Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenyaa?
MASARAA EEGUMSAA Cam. 1
“Geggeessitoonni amantaa tokko tokko, siyaasa keessa galuudhaan hawaasa dhala namaa foyyessuuf carraaqu. Haata’u malee, Yesus yeroo namoonni mootii isa gochuu barbaadan maal akka godhe hubadhu. [Yohannis 6:15 dubbisiif.] Yesus kan xiyyeeffate wanta faayidaa bara baraa argamsiisurratti ture. Barruun kun furmaanni kanaa maal akka ta’e ibsa.”
Dammaqaa! Cam. 2004
“Namoonni baay’een, iddoo hojiisaaniitti haala rakkisaa ta’etu isaan mudata. Tokko tokkommoo, namoonni isaan wajjin hojjetan taa’uufi ka’uu isaan dhowwu. Macaafni Qulqulluun gorsa rakkina akkasii kana mo’uuf nu gargaaru qabatee akka jiru beektaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii Fakkeenya 15:1 dubbisiif.] Barruun kun, namoota waliin hojjennu wajjin nagaa akka qabaannuuf gorsa hojiirra ooluu danda’u nuuf kenna.”
MASARAA EEGUMSAA Cam. 15
“Wanti ilmaan namootaa lafarratti hojjetan Waaqayyoorratti dhiibbaa geessisa jettee yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Gochi keenya miira Waaqayyoo akkamitti akka tuqu hubadhu. [Fakkeenya 27:11 dubbisiif.] Barruun kun, fakkeenyawwan namoota Waaqayyoon gammachiisanii nuuf dhiheessa; nuyis akkasaanii gochuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e nu ibsa.”
May 22
“Saayinsiin fayyaa, dhukkubawwan wajjin falmuudhaan guddina dinqisiisaa godheera; garuu guutummaa addunyaarratti yeroo dhukkubni itti hin jiraanne ni dhufa jettee yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, guyyaa tokko namoonni lafarra jiraatan hundinuu abdiin Isaayaas 33:24rratti kenname kun yommuu raawwatamu, fayyaa guutuu argatanii akka gammadan ibsa.” [Caqasicha dubbisi.]