LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/05 ful. 9
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
Tajaajila Mootummaa—2005
km 10/05 ful. 9

Beeksisa

◼ Barreeffamawwan raabsaman Onkoloolessa: barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa!; Sadaasa: Kitaaba Beekumsaa; Muddee: Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu Amajjii: Dammaqinaan Eegaa!

◼ Jiini Onkoloolessaa torban shan waan qabuuf qajeelchaa gargaaraa ta’uuf baay’ee mijaa’aadha.

◼ Miiltoon Tajaajila Mootummaa kana keessa jiru “Sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2006” waan ta’eef waggaa guutuu akka itti fayyadamtaniif bakka gaarii kaa’aa.

◼ Fuula 6⁠ffaan Tajaajila Mootummaa kanaa sagantaa walga’ii addaa 2005/06 wajjin haala walqabateen waan itti gargaaramnuuf kaa’amuu qaba.

◼ Torban Sadaasa 28, 2005 jalqabuu kaasee qayyabannaa kitaabaarratti kan qayyabannu, kitaaba Raajii Isaayaas-Ifa Ilmaan Namootaa Hundaaf Ife jedhamu Jildii 2⁠ffaa ta’a.

◼ Gaaffii waraqaa afeerriifi maxxansasaa ilaalchisee rakkoo jiru salphisuuf waraqaan afeerrii kun haala salphaa ta’een qophaa’ee dhihaateera. Fuula isa duraarratti sagantaa walga’iiwwan gumii tokko tokkoon ibsa. Duubasaatiinimmoo, afeerraa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kaffaltii malee godhamu kan ibsu yeroo ta’u, birooshura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhu akkamitti akka argachuun danda’amus ni caqasa. Bakki Galma Mootummaa itti argamu akkasumas, guyyaafi sa’aatii walga’iin gumii itti geggeeffamu waan hin caqasamneef, nama fedhii qabuuf waraqaa afeerrii kana yeroo kennitu ragaawwan kana ofiikeetiin itti himuu dandeessa. Waraqicharra bakki duwwaa bal’aan waan jiruuf gumicha ilaalchisee ragaawwan dabalataa barreessuun ni danda’ama. Barreessitoonni gumii kanaan booda foormii Ragaa Walga’iiwwan Gumiifi Waraqaa Afeerrii Ittiin Gaafatan (S-16) jedhuun waraqaa afeerrii ajajuu hin qaban. Qindeessaan barreeffamaa Foormii Barreeffamoota Ittiin Gaafatan (S-14) jedhutti gargaaramuudhaan waraqaa afeerrii gaafachuu qaba. Waraqaan afeerrii qubee sf jedhuun bakka buufama.

◼ Amajjii 2006 jalqabee barruun Dammaqaa! Ingiliffaa maxxansa Amaariffaa wajjin qabiyyee tokkoon ji’atti al tokko waan ba’uuf, gumiiwwanis ta’e tuutawwan ajaja barruu Dammaqaa! Ingiliffaa qaban ajajasaanii hir’isuun yoo isaan barbaachise irra deebi’anii akka gamaaggaman isaan jajjabeessina.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi