-
Kutaa 6—Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan GeggeessuuTajaajila Mootummaa—2005 | Guraandhala
-
-
Kutaa 6—Qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu Guddina Argisiisan Geggeessuu
Baratichi Yeroo Gaaffii Kaasu Maal Gochuu Qabna?
1 Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu takkaa sirriitti jalqabamnaan, barumsa tokkorraa kan biraatti darbuu mannaa, duraa duubaan barumsawwan Macaafa Qulqulluurratti mari’achuun gaariidha. Akkas gochuun keenya, baratichi beekumsa sirrii akka argatuufi karaa hafuuraa akka guddatu bu’uura gaarii ta’aaf. (Qol. 1:9, 10) Haata’u malee, yeroo baay’ee barattoonni qayyabannaasaaniirratti dhimmawwan adda addaa baay’eerratti gaaffii kaasu. Kun akkam godhamuu qaba?
2 Gaaffii isa kam Yerooma Sana Deebisuu Akka Qabdu Hubadhu: Yeroo baay’ee, gaaffiiwwan barumsa qayyabachaa jiraniin wal qabatan yeruma sanatti deebifamuu danda’u. Gaaffiin gaafatame barreeffama qayyabatamu sanarratti booddee deebii kan argatu yoo ta’e, gara ful duraatti akka deebi’uuf itti himuun qofti ga’aadha. Akkasumas gaaffiin ka’e mata duree irratti mari’annuu wajjin kan wal hin argine, ykn qorannaa dabalataa deebii gaarii kennuuf qorannaa dabalataa kan barbaadu yoo ta’e, sa’aatii qayyabannaa ala, kanaanachimmoo yeroo kan biraa yoo irratti mari’attan wayya ta’a. Babal’istoonni tokko tokko, gaaffii gaafatame galmeessanii qabachuunsaanii baratichi gaaffiisaatiif bakka guddaan akka kenname akka hubatuufi kaayyoon barumsa qayyabatamaa jiruu akka hin irraanfatamne gochuuf kan gargaaru ta’uusaa hubataniiru.
3 Barumsawwan Macaafa Qulqulluu baay’eensaanii, barreeffamoota qayyabannaadhaaf qophaa’anirratti gabaabumatti ibsamu. Baratichi barumsawwan tokko tokko fudhachuun yoo isa dhibe, ykn barumsa amantii sobaatti cimsee kan amanu yoo ta’ehoo? Tarii barreeffamoota dabalataa dhimma kana ilaalchisee yaada Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan ibsan ilaaluun faayidaa qabaachuu danda’a. Ragaawwan dhihaatanirratti ammas yoo amanuu dide garuu, yeroo kan biraatti dabarsuudhaan qayyabannaa keessan itti fufaa. (Yoh. 16:12) Beekumsi Macaafa Qulqulluu inni qabu bal’achaa ennaa deemuu, akkasumas karaa hafuuraa yeroo guddatu barumsa Macaafa Qulqulluu fudhachuun isatti ulfaate sana hubachuu danda’a ta’a.
4 Gad of Deebisi: Gaaffii ka’eef deebiisaa sirriitti hin beektu yoo ta’e, ilaalcha mataa keetii kennuuf hin yaalin. (2 Xim. 2:15; 1 Phe. 4:11) Dhimmicharratti qo’annaa dabalataa gochuudhaan deebiisaa fiddeefii akka dhuftu ibsiif. Carraan akkasii kun, barataan kee akkamitti qo’annaa akka godhu barsiisuuf si gargaaruu danda’a. Irraa jalaan, meeshaawwan qo’annaa jaarmiyaa Yihowaatiin qophaa’aniin akkamitti fayyadamuu akka danda’u itti argisiisuu qabda. Karaa kanaan, barataan kee suuta suutaan gaaffiiwwansaatiif ofumasaatii deebii argachuu danda’a.—HoE. 17:11.
-
-
Gargaarsa Dabalataa Akka Argatan GodhaaTajaajila Mootummaa—2005 | Guraandhala
-
-
Gargaarsa Dabalataa Akka Argatan Godhaa
1 Hojii lallabaarratti yommuu hirmaannu, yeroo baay’ee namoota naannoo keenyaan ala jiraatan, ykn afaan mallattoo dabalatee afaan kan biraa dubbatan arganna. Warri Macaafa Qulqulluurratti marii gaarii wajjin gochaa turre kaanimmoo naannoo keenya gadhiisanii deemuu danda’u. Namoonni akkasii kun barumsa dabalataa akka argatan gochuu kan dandeenyu akkamitti? Foormii Nama Kana Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamutti gargaaramuudhaani.
2 Yeroo baay’ee, namoonni misiraachichi afaan dhalootaasaaniitiin ennaa itti himamu caalaatti gammachuudhaan dhaggeeffatu. (HoE. 22:1, 2) Kanaafuu, yeroo baay’ee namoota afaan kan biraa dubbatan yommuu argannu, namichi ergaa Mootummattiitiif fedhii kan hin argisiisne ta’uyyuu, foormii kana guutuu qabna. Haata’u malee, namoonni afaan biyya alaa dubbatan baay’inaan naannichatti kan argaman yoo ta’eefi afaansaaniitiin irra deddeebi’amee kan lallabamuuf yoo ta’e, nama fedhii qabu amma argannutti foormii kana guutuun barbaachisaa miti.
3 Foormicha Guutuu: Maqaa, teessoofi lakkoobsa bilbilaa namichaa fudhachuuf malaan yaalii godhi. Namichi fedhii akkamii akka qabu, yoom akkamiitti argamuu akka danda’u, barreeffama kennameef, ykn barreeffama inni gaafateefi afaan inni akka gaariitti danda’u kam akka ta’e foormicharratti guuti. Erga foormicha guuttee xumurtee booda, yeruma sana gumii ykn tuuta dhimmisaa ilaalutti akka erguuf barreessaa gumiitti kenni.
4 Foormicha Gumii Dhimmisaa isa Ilaalatutti Erguu: Barreessaan gumichaa, foormiichi gumii ykn tuuta kamiif akka ergamu yoo beekuu baate, ykn teessoo gumii sanaa yoo qabaachuu baate, Deeskii Naannoo Tajaajilaa waajjira damee sanaatti bilbiluudhaan, odeeffannoo barbaachisaa ta’e gaafachuu danda’a. Foormii erguuf ilaaltuu olaanaa magaalattii gaafachuun barbaachisaa miti.
5 Gumiin ykn tuutni tokko foormiin Nama Kana Hordofaa Gargaaraa jedhu yeroo isa ga’u, yeruma sana namicha gaafachuuf qophiin godhamuu qaba. Nuyi hamma dandeenyu yoo carraaqne, Yihowaan ‘namoota jireenya bara baraatiif qophaa’an’ lapheesaanii akka banu abdii qabaachuu dandeenya.—HoE. 13:48, [maxxansa 1899].
-