicha taʼeefi samiirra jiruu wajjin waggoota hammana hin jedhamneef yommuu turetti, isa dhaggeeffachaafi wanta inni godhu ilaalaa ture. (Isa. 30:20) Kanaaf, Ilmi amala, hojiifi kaayyoo Abbaasaa ilaalchisee beekumsa guddaa argateera.

5. Tajaajila inni lafarratti raawwatu ilaalchisee Abbaan Ilmasaatiif qajeelfama akkamii kenne?

5 Yommuu yeroonsaa gaʼuttimmoo Yihowaan tajaajila Ilmisaa gara fuulduraatti lafarratti raawwatu ilaalchisee isa barsiiseera. Raajii walitti dhufeenya Barsiisaa Guddichaafi tokkicha Ilmasaa gidduu ture ibsu tokko mee haa ilaallu. (Isaayaas 50:4, 5 dubbisi.) Raajiin kun Yihowaan ‘ganama ganama’ Ilmasaa akka ‘dammaqsu’ dubbata. Yaadni fakkeenyaan ibsame kun barsiisaa barataasaa barsiisuuf ganama bariidhaan isa kaasu kan nu yaadachiisudha. Kitaabni Macaafa Qulqulluurratti ibsa kennu tokko, ‘Akka fakkeenyaatti Yihowaan tajaajilaasaa mana barumsaatti geessuudhaan wanta inni lallabuufi akkamitti akka lallabu isa barsiiseera’ jechuudhaan addeesseera. Yihowaan “mana barumsaa” samiirra jiru sana keessatti ‘wanta Ilmisaa dubbatu’ isa barsiiseera. (Yoh. 12:49) Kana malees Abbaan, Ilmisaa akkamitti barsiisuu akka qabu qajeelfama isaaf kenneera.a Yesus leenjii argate kana yommuu lafarra turetti tajaajilasaa raawwachuuf qofa utuu hin taʼin, duuka buutonnisaa tajaajilasaanii raawwachuu akka dandaʼaniif isaan leenjisuufis itti fayyadameera.

6, 7. (a) Yesus bartootasaatiif leenjii akkamii kenne? Kunoo hojii kamiif isaan qopheesse? (b) Yesus duuka buutonnisaa bara keenyatti argaman leenjii akkamii akka argatan mirkaneesseera?

6 Akkuma olitti caqasame Yesus ergamootasaatiif leenjii akkamii kenne? Maatewos boqonnaa 10⁠rraa akka hubannutti tajaajilaa wajjin haala wal qabateen qajeelfama ifa taʼe armaan gadii isaaniif kenneera. Fakkeenyaaf, eessatti akka lallaban (lakkoofsa 5, 6), ergaa akkamii akka lallaban (lakkoofsa 7), Yihowaatti amanamuunsaanii barbaachisaa taʼuusaa (lakkoofsa 9, 10), namoota akkamitti haasofsiisuu akka qaban (lakkoofsa 11-13), namoonni yommuu isaan dhagaʼuu didanitti maal gochuu akka qaban (lakkoofsa 14, 15) akkasumas, yommuu ariʼatamni isaanirra gaʼu maal gochuu akka qaban (lakkoofsa 16-23) isaan leenjiseera.b Leenjiin Yesus ergamootasaatiif kenne, Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti misiraachicha lallabuuf isaan hidhachiiseera.

7 Haalli yeroo harʼaa jiruhoo maal fakkaata? Yesus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe, ‘saba hundumaatti dhugaa akka baʼamuuf, wangeela mootummaa guutummaa biyya lafaatti akka lallabaniif’ duuka buutotasaatiif itti gaafatamummaa guddaa kenneera. (Mat. 24:14) Mootichi hojii baayʼee barbaachisaa taʼe kana akka raawwannuuf nu leenjiseeraa? Eeyyee, akka gaariitti nu leenjiseera! Mootichi samiirra taaʼee duuka buutonnisaa namoota gumiidhaa ala jiraniif akka lallaban, akkasumas leenjii itti gaafatamummaa addaa gumii keessaa qaban raawwachuuf isaan dandeessisu kenneera.

Tajaajiltoonni Waaqayyoo Labsitoota Wangeelaa Akka Taʼan Leenjisuu

8, 9. (a) Kaayyoon Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii inni guddaan maal ture? (b) Walgaʼiin torban gidduutti godhamu tajaajila keessanirratti milkaaʼina akka argattan kan isin gargaare akkamitti?

8 Jaarmiyaan Yihowaa walgaʼiiwwan gurguddaafi kutaa Walgaʼii Tajaajilaa walgaʼii gumiirratti dhihaatuun saba Waaqayyoo leenjisaa tureera. Haataʼu malee, bara 1940⁠nii kaasee obboloonni waajjira muummee keessatti adda durummaadhaan hojjetan, manneen barnootaa addaddaa hundeessuudhaan leenjii kennuuf qophii gochuu jalqaban.

9 Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii. Boqonnaa darberratti akkuma ilaalle manni barumsaa kun bara 1943⁠tti hundeeffame. Kaayyoon mana barumsaa kanaa barattoonni walgaʼiiwwan gumiirratti kutaa gaarii akka dhiheessan leenjisuu qofa turee? Matumaa! Kaayyoon mana barumsichaa inni guddaan, sabni Waaqayyoo dandeettii dubbachuusaaniitti fayyadamuudhaan tajaajilarratti Yihowaa akka jajatan isaan leenjisuu ture. (Far. 150:6) Manni barumsaa kun, obboloonni mana barumsichaarratti hirmaatan hundi tajaajiltoota Mootummichaa buʼa qabeessa taʼan akka taʼan isaan qopheesseera. Amma leenjiin akkanaa kun karaa walgaʼii torban gidduutti godhamuu kennama.

10, 11. Yeroo ammaatti, Mana Barumsaa Giilʼaadirratti kan hirmaatan eenyufaʼi? Kaayyoon mana barumsaa kanaahoo maalidha?

10 Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad. Manni barumsaa kun Wiixata, Guraandhala 1, 1943⁠tti hundeeffame. Manni barumsaa kun kan hundeeffame qajeelchitoonniifi tajaajiltoonni yeroo guutuu misiyoonii taʼuudhaan addunyaa maratti akka tajaajilan leenjisuuf ture. Haataʼu malee, Onkoloolessa 2011 kaasee obboloonni tajaajila yeroo guutuu addaa keessa jiran, jechuunis qajeelchitoonni addaa, daawwattoonni olaanaaniifi haadhotiin manaasaanii, miseensonni maatii Betʼeliifi misiyoononni kanaan dura mana barumsichaa galanii hin baranne qofti akka leenjiʼan godhame.

11 Kaayyoon Mana Barumsaa Giilʼaad maalidha? Obboleessi waggaa hedduudhaaf mana barumsaa kanatti barsiise tokko akkas jechuudhaan deebii kenneera: “Barattoonni Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qoruudhaan amantiisaanii akka cimsatan, akkasumas amala rakkina itti gaafatamummaasaanii yommuu raawwatan isaan mudatu moʼuuf isaan fayyadu akka horatan gargaaruufidha. Kana malees, kaayyoon mana barumsichaa inni buʼuuraa barattoonni hojii wangeelaatiif fedhii guddaa akka qabaatan gargaaruudha.”—Efe. 4:11.

12, 13. Manni Barumsaa Giilʼaad hojii lallabaa addunyaa maratti geggeeffamuuf gumaacha akkamii godheera? Fakkeenya kenni.

12 Manni Barumsaa Giilʼaad hojii lallabaa addunyaa maratti geggeeffamuuf gumaacha akkamii godheera? Bara 1943 kaasee obboloonni 8,500 ol taʼan mana barumsaa kana galanii kan leenjiʼan yommuu taʼu,c misiyoononni Giilʼaaditti leenjiʼan kunis addunyaa maratti biyyoota 170 ol taʼan keessatti ramadamanii tajaajilaniiru. Misiyoononni leenjii argatanitti akka gaariitti kan fayyadaman yommuu taʼu, tajaajilarrattis taʼe obboloota kaan leenjisuurratti fakkeenya gaarii taʼaniiru. Misiyoononni biyya babalʼistoonni Mootummichaa qubaan lakkaaʼaman jiranitti ykn sirumaa hin jirretti hojichi akka babalʼatu godhaniiru.

13 Mee wanta Jaappaanitti taʼe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Hojiin lallabaa biyya kanatti geggeeffamaa ture yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti guutummaatti dhaabatee ture jechuun ni dandaʼama. Hagayya 1949⁠tti babalʼistoonni Jaappaan keessa turan kudhan hin caalan turan. Haataʼu malee, dhuma waggaa sanaatti misiyoononni Giiliʼaaditti leenjiʼan 13 biyyichatti dammaqinaan lallabuuf deemanii turan. Dabalataanis misiyoononni hedduun biyyicha seenan. Jalqabarratti magaalota gurguddaarratti kan xiyyeeffatan yommuu taʼu, boodas gara magaalota kaanii deemuu eegalan. Misiyoononni kun barattoonnisaaniis taʼe obboloonni kaan qajeelchitoota akka taʼan baayʼee jajjabeessu turan. Hinaaffaan misiyoononni kun argisiisan eebba guddaa argamsiiseera. Yeroo harʼaa Jaappaan keessa labsitoonni Mootummichaa 216,000 ol taʼan kan jiran yommuu taʼu, isaan keessaa garri parsantii 40 qajeelchitootadha!d

14. Manneen barnootaa Tiʼookraasii maal mirkaneessu? (Saanduqa “Manneen Barnootaa Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisan” jedhuufi fuula 212⁠rratti argamus ilaali.)

14 Manneen barnootaa tiʼookraasii kaan. Manni Barumsaa Qajeelchitootaa, Manni Barumsaa Macaafa Qulqulluu Hiriyoota Gaaʼelaafi Manni Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeentee, warri achitti leenjiʼan karaa hafuuraa akka guddataniifi wangeela labsuurratti hinaaffaadhaan akka hirmaatan isaan gargaareera.e Manneen barnootaa tiʼookraasii kun hundi, Mootiin keenya duuka buutonnisaa tajaajilasaanii akka raawwataniif akka gaariitti isaan qopheessaa akka jiru kan argisiisanidha.—2 Xim. 4:5.

Itti Gaafatamummaa Addaa Isaaniif Kennamu Akka Raawwataniif Obboloota Leenjisuu

15. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban gama kamiin fakkeenya Yesus hordofuu barbaadu?

15 Raajii Isaayaas, isa Yesus Waaqayyorraa akka barate ibsu yaadadhaa. Ilmi kun “mana barumsaa” samiirra jiru sana keessatti ‘warra dadhabanitti dubbii barbaachisu dubbatee akkamitti akka isaan jajjabeessu’ barateera. (Isa. 50:4) Lafarra yommuu turetti namoonni ‘dhamaʼanii dadhabaniifi baʼaan isaanitti ulfaate’ garasaa dhaqanii boqonnaa akka argatan gochuudhaan barumsa samiirratti barate hojiirra oolcheera. (Mat. 11:28-30) Dhiironni itti gaafatamummaan kennameefis fakkeenya Yesus hordofuudhaan obbolootasaaniitiif madda jajjabinaa taʼuu barbaadu. Gama kanaanis obboloonni gaʼumsa qaban warra hidhata amantiisaanii taʼan jajjabeessuudhaan buʼa qabeeyyii akka taʼan gargaaruuf manneen barnootaa addaddaa hundeeffamaniiru.

16, 17. Kaayyoon Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa maalidha? (Miiljalees ilaali.)

16 Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa. Manni barumsaa kun kan eegale Bitootessa 9, 1959, Saawuz Laansiingi, Niiwu Yoorkitti ture. Daawwattoonni olaanaaniifi tajaajiltoonni gumii (yeroo ammaa qindeessaa qaama jaarsolii jedhamu) leenjii jiʼa tokkoof kennamurratti akka hirmaatan afeeramu turan. Yeroo boodas leenjiin mana barumsaa kanatti kennamu Ingiliffarraa gara afaanota kaaniitti kan hiikame yommuu taʼu, suuta suuta obboloota addunyaa maratti argaman leenjisuu jalqabe.f

Bara 1970tti Obboleessi Looyid Baar, Jaappaanitti Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarratti yommuu barsiisu

Obboleessi keenya Looyid Baar, Jaappaanitti Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarratti yommuu barsiisu, bara 1970

17 Kaayyoo Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa ilaalchisee Kitaabni Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 1962 (Ingiliffa) akkas jedheera: “Addunyaa namoota hojiidhaan muddamaniin guutame kana keessatti, ilaaltonni olaanaan jaarmiyaa Yihowaa keessa jiran, obboloota gumii keessatti argamaniif xiyyeeffannaa kennuu akka dandaʼaniif jireenyasaanii karaa qindaaʼina qabuun geggeessuu kan dandaʼan taʼuu qabu. Yeroo kanatti garuu gumicha gargaaruuf jecha itti gaafatamummaa maatii keessatti qaban dagachuu hin qaban. Kanaa mannaa, ilaalcha madaalliisaa eege qabaachuu qabu. Tajaajiltoonni gumii (qindeessitoota qaama jaarsolii) gumiiwwan addunyaa maratti argaman keessa jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarratti hirmaachuudhaan wanta ilaaltuun olaanaan tokko raawwachuu qabu ilaalchisee ulaagaa Macaafni Qulqulluun ibsu galmaan gaʼuuf leenjii argachuu dandaʼuunsaanii eebba guddaadha!”—1 Xim. 3:1-7; Tit. 1:5-9.

18. Sabni Waaqayyoo hundi Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarraa kan fayyadaman akkamitti?

18 Sabni Waaqayyoo hundi Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarraa faayidaa argataniiru. Akkamitti? Jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii wanta mana barumsaa kanarratti baratan yommuu hojiirra oolchan, isaanis akkuma Yesus obbolootasaaniitiif madda jajjabinaa taʼu. Jaarsi ykn tajaajilaan gumii tokko garaadhaa nu haasofsiisuunsaa, nu dhaggeeffachuunsaa ykn mana keenya dhufee nu gaafachuunsaa baayʼee nu hin jajjabeessuu? (1 Tas. 5:11) Dhiironni gaʼumsa akkasii qaban gumiisaaniitiif eebba guddaa argamsiisu!

19. Manneen barnootaa Koreen Barumsaa olaantummaadhaan toʼatu kaan kamfaʼi? Manneen barnootaa kunoo kan hundeeffaman maaliifi?

19 Manneen barnootaa tiʼookraasii kaan. Koreen Barumsaa Qaama Olaanaa, manneen barnootaa obboloota jaarmiyicha keessatti itti gaafatamummaa qabaniif leenjii kennan garabiraas adda durummaadhaan ni toʼata. Manneen barnootaa kun kan hundeeffaman, obboloonni itti gaafatamummaa qaban, keessumaa jaarsoliin gumii, daawwattoonni olaanaaniifi miseensonni Koree Waajjira Damee hojii hedduu isaanitti kenname karaa buʼa qabeessa taʼeen raawwachuu akka dandaʼan gargaaruufidha. Leenjiin Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼee kennamu, obboloonni ofiisaaniitiif karaa hafuuraa akka jabaataniifi karra hoolotaa Yihowaan adaraadhaan isaanitti kenne yommuu kunuunsan, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuuf isaan gargaara.—1 Phe. 5:1-3.

Maalaawwiitti Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa yeroo jalqabaatiif kenname

Maalaawwiitti Manni Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa yeroo jalqabaatiif yommuu kennamu, bara 2007

20. Yesus, hunda keenya ‘Waaqayyotu barsiise’ jechuudhaan dubbachuu kan dandaʼe maaliifi? Maal gochuuf murteessitaniittu?

20 Masiihii inni Mootii taʼe duuka buutonnisaa leenjii gaarii akka argatan gochaa akka jiru ifadha. Leenjiin kun hundi sadarkaa sadarkaadhaan kan kennamu yommuu taʼu, Yihowaan Ilmasaa leenjise, Ilmisaa immoo duuka buutotasaa leenjise. Kanaaf, Yesus hunda keenya ‘Waaqayyotu barsiise’ jechuunsaa sirriidha. (Yoh. 6:45; Isa. 54:13) Leenjii Mootiin keenya nuu kennurraa faayidaa guutuu argachuuf carraaqqii haa goonu! Akkasumas, kaayyoon leenjii kanaa inni guddaan, karaa hafuuraa jabaachuudhaan tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu akka dandeenyu nu gargaaruu akka taʼe haa yaadannu!

a Akkamitti akka barsiisu ilaalchisee Abbaan Ilma akka barsiise akkamitti beekna? Mee yaada armaan gadiirratti xiinxalaa: Yesus yommuu barsiisaa turetti fakkeenyota hedduutti fayyadamuunsaa, raajiin utuu inni hin dhalatin jaarraa hedduu dura barreeffame raawwiisaa akka argatu godheera. (Far. 78:2; Mat. 13:34, 35) Kanarraa hubachuu akka dandeenyutti, Yihowaa inni madda raajii kanaa taʼe, Ilmisaa fakkeenyatti fayyadamee akka barsiisu beeka ture.—2 Xim. 3:16, 17.

b Yesus jiʼoota muraasa booda ergamootasaa ‘lama lamaan ramadee’ akka lallabaniif ergee ture. Leenjiis isaaniif kenneera.—Luq. 10:1-16.

c Barattoonni tokko tokko Mana Barumsaa Giilʼaadirratti siʼa tokkoo ol hirmaataniiru.

d Misiyoonota Giilʼaaditti leenjiʼuudhaan hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamurratti buʼaa gaarii argamsiisan ilaalchisee odeeffannoo balʼaa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaa—Labsitoota Mootummichaa Taʼan jedhamu boqonnaa 23 ilaali. (Ingiliffa)

e Manni Barumsaa Hiriyoota Gaaʼelaafi Manni Barumsaa Obboloota Qeentee, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaatiin bakka buufamaniiru.

f Yeroo ammaa Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarratti kan hirmaatan jaarsolii gumii hunda siʼa taʼu, dheerinni leenjichaa haalasaarratti kan hundaaʼeefi waggoota murtaaʼan keessatti kan kennamudha. Bara 1984 kaasee, manni barumsaa kun tajaajiltoota gumiitiifis leenjii kennaa jira.

Mootummichi Isiniif Hammam Dhugoomeera?

  • Yesus Abbaasaarraa leenjii akkamii argate?

  • Mootichi duuka buutonnisaa labsitoota wangeelaa akka taʼan kan leenjise akkamitti?

  • Obboloonni gaʼumsa qaban leenjii itti gaafatamummaasaanii raawwachuuf isaan gargaaru kan argatan akkamitti?

  • Leenjii Mootichi kennu akka dinqisiifattan argisiisuu kan dandeessan akkamitti?

MANNEEN BARNOOTAA TAJAAJILTOOTA MOOTUMMICHAA LEENJISAN

WALGAʼII JIREENYAA FI TAJAAJILA KIRISTIYAANAA

Kaayyoo: Babalʼistoonni misiraachicha karaa buʼa qabeessa taʼeen akka lallabaniifi barsiisan gargaaruu.

Yeroo: Itti fufiinsa kan qabu.

Bakka: Galma Mootummaa.

Kan irratti hirmaatan: Namoonni yeroo hunda gumiirratti argaman, barumsa Macaafni Qulqulluun barsiisu fudhataniifi akka Kiristiyaana tokkorraa barbaadamutti jiraatan irratti hirmaachuu dandaʼu. Mana barumsaa kanarratti hirmaachuu yoo barbaadde, ilaaltuu olaanaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa haasofsiisi.

Faayidaa argamu: Walgaʼiin torban gidduutti godhamu, odeeffannoo tokkorratti qorannoo gochuudhaan karaa amansiisaa taʼeen dhiheessuu akka dandeenyu, akkasumas fedha hafuuraa keenyarratti qofa utuu hin taʼin, namoota kaan dhaggeeffachuudhaan karaa hafuuraa wanta isaan barbaachisurratti xiyyeeffachuu akka dandeenyu nu barsiisa.”

Arnee inni waggaa hedduudhaaf daawwataa olaanaa taʼee tajaajiles akkas jedheera: “Giingee kanan ture taʼuukoorrayyuu fuulleetti namootaa wajjin dubbachuun na sodaachisa ture. [Walgaʼiin] kun ofitti amanamummaa akkan qabaadhu na gargaareera. Gargaarsa Yihowaafi leenjiin mana barumsaa kanarratti argadhetti fayyadamuudhaan yaadakoo sirriitti ibsuufi wanta tokkorratti xiyyeeffachuu barachuu dandaʼeera. Gumii keessattis taʼe tajaajilarratti, dandeettiin Yihowaadhaaf galata ittiin galchu waanan argadheef baayʼeen galateeffadha.”

Mucaa xinnoon kutaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu Mana Barumsaa Tajaajila Ti‵ookraasii irratti yeroo dhiheessu

MANA BARUMSAA JAARSOLII GUMIITIIF QOPHAAʼEg

Kaayyoo: Jaarsoliin gumii dandeettii hafuuraasaanii akka guddifataniifi itti gaafatamummaa gumii keessatti qaban sirriitti akka raawwatan gargaaruu.

Yeroo: Guyyaa shan.

Bakka: Waajjira dameetiin kan murteeffamu siʼa taʼu, yeroo baayʼee Galma Mootummaa dhihoo jirutti ykn Galma Walgaʼiiwwan Gurguddaatti geggeeffama.

Kan irratti hirmaatan: Waajjira dameetu jaarsolii irratti hirmaatan afeera.

Faayidaa argamu: Yaada obboloonni Paatarsan, Niiwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetisitti kutaa 92⁠ffaa mana barumsaa kanaarratti hirmaatan kennan qalbeeffadhaa:

““Manni barumsaa kun baayʼee na fayyadeera, akkaataan hoolota Yihowaa kunuunsuu itti dandaʼurratti akkan yaadu na gargaareera.”

“Leenjiin argadhe kana guutummaa jireenyakoo keessatti hojiirran oolcha.”

MANA BARUMSAA TAJAAJILA QAJEELCHITOOTAA

Kaayyoo: Qajeelchitoonni tajaajilasaanii ‘guutummaatti akka raawwatan’ gargaaruu.—2 Xim. 4:5, NW.

Yeroo: Guyyaa jaʼa.

Bakka: Waajjira dameetiin kan murteeffamu siʼa taʼu, yeroo baayʼee Galma Mootummaa dhihoo jirutti geggeeffama.

Kan irratti hirmaatan: Obboloonni yoo xinnaate waggaa tokkoof qajeelchitoota taʼanii tajaajilan kan irratti hirmaatan siʼa taʼu, daawwataan olaanaan aanaasaanii kan isaan beeksisu taʼa. Qajeelchitoonni waggaa shan dura mana barumsaa kanarratti hirmaatanis yeroo lammataatiif akka irratti hirmaatan ni afeeramu.

Faayidaa argamu: Obboleettiin Liilii jedhamtu akkas jetteetti: “Manni barumsaa kun rakkoowwan tajaajilaafi jireenyakoo keessatti na mudatan akkamitti moʼuu akkan dandaʼu na barsiiseera. Akkaataan itti qayyabadhu, akkaataan itti barsiisuufi akkaataan Macaafa Qulqulluutti itti fayyadamu baayʼee naaf fooyyesseera. Namoota kaan gargaaruuf sirriittan qophaaʼa, jaarsolii gumii nan deggera, guddina gumiitiifis gumaacha nan godha.”

Bireendaa isheen mana barumsaa kanarratti siʼa lama hirmaattes akkas jetteetti: “Manni barumsaa kun wantoota hafuuraarratti akkan xiyyeeffadhu na gargaareera, garaakoo naaf jabeesseera, akkasumas namoota kaan gargaaruurratti akkan xiyyeeffadhu godheera. Gabaabaadhumatti, Yihowaan Waaqa arjaadha!”

MANA BARUMSAA OBBOLOOTA REEFU BETʼEL GALANIIF QOPHAAʼE

Kaayyoo: Obboloonni haaraan Betʼeliin galan tajaajila Betʼelitti raawwatanirratti milkaaʼina akka argatan gargaaruu.

Yeroo: Guyyaa afuriif guyyaatti saʼaatii afuriif dhihaata.

Bakka: Betʼel.

Kan irratti hirmaatan: Miseensota maatii Betʼeliifi obboloota yeroo murtaaʼeef (waggaa tokko ykn isaa oliif) Betʼel keessa fedhaan tajaajilan.

Faayidaa argamu: Obboleessi Dimeetriyas jedhamuufi bara 1980⁠niitti mana barumsaa kanarratti hirmaate akkas jedheera: “Leenjiin kun akkaataan itti qayyabadhu fooyyeffachuufi yeroo dheeraadhaaf Betʼel keessa tajaajiluu akkan dandaʼu na gargaareera. Obboloonni leenjii kana kennan, barumsiifi gorsi gaariin yeroo kanatti kennamu Yihowaan akka na jaallatuufi tajaajilan Betʼel keessatti raawwadhurratti milkaaʼina akkan argadhu kan barbaadu taʼuusaa na amansiisaniiru.”

MANA BARUMSAA LABSITOOTA WANGEELA MOOTUMMICHAAh

Kaayyoo: Obboloota tajaajila yeroo guutuu keessa jiran (hiriyoota gaaʼelaa, obboloota qeenxeefi obboleettota qeenxee) sirriitti leenjisuudhaan Yihowaafi jaarmiyaansaa guutummaatti akka isaanitti fayyadaman gargaaruudha. Obboloota mana barumsaa kanarratti hirmaatan keessaa hedduunsaanii biyyasaanii keessaa bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii akka tajaajilan ramadamu. Obboloonni umriinsaanii waggaa 50 gad taʼe, naannoowwan fagootti ramadamuudhaan yeroodhaaf qajeelchitoota addaa taʼanii akka tajaajilan gaafatamuu dandaʼu.

Yeroo: Jiʼa lama.

Bakka: Waajjira dameetiin kan murteeffamu siʼa taʼu, Galma Mootummaa dhihoo jirutti ykn Galma Walgaʼiiwwan Gurguddaatti geggeeffama.

Obboleetti tajaajila irra jirtu

Obboloonniifi obboleettonni leenjii tiʼookraasiirraa faayidaa argachaa jiru

Kan irratti hirmaatan: Obboloonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiran, waggaa 23fi 65 gidduutti argaman, haalli fayyaasaanii gaarii taʼe, bakka barbaachisaa taʼe deemanii tajaajiluu dandaʼaniifi ilaalcha, “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jedhu qaban irratti hirmaachuu dandaʼu. (Isa. 6:8) Obboloonniifi obboleettonni qeenxee taʼan mana barumsaa kanarratti hirmaachuuf, utuu addaan hin kutin yoo xinnaate waggaa lamaaf qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu qabu. Hiriyoonni gaaʼelaa mana barumsaa kanarratti hirmaachuu barbaadanimmoo, erga wal fuudhanii yoo xinnaate waggaa lama kan guutan, lamaansaaniiyyuu yoo xinnaate waggaa lamaaf utuu walirraa hin kutin tajaajila yeroo guutuurratti kan hirmaatan taʼuu qabu. Obboloonni dhiiraa mana barumsaa kanarratti hirmaatanimmoo, yoo xinnaate waggaa lamaaf utuu walirraa hin kutin jaarsa gumii ykn tajaajilaa gumii taʼanii kan tajaajilan taʼuu qabu. Manni barumsaa kun naannoo waajjirri damee keessan jirutti jalqabameera taanaan, yeroo walgaʼii naannootti walgaʼii obboloota mana barumsaa kanarratti hirmaachuu barbaadanii wajjin godhamurratti obboloota kanaaf odeeffannoon tokko tokko ni kennama.

Faayidaa argamu: Obboloonni Mana Barumsaa Obboloota Qeenxeefi Mana Barumsaa Hiriyoota Gaaʼelaarratti hirmaatan yaada gaarii taʼe hedduu kennaniiru. Bara 2013⁠tti, Qaamni Olaanaan manneen barnootaa kana walitti dabaluudhaan maqaasaa Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa jedhee moggaaseera. Obboleettota qeenxee taʼan dabalatee, qajeelchitoonni baayʼeen mana barumsaa kanarraa faayidaa hedduu akka argatan ni abdanna.

MANA BARUMSAA MACAAFA QULQULLUU GIILʼAAD

Kaayyoo: Obboloonni mana barumsaa kanaa eebbifaman daawwattoota olaanaa, misiyoonota ykn miseensota maatii Betʼel taʼanii ramadamu. Leenjii argatan hojiirra oolchuudhaan, tajaajila dirrees taʼe waajjira damee jabeessu.

Yeroo: Jiʼa shan.

Bakka: Wiirtuu Barumsaa Waach Taawor, Paatarsan, Niiwu Yoork, Yuu.Essi.Eetti argamutti.

Barattoota Mana Barumsaa Giil‵aad barsiisaa isaanii dhageeffachaa jiran

Mana Barumsaa Giilʼaad—Paatarsan, Niiwu Yoork

Kan irratti hirmaatan: Hiriyoota gaaʼelaa, obbolootaafi obboleettota qeenxee tajaajilaa yeroo guutuu addaarratti hirmaachaa jiran. Misiyoononni kanaan dura mana barumsaa kana seenanii leenjii hin fudhanne, qajeelchitoonni addaa, miseensonni maatii Betʼel ykn daawwattoonni olaanaafi haadhotiin manaasaanii, mana barumsaa kanarratti hirmaachuuf foormii akka guutan Koreen Waajjira Damee isaan gaafachuu dandaʼa. Obboloonni mana barumsaa kanarratti hirmaachuu barbaadan Ingiliffa dubbachuufi barreessuu kan dandaʼan taʼuu qabu.

Faayidaa argamu: Laadeefi Mooniik hiriyoota gaaʼelaa Yuunaayitid Isteetisii deemanii mana barumsaa kanarratti hirmaataniifi waggaa hedduudhaaf bakka ramadamanitti tajaajilan siʼa taʼan, yaada armaan gadii kennaniiru:

Laadeen, “Manni barumsaa Giilʼaad, addunyaarraa bakka kamiyyuu deemuufi gara kuteenyaan obboloota keenyaa wajjin hojjechuu akka dandeenyu nu gargaareera” jedheera.

Mooniik immoo itti dabaluudhaan, “Dubbii Waaqayyoorraa wantan baradhe yommuun hojiirra oolchu, tajaajila koorraa gammachuu guddaan argadha. Gammachuun kunimmoo karaa Yihowaan akka na jaallatu ittiin natti argisiise akka taʼettan ilaala.”

MANA BARUMSAA TAJAAJILA MOOTUMMAA

Kaayyoo: Daawwattoonni olaanaan, jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii warra isaan jala jiran akka eeganiifi itti gaafatamummaa jaarmiyicha keessatti qaban akka raawwatan leenjisuu. (HoE. 20:28) Mana barumsaa kana keessatti, amala gumii keessatti mulʼachaa jiruufi wanta gumichaaf barbaachisu ilaalchisee barumsi ni kennama. Manni barumsaa kun, qajeelfama Qaamni Olaanaan kennuun turtii waggoota muraasaa gidduutti irra deddeebiʼee godhama.

Yeroo: Waggoota dhihoodhaa asitti, manni barumsaa kun dheerina yeroo addaddaatiif geggeeffameera.

Bakka: Yeroo baayʼee Galma Mootummaa dhihootti argamutti ykn Galma Walgaʼii Guddaatti godhama.

Kan irratti hirmaatan: Jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii daawwataa olaanaadhaan afeeramu. Daawwattoonni olaanaammoo waajjira dameetiin afeeramu.

Faayidaa argamu: “Barumsi achitti kennamu waan baayʼee kan of keessatti qabateefi balʼaa yoo taʼeyyuu, jaarsoliin gumii gammachuu akka qabaataniifi “ija jabeeyyii” taʼuudhaan Yihowaa akka tajaajilan isaan gargaara. Jaarsolii haaraanis taʼan warri yeroo dheeraa tajaajilan, hoolota Yihowaa sirriitti tiksuu, ‘tokkummaafi’ walii galtee qabaachuu baratu.”—Kuwiin.

“Leenjiin kun, dinqisiifannaa wantoota hafuuraatiif qabnu guddifachuu, akeekkachiisa balaarraa akka of eegnuuf nuu kennamu fudhachuu, akkasumas mala ittiin karra Waaqayyoo kunuunsinu nu barsiiseera.”—Mikaaʼel.

MANA BARUMSAA DAAWWATTOOTA OLAANAA AANAAFI HAADHOTII MANAASAANIIi

Kaayyoo: Daawwattoonni olaanaan aanaa gumiiwwan tajaajiluurratti milkaaʼina akka qabaatan, ‘lallabaafi barsiisatti dadhabanii akka hojjetan,’ akkasumas warra itti gaafatamummaasaanii jala jiran eeguurratti buʼa qabeeyyii akka taʼan gargaaruu.—1 Xim. 5:17; 1 Phe. 5:2, 3.

Yeroo: Jiʼa tokko.

Bakka: Waajjira dameetu murteessa.

Kan irratti hirmaatan: Waajjirri damee daawwattoota olaanaa aanaafi haadhotii manaasaanii afeera.

Faayidaa argamu: “Dinqisiifannaan aboo Yesus mataa taʼuudhaan jaarmiyicharratti qabuuf qabnu nuu guddateera. Obboloota tajaajillu jajjabeessuufi tokkummaa gumii keessa jiru cimsuu akka qabnu hubanneerra. Leenjiin kun, daawwattoonni olaanaan yeroo tokko tokko gorsaafi sirreeffama kan kennan taʼus, kaayyoonsaanii inni guddaan obboloonni Yihowaan akka isaan jaallatu akka hubatan gargaaruu taʼuusaa nu yaadachiiseera.”—Jooʼeliifi Kaanee, kutaa tokkoffaa, bara 1999.

MANA BARUMSAA MISEENSOTA KOREE WAAJJIRA DAMEEFI HAADHOTII MANAASAANII

Kaayyoo: Obboloonni Koree Waajjira Damee keessatti tajaajilan manneen Betʼel akka gaariitti akka geggeessan, dhimmawwan tajaajilaa wajjin wal qabataniif xiyyeeffannaa akka kennan, aanaawwan naannoo tajaajilasaanii keessa jiran akka geggeessan gargaaruu.—Luq. 12:48b.

Yeroo: Jiʼa lama.

Bakka: Wiirtuu Barumsaa Waach Taawar, Paatarsan, Niiwu Yoork, Yuu.Eess.Eetti argamutti.

Kan irratti hirmaatan: Koree Tajaajilaa Qaama Olaanaatu, miseensota Koree Waajjira Damee ykn miseensota Koree Biyyaafi haadhotii manaasaanii afeera.

Faayidaa argamu: Looweeliifi Kaaraan kutaa 25⁠ffaarraa kan eebbifaman siʼa taʼu, yeroo ammaa Naayijeeriyaa keessatti tajaajilaa jiru.

Looweel, “Hojiin hammam yoo natti baayʼateyyuu ykn hojiin akkamiiyyuu yoo naa kenname wanta hundumaa karaa Yihowaa gammachiisuun hojjechuu akkan qabu baradheera” jedheera.

Kaaraanis mana barumsaa kanarraa leenjii akkamii akka argatte yommuu ibsitu akkas jetteetti: “Waan tokko karaa salphaatti hubatamuu dandaʼuun ibsuu yoon dadhabe, nama kan biraa barsiisuuf yaalii gochuukoo dura wanta sana sirriitti qayyabachuu akkan qabu hubadheera.”

g Manni barumsaa kun kennamaa kan jiru biyyoota hunda keessatti miti.

h Manni barumsaa kun kennamaa kan jiru biyyoota hunda keessatti miti.

i Manni barumsaa kun kennamaa kan jiru biyyoota hunda keessatti miti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi