LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Guyyaan Yihowaa Dhihaateera
    Tajaajila Mootummaa—2005 | Caamsaa
    • Guyyaan Yihowaa Dhihaateera

      1 Kiristiyaanonni, guyyaa Yihowaa isa sirna gadhee kana balleessuufi addunyaa haaraa qajeelummaan keessa jiru fidu hawwii guddaadhaan eeggatu. (2 Phe. 3:12, 13) Guyyaansaa yoom akka ta’e waan hin beekneef, dammaqinaan jiraachuudhaan warri kaanis akka dammaqan gochuu qabna. (His. 33:7-9; Mat. 24:42-44) Sagalee Waaqayyoo isa raajiidhaan dubbatameerratti xiinxaluun keenya, ‘guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhi’aachuusaa’ ilaalchisee amantaa qabnu nuu jabeessa.—Sef. 1:14.

      2 Mootummoonni Addunyaa Aangoo Guddaa Qaban Irraa Jalaan Ka’uusaanii: Akkuma Mul’ata 17:9-11⁠rratti ibsametti, Yohannis ergamaan, Mootummoonni addunyaa aangoo guddaa qaban irraa jalaan ka’uusaanii argisiisuuf “mootota torba” jechuudhaan ibseera. Akkasumas mootii “saddeettaffaa” isa yeroo ammaatti Mootummoota Gamtooman argisiisu caqaseera. Mootummaan addunyaa aangoo guddaa qabu kan biraan kan ka’u nutti fakkaataa? Matumaa, Raajichi, mootiin saddeetaffaan kun “gara badiisaa in dhaqa” jedheera. Mootummaan biyya lafaa isa booddee ibsames hin jiru. Raajiin kun dhugumaan yeroo akkamii keessa akka jirru kan argisiisu mitiiree?

      3 Daani’el 2:31-45 guyyaa Yihowaa isa dhufaa jiru akka hubannu nu gargaara. Raajii kana keessatti, fakkeenyi bifa namaa guddaan Nebukadnezaar abjuudhaan arge, mootummoonni addunyaa aangoo guddaa qaban irraa jalaan akka ka’an kan argisiisudha. Mootummoonni kun hundumtuu dhufanii darbaniiru. Mootummoota kana keessaa yeroo keenya kanatti kan bitaa jiru isa kami? Yeroo qubeetii miilla fakkii sanaatiin fakkeeffame keessa jirra. Raajichi wanta dinqisiisaa sanaan booda raawwatamus ni ibsa. Bulchiinsi namootaa guutummaatti ni balleeffama; kunis “mootummaa deebi’ee matumaa hin badne” sanaaf karaa bana. Raajiin kun guyyaan Yihowaa dhihaachuusaa kan argisiisu akkamitti akka ta’e hubattee?

      4 Ragaa Dabalataa: Ragaa dabalataa guyyaan Yihowaa dhihaachuusaa argisiisu nuyyuu argineerra. Phaawulos ergamaan, amalawwan namootaa “guyyoota gara dhumaatti” mul’atan ilaalchisee wanti inni dubbate yeroo raawwatamu ija keenyaan argineerra. (2 Xim. 3:1-5) Nuyis hojii lallabaa utuu dhumni hin dhufin addunyaa maraarratti hojjetamuu qaburratti hirmaachaa jirra. (Mat. 24:14) Ergamaa “Yeroon firdii isaa waan ga’eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf!” jechuudhaan labsu hordofuudhaan tajaajila keenya miira ariifannaatiin haa raawwannu.—Mul. 14:6, 7.

  • Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
    Tajaajila Mootummaa—2005 | Caamsaa
    • Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu

      Kutaa 9: Barattoonni Macaafa Qulqulluu Karaa Alidilee Ta’een Akka Lallabaniif Leenjisuu

      1 Indiriyaasiifi Filiphos Yesus Masiihii abdachiifame ta’uusaa erga hubatanii booda, oduu gammachiisaa kana warra kaanitti himuuf duubatti hin jenne. (Yoh. 1:40-45) Yeroo har’aattis akkasuma, barattoonni Macaafa Qulqulluu wanta baratanirratti amantii argisiisuu yoo jalqaban, dubbachuuf ni kaka’u. (2 Qor. 4:13) Karaa alidilee ta’een akka lallaban isaan jajjabeessuufi bu’a qabeeyyii akka ta’an isaan leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?

      2 Salphaadhumatti baratichi wanta Macaafa Qulqulluurraa barate warra kaanitti himuusaa gaafachuu dandeessa. Tarii hiriyootaafi miseensota maatii qayyabannaasaarratti akka argamaniif afeeruu danda’a ta’a. Namoota wajjin hojjetu, wajjin baratu, ykn iddoo biraatti beeku keessaa kan fedhii qaban yoo jiraatan gaafadhu; karaa kanaan lallabuu jalqabuu danda’a. Waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa warra kaanii wajjin yemmuu haasa’u, hubannaa qabaachuun, ulfinaafi gaarummaa argisiisuun barbaachisaa ta’uusaa akka hubatu godhi.—Qol. 4:6; 2 Xim. 2:24, 25.

      3 Amantiisaanii Warra Kaaniif Akka Hiran Itti Himuu: Barattoonni Macaafa Qulqulluu wanta itti amanan warra kaanitti yeroo himan, Sagalee Waaqayyootti gargaaramanii ragaa quubsaa kennuu akka danda’aniif isaan leenjisuun barbaachisaadha. Yeroo qayyabattanitti qabxiiwwan tokko tokkorratti, baraticha akkas jedhii gaafadhu: “Dhugaa kana maatii keetiif yemmuu ibsitu Macaafa Qulqulluutti kan gargaaramtu akkamitti?” ykn “Kun dhugaa ta’uusaa hiriyaa kee tokkoof mirkaneessuuf caqasa Macaafa Qulqulluu isa kamiin fayyadamta?” Maal jedhee akka deebisu qalbeeffadhuutii, wanta dubbatuuf ragaa Macaafa Qulqulluu akkamitti dhiheessuu akka danda’u itti argisiisi. (2 Xim. 2:15) Akkas gochuudhaan, baratichi karaa alidilee ta’een akka lallabu, yeroo ga’eessa ta’uttimmoo, gumii wajjin qindoominaan akka lallabuuf isa qopheessu dandeessa.

      4 Barattoonni Macaafa Qulqulluu mormii mo’uu akka danda’aniif dursanii leenjisuun gaariidha. (Mat. 10:36; Luq. 8:13; 2 Xim. 3:12) Namoonni tokko tokko waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa gaaffii ennaa kaasan ykn yemmuu yaada kennan, barattoonni carraa kanatti gargaaramanii lallabuu danda’u. Birooshuurri Dhugaa Baatonni Yihowaa—Eenyu? Maal Jedhanii Amanu? jedhu “deebii ga’u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa’oo” isaan gochuu danda’a. (1 Phe. 3:15) Kitaabni kun, barattoonni Macaafa Qulqulluu hiriyoonniifi miseensonni maatii isaaniin morman, amantiifi hojii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kana hubachuu akka danda’an gargaaruuf odeeffannoo sirrii ta’e akka argatan isaan gargaara.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi