LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/06 ful. 4
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2006
km 8/06 ful. 4

Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?

MASARAA EEGUMSAA Ado. 1

“Addunyaa jeequmsaan guutame kana keessatti namoonni baay’een, ‘Jireenyi rakkinaan kan guutame maaliifi? Waaqayyo utuu jiraatee rakkina kana balleessuuf maaliif tarkaanfii hin fudhatu?’ jedhanii gaafatu. Atoo akkas jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, deebii Macaafni Qulqulluun gaaffii kanaaf kennu qabateera.” 2 Ximotewos 3:16 dubbisiif.

Dammaqaa! Ado. 2006

“Yeroo har’aa gaa’elli baay’een jeequmsaan guutameera. Abbaan manaafi haati manaa gorsa Macaafa Qulqulluu Efesoon 4:32⁠rra jiru hojiirra utuu oolchanii faayidaa argachuu kan danda’an sitti fakkaataa? [Caqasicha dubbisiitii hanga deebii kennutti eegi.] Barruun Dammaqaa! kun, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu bara dheeraadhaaf sirrii ta’uunsaanii mirkanaa’eefi gaa’ela gammachiisaa ta’e akka qabaannu nu gargaaran qabateera.”

MASARAA EEGUMSAA Ado. 15

“Bulchiinsi rakkoowwan ilmaan namootaatiif furmaata argamsiisu ni dhufa jettee yaaddaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Maatewos 6:9, 10⁠rratti Yesus bartoonnisaa bulchiinsi akkasii akka dhufu akka kadhatan isaan barsiiseera. [Caqasicha dubbisi.] Barruun kun, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaarra kan caalu maaliif akka ta’eefi Mootummaan kun ilmaan namootaatiif eebbawwan akkamii akka argamsiisu dubbata.”

Dammaqaa! Ado. 2006

Dargaggeessa tokkoon akkas jechuu dandeessa: “Namoonni hiriyoota kee ta’an waa’ee gaa’elaa ni yaadu. Mataduree kana ilaalchisee odeeffannoon amanamaa ta’e eessaa kan argamu sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Gaa’ela kan hundeesse eenyu akka ta’e hubadhu. [Maatewos 19:6 dubbisiif.] Barruun kun, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu gaa’ela gammachiisaa akka qabaattu si gargaaran qabateera.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi