Sagantaa Torban Fulbaana 26 Jalqabu
TORBAN FULBAANA 26 JALQABU
Faarfannaa 10 fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
dg boq. 10 key. 1-11 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Far. 142-150 (Daq. 10)
Lakk. 1: Far. 144:1–145:4 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Yihudoonni Yeroo Harʼaatti Argaman Saba Waaqayyoo Warra Filatamoodhaa?—rs ful. 221 key. 3–ful. 222 key. 3 (Daq. 5)
Lakk. 3: ‘Nama Wal Caalchisuurraa’ Of Qusachuu Kan Qabnu Maaliifi?—Yaq. 2:1-4 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Beeksisa. Mataduree “Karaa Birooshura Dhaamsa Macaafa Qulqulluutti Fayyadamuu Itti Dandeenyu Tokko” jedhurratti mariʼadhaa. Akkaataa dhiheenyaa fuula 4rra jirutti fayyadamuudhaan, Sanbadduraa, Onkoloolessa 1 akkamitti qayyabannaa jalqabsiisuun akka dandaʼamu ilaalchisee hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hundumtuu kanarratti hirmaannaa akka godhan jajjabeessi.
Daq. 10: Saanduqa Gaaffii. Mareedhaan kan dhihaatu. Yaadawwan Tajaajila Mootummaa, Bitootessa 2005, fuula 4rra jiran dabalii dhiheessi.
Daq. 15: Jiʼa Onkoloolessaatti Barruulee Raabsuuf Qophaaʼuu. Mareedhaan kan dhihaatu.Daqiiqaa tokko ykn lama keessatti matadureewwan xiyyeeffannaa namoota naannoo tajaajilaa keessan keessatti argaman hawwatan filii dubbadhu. Achiis matadureewwan lama ykn sadii filadhuutii, matadureewwan kana tokko tokkoon akkamitti beeksisuun akka dandaʼamu ibsi. Fedhii namootaa kakaasuuf, gaaffiiwwan akkamii gaafachuufi caqasawwan warra kam dubbisuun akka dandaʼamu dhaggeeffattoota gaafachuudhaan kan gochuu dandeessa. Dammaqaan jiʼa Onkoloolessaa maxxansa addaa waan taʼeef, xiyyeeffannaa namoota akkamii hawwachuu akka dandaʼuufi barruu kana balʼinaan raabsuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe dhaggeeffattoonni yaada akka kennan afeeri. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 41 fi Kadhannaa