Hamma Dandeesse Yihowaarraa Barachaa Jirtaa?
1. Yihowaan barumsaaf ilaalcha akkamii qaba?
1 “Barsiisaa” keenya isa Guddicha kan taʼe Yihowaan akka barannu barbaada. (Isa. 30:20) Barsiisuu kan jalqabe Ilmasaa isa angafaa erga uumee boodadha. (Yoh. 8:28) Erga Addaam isarratti kaʼee boodas Yihowaan barsiisuusaa hin dhiisne; kanaa mannaa, namoota mudaa qabaniif jaalalaan kakaʼee qajeelfama kenneera.—Isa. 48:17, 18; 2 Xim. 3:14, 15.
2. Duulli barnootaa geggeeffamaa jiru maalidha?
2 Yeroo harʼaa, Yihowaan duula barnootaa seenaa keessatti guddaa taʼe geggeessaa jira. Akkuma Isaayaas raajiidhaan dubbate, addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman gara ‘tulluu mana Waaqayyoo’ isa fakkeenyaan ibsameetti yaaʼaa jiru. (Isa. 2:2) Gara tulluu kanaatti yaaʼuu kan qabnu maaliifi? Yihowaarraa barachuufi! (Isa. 2:3) Dhugaa Baatonni Yihowaa, waggaa tajaajilaa 2010tti, lallabuudhaan akkasumas dhugaa Macaafa Qulqulluu namoota barsiisuudhaan saʼaatii biliyoona 1.6 ol dabarsaniiru. Kana malees, torban torbaniin barumsi hafuuraa addunyaa maratti gumiiwwan 105,000 ol taʼanitti kan kennamu yommuu taʼu, barruuleen Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanis hojjetaa amanamaafi ogeessa taʼeen afaan 500 ol taʼuun maxxanfamu.
3. Barnoota Yihowaan qopheesserraa dhuunfaatti faayidaa kan argatte akkamitti?
3 Guutummaatti Itti Fayyadamaa: Barumsa Yihowaan kennurraa faayidaa guddaa arganneerra. Waaqayyo akka maqaa qabuufi akka nuuf yaadu baranneerra. (Far. 83:18, NW; 1 Phe. 5:6, 7) Gaaffiiwwan barbaachisaa jireenya keessatti kaʼan kan akka, Namoonni kan rakkataniifi kan duʼan maaliifi? Gammachuu dhugaa argachuu kanan dandaʼu akkamitti? Kaayyoon jireenyaa maalidha? jedhaniif deebii arganneerra. Akkasumas Yihowaan seera ‘Karaa keenya nuu qajeelchu’ nuu kenneera.—Iya. 1:8.
4. Carraawwan barnootaa tajaajiltoota Waaqayyootiif banaa taʼan tokko tokko maalfaʼi? Hamma nuu dandaʼame Yihowaarraa barachuu kan qabnu maaliifi?
4 Kana malees, Yihowaan tajaajiltoonnisaa hedduun tajaajila isaaf dhiheessan balʼifachuu akka dandaʼan gargaaruuf leenjii adda taʼe qopheesseera. Carraawwan obboloota tokko tokkoof banaa taʼan fuula 4-6rratti ibsamaniiru. Haalli keenya leenjiiwwan kana akka fudhannu kan nuu hin heyyamne taʼullee, barumsa haala keenyaa wajjin walsimurraa guutummaatti fayyadamaa jirraa? Dargaggoota barsiistonnisaaniifi warri kaan barumsa sadarkaa olaanaa akka baratan dhiibbaa irratti godhan, galmawwan hafuuraa akka baafataniifi barnoota isa guddaa, jechuunis barumsa Yihowaa biraa argamu akka hordofan ni jajjabeessinaa? Hamma nuu dandaʼametti Yihowaarraa barachuun keenya yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa taʼe, gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraa nuuf argamsiisa.—Far. 119:105; Yoh. 17:3.
Carraawwan Barnootaa Jaarmiyaa Yihowaa Keessatti Argaman Tokko Tokko
Qubee Barachuu
• Kaayyoo: Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi warra kaan dhugaa barsiisuu akka dandaʼaniif, dubbisuufi barreessuu isaan barsiisuudha.
• Yeroo Fudhatu: Akka barbaachisaa taʼetti.
• Iddoo: Galma Mootummaatti.
• Eenyufaatu Irratti Hirmaata? Babalʼistootaafi namoota fedhii qaban hunda.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Jaarsoliin gumii akka barbaachisummaasaatti qophii kan godhan siʼa taʼu, namoonni isaan barbaachisu hundi akka irratti hirmaatanis ni jajjabeessu.
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
• Kaayyoo: Babalʼistoonni misraachicha karaa buʼa qabeessa taʼeen akka lallabaniifi akka barsiisan gargaaruu.
• Yeroo Fudhatu: Kan itti fufudha.
• Iddoo: Galma Mootummaa.
• Eenyufaatu Irratti Hirmaata? Babalʼistoota hunda. Akkasumas, namoota yeroo hundumaa gumiirratti argaman, jechuunis warra barumsa Macaafa Qulqulluu wajjin walii galaniifi seerawwan buʼuuraa Kiristiyaanonni ittiin geggeeffaman wajjin jireenyisaanii walsimu kaanis irratti hirmaachuu dandaʼu.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Ilaaltuu olaanaa Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii gaafadhu.
Afaan Biyya Alaa Barachuu
• Kaayyoo: Babalʼistoonni misiraachicha afaan kan biraatiin lallabuu akka dandaʼan gargaaruu.
• Yeroo Fudhatu: Jiʼa afur ykn shan. Yeroo baayʼee kutaan kun Sanbadduraa ganama saʼaatii tokkoof ykn lamaaf geggeeffama.
• Iddoo: Yeroo baayʼee Galma Mootummaa dhihoo jirutti.
• Eenyufaatu Irratti Hirmaata? Babalʼistoota karaa hafuuraa ejjennoo gaarii qabaniifi afaan biyya alaatiin lallabuuf fedha qaban.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Akkuma barbaachisaa taʼetti waajjira dameetiin qindeeffama.
Ijaarsa Galma Mootummaa
• Kaayyoo: Galmawwan Mootummaa ijaaruufi suphuu. Qophiin kun mana barumsaa miti; garuu qophii kana jalatti obboloonni fedhii qaban ijaarsarratti gargaarsa gochuu akka dandaʼan ogummaa addaddaa baratu.
• Yeroo Fudhatu: Haala namoota fedhiidhaan of dhiheessaniirratti kan hundaaʼedha.
• Iddoo: Bakka Koree Ijaarsa Naannootiif ramadame kamittiyyuu. Obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan tokko tokko, hojii gargaarsaa naannoowwan fagoo balaan uumamaa gaʼetti godhamu keessatti akka hojjetan afeeramuu dandaʼu.
• Ulaagaawwan: Obboloota cuuphamaniifi qaamni jaarsolii gaʼumsa akka qaban mirkaneesseef taʼuu qabu. Dandeettii qabaachuus dhiisuus dandaʼu.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Foormii Hojjetaa Ijaarsa Galma Mootummaa Fedhaan Hojjetu (S-82) jedhamu jaarsoliirraa fudhadhuu guuti.
Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaa
• Kaayyoo: Qajeelchitoonni ‘hojii lallabaa guutummaatti raawwachuu’ akka dandaʼan gargaaruu.—2 Xim. 4:5.
• Yeroo Fudhatu: Torban lama.
• Iddoo: Waajjira dameetiin kan murteeffamu yommuu taʼu, yeroo baayʼee Galma Mootummaa dhihoo taʼetti geggeeffama.
• Ulaagaawwan: Obboloota yoo xinnaate waggaa tokkoof qajeelchaa taʼanii tajaajilan.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Qajeelchitoonni gaʼumsa qaban kallattiidhaan hirmaachuu kan dandaʼan yommuu taʼu, daawwataan olaanaasaanii isaanitti hima.
Mana Barumsaa Obboloota Reefu Betʼel Galanii
• Kaayyoo: Manni barumsaa kun, obboloonni reefu Betʼel galan tajaajilasaaniirratti milkaaʼina akka argatan kan gargaarudha.
• Yeroo Fudhatu: Torban kudha jaʼaaf, torban torbaniin saʼaatii tokko.
• Iddoo: Betʼel.
• Ulaagaawwan: Miseensa dhaabataa maatii Betʼel ykn fedhasaaniitiin yeroo dheeraadhaaf deddeebiʼanii (waggaa tokko ykn isaa ol) kan tajaajilan taʼuu qabu.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Obboloonni miseensa maatii Betʼel taʼaniifi gaʼumsa qaban ni hirmaatu.
Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa
• Kaayyoo: Jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii warra isaan jala jiran akka eeganiifi itti gaafatamummaa jaarmiyaa keessatti qaban akka raawwatan kan leenjisudha. (HoE. 20:28) Manni barumsaa kun, murtoo Qaama Olaanaatiin waggoota muraasa gidduutti godhama.
• Yeroo Fudhatu: Waggoottan dhihoodhaa asitti, jaarsoliidhaaf guyyaa tokkoofi walakkaa, tajaajiltoota gumiitiif immoo guyyaa tokkoof geggeeffama.
• Iddoo: Yeroo baayʼee Galma Mootummaa ykn Galma Walgaʼii Guddaa dhihoo taʼetti.
• Ulaagaawwan: Jaarsa ykn tajaajilaa gumii taʼuu.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii gaʼumsa qaban daawwataa olaanaadhaan afeeramu.
Mana Barumsaa Jaarsolii Gumiia
• Kaayyoo: Jaarsoliin itti gaafatamummaa gumii keessatti qaban akka raawwatan gargaaruu.
• Yeroo Fudhatu: Guyyaa shan.
• Iddoo: Waajjira dameetiin murteeffama; yeroo baayʼee Galma Mootummaa ykn Galma Walgaʼii Guddaa dhihoo taʼetti godhama.
• Ulaagaawwan: Jaarsolii taʼuu qabu.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Jaarsoliin gaʼumsa qaban waajjira dameetiin afeeramu.
Mana Barumsaa Daawwattoota Olaanaafi Haadhotii Manaasaaniib
• Kaayyoo: Daawwattoonni olaanaa aanaafi koonyaa gumiiwwan tajaajiluurratti milkaaʼina akka qabaatan, ‘lallabaa fi barsiisatti dadhabanii akka hojjechuu,’ akkasumas warra itti gaafatamummaasaanii jala jiran eeguu akka dandaʼan isaan gargaara.—1 Xim. 5:17; 1 Phe. 5:2, 3.
• Yeroo Fudhatu: Jiʼa lama.
• Iddoo: Bakka waajjira dameetiin murteeffame.
• Ulaagaawwan: Daawwataa olaanaa aanaa ykn koonyaa taʼuu qabu.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Daawwattoonni olaanaafi haadhotiin manaasaanii warri gaʼumsa qaban waajjira dameetiin afeeramu.
Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeenteec
• Kaayyoo: Jaarsoliifi tajaajiltoota gumii gaaʼela hin godhanne itti gaafatamummaa dabalataatiif qopheessuudha. Erga eebbifamanii booda, baayʼeensaanii biyyasaaniitti naannoo caalaatti gargaarsi barbaachisutti ramadamu. Tarii yoo fedhii qabaatan muraasnisaanii biyya kan biraatti ramadamuu dandaʼu.
• Yeroo Fudhatu: Jiʼa lama.
• Iddoo: Waajjira dameetiin murteeffama; yeroo baayʼee Galma Walgaʼii Guddaatti ykn Galma Mootummaatti godhama.
• Ulaagaawwan: Obboloota qeentee umriinsaanii waggaa 23 hanga 62 taʼe, haalli fayyaasaanii gaarii taʼeefi obboloota gargaaruuf akkasumas naannoo gargaarsi barbaachisu kamittiyyuu tajaajiluuf fedha qaban. (Mar. 10:29, 30) Utuu walirraa hin kutin yoo xinnaate waggaa lamaaf naannoo ramadamanitti tajaajiluu qabu.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Manni barumsaa kun waajjira damee naannoo keessanitti argamutti kan godhamu yoo taʼe, obboloota hirmaachuuf fedhii qabaniif yeroo walgaʼii aanaatti walgaʼiin ni godhama. Walgaʼii kanarratti odeeffannoon dabalataa ni kennama.
Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Hiriyoota Gaaʼelaad
• Kaayyoo: Yihowaafi jaarmiyaansaa guutummaatti akka isaanitti fayyadamaniif, hiriyoota gaaʼelaatiif leenjii adda taʼe kennuudha. Warra eebbifaman keessaa hedduunsaanii biyyasaanii keessatti naannoo gargaarsi caalaatti barbaachisutti ramadamu. Tarii yoo fedhii qabaatan, muraasnisaanii biyya kan biraatti ramadamuu dandaʼu.
• Yeroo Fudhatu: Jiʼaa lama.
• Iddoo: Kutaawwan jalqabaa muraasni, Wiirtuu Barumsaa Masaraa Eegumsaa Niwuu Yoork, Paatarsan jirutti godhaman. Sana booda, manni barumsaa kun iddoo waajjira dameetiin murteeffametti, yeroo baayʼee Galma Walgaʼii Guddaatti ykn Galma Mootummaatti godhama.
• Ulaagaawwan: Hiriyoota Gaaʼelaa umriinsaanii waggaa 25 hanga 50 taʼe, fayyaa gaarii qabaniifi haallisaanii bakka gargaarsi barbaachisu kamittiyyuu tajaajiluuf isaan dandeessisu, akkasumas ilaalcha, “Kunoo, ani jira, ana ergi” jedhu qaban. (Isa. 6:8) Akkasumas, erga gaaʼela godhatanis taʼe erga tajaajila yeroo guutuu jalqabanii yoo xinnaate waggaa lama kan taʼe.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Manni barumsaa kun waajjira damee naannoo keessanitti argamutti kan godhamu yoo taʼe, obboloota hirmaachuuf fedhii qabaniif yeroo walgaʼii aanaatti walgaʼiin ni godhama. Walgaʼii kanarratti odeeffannoon dabalataa ni kennama.
Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Giilʼaad
• Kaayyoo: Qajeelchitootaafi tajaajiltoota yeroo guutuu kaan tajaajila misiyoonummaatiif leenjisuu.
• Yeroo Fudhatu: Jiʼa shan.
• Iddoo: Wiirtuu Barumsaa Masaraa Eegumsaa, Paatarsan, New Yoorkitti argamu.
• Ulaagaawwan: Hiriyoota gaaʼelaa erga cuuphamanii waggaa sadi taʼeefi yommuu jalqaba foormii guutan umriinsaanii waggaa 21 hanga 38 kan taʼe. Afaan Ingiliffaa dubbachuu kan dandaʼan, erga gaaʼela godhatanii waggaa lama kan taʼeefi tajaajila yeroo guutu erga jalqabanii kaasee utuu walirraa hin kutin yoo xinnaate waggaa lamaaf kan tajaajilan taʼuu qabu. Akkasumas haalli fayyaasaanii gaarii taʼuu qaba. Misiyoonota dabalatee qajeelchitoonni biyya alaatti tajaajilan, daawwattoonni olaanaa, miseensonni maatii Betʼel, akkasumas obboloonni kanaan dura Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaarraa, Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeenteerraafi Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Hiriyoota Gaaʼelaarraa eebbifaman, yoo wanta irraa barbaadamu guutan foormicha guutuu dandaʼu.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Waajjiroota damee filatamanitti, obboloota mana barumsaa kanarratti hirmaachuuf fedhii qabaniif yeroo walgaʼii koonyaatti walgaʼiin ni godhama. Odeeffannoon dabalataa walgaʼii kanarratti kennama. Walgaʼii koonyaa biyya keetti godhamurratti qophiin akkasii hin jiru yoo taʼeefi ati foormii kana guutuu yoo barbaadde, odeeffannoo dabalataa argachuuf waajjira damee naannoo keetti argamuuf xalayaa barreessi.
Mana Barumsaa Miseensota Koree Waajjira Dameefi Haadhotii Manaasaanii
• Kaayyoo: Obboloonni Koree Waajjira Damee keessatti tajaajilan manneen Betʼel akka gaariitti akka toʼatan, dhimmawwan tajaajilaa, gumii wajjin wal qabataniif xiyyeeffannaa akka kennan, aanaawwaniifi koonyaawwan naannoo tajaajilaasaanii keessa jiran, hojii hiikkaa, maxxansaafi hojii barreeffamoota gara naannoo addaddaatti erguu, akkasumas kutaawwan hojii addaddaa akka gaariitti akka toʼatan gargaaruu.—Luq. 12:48b.
• Yeroo Fudhatu: Jiʼa lama.
• Iddoo: Wiirtuu Barumsaa Masaraa Eegumsaa, Paatarsan, New Yoorkitti argamu.
• Ulaagaawwan: Miseensa Koree Waajjira Damee, miseensa Koree Biyyaa ykn obboloota leenjii kana booda hojii kanarratti ramadaman.
• Hirmaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Obboloonni gaʼumsa qabaniifi haadhotiin manaasaanii Qaama Olaanaatiin afeeramu.
[Miiljaleewwan]
a Yeroo ammaatti manni barumsaa kun biyyoota hunda keessatti hin godhamu.
b Yeroo ammaatti manni barumsaa kun biyyoota hunda keessatti hin godhamu.
c Yeroo ammaatti manni barumsaa kun biyyoota hunda keessatti hin godhamu.
d Yeroo ammaatti manni barumsaa kun biyyoota hunda keessatti hin godhamu.