Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya
MASARAA EEGUMSAA Cam. 1
“Nama jaallannuuf du’aan dhabne tokko deebinee wal arguuf fedhuun keenya kanuma jirudha. Yaada kanaan walii hin galluu? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun waa’ee du’aa ka’uu abdii Macaafni Qulqulluu kennuun jajjabina argataniiru. [Yohannis 5:28, 29 dubbisi.] Barruun kun du’aa ka’uun yoom akka ta’uufi kanas kan argatan eenyufaa akka ta’an ibsa.”
Dammaqaa! Cam. 2005
“Yeroo yeroodhaan, barbaachisummaan madda humnaa dabalaa adeemaa jira. Maddi humnaa kun guyyaa tokko utuu dhumee maaltu akka ta’u yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun guddina madda humnaa qulqulluurratti godhameefi Maddi humna hundumaa eenyu akka ta’e ibsa.” Isaayaas. 40:26 dubbisi.
MASARAA EEGUMSAA Cam. 15
“Addunyaan hiyyumni keessa hin jirre ni dhufa jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Mee abdii Waaqayyo kenne kana qalbeeffadhu. [Isaayaas 65:21 dubbisi.] Masaraan Eegumsaa kun, abdiin kun akkamitti akka dhugoomu dubbata.” Abdiin kun yoom raawwatama jettee yaadda? Gaaffii kanaaf guyyaa biraa irratti mari’anna jedhiitii beellama qabadhu.