Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Onkoloolessa 31, 2005 jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan, gaaffiiwwan irra deebii torban, Fulbaana 5 hanga Onkoloolessa 31, 2005rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]
AMALAWWAN HAASAWAA
1. Sagaleen Waaqayyoo garaa namootaa akka tuqu gochuu kan dandeenyu akkamitti? (Mat. 13:19) [be ful. 258 key. 1-2, saanduqa]
2. Namni tokko wanta garaasaa keessa jiru akka dubbatu gochuuf maaltu nu gargaaruu danda’a? Garuu maalirraa of qusachuu qabna? [be ful. 259 key. 1-2]
3. Yeroo barsiisnu amalawwan Yihowaa dinqisiisoo ta’an jabeessinee ibsuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? [be ful. 260 key. 1]
4. Barattoonni Macaafa Qulqulluu keenya karaawwan fooyya’insa itti gochuun isaan barbaachisu akka hubataniif gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 260 Key. 4-5]
5. Barattoonni Macaafa Qulqulluu ykn dhaggeeffattoonni keenya, sababiin wanta tokko gochuuf isaan kakaase maal akka ta’e beekuuf keessasaanii akka qoraniif isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 261 key. 5- ful. 262 key. 1]
HAASAWAA LAK. 1
6. Yihowaa ‘barbaaduu’ jechuun maal jechuudha? Kana gochuu keenya argisiisuu kan dandeenyuhoo akkamitti? (Ibr. 11: 6) [w03 8/15 ful. 25 key. 2; ful. 26 key. 1-2; ful. 27 key. 2]
7. “Dubbii sirrii” jechuun maal jechuudha? Jaarsoliinoo akka kana hordofan argisiisuu kan danda’an akkamitti? (2 Xim. 1:13, 14) [w03 1/1 ful. 29 key. 3–ful. 30 key. 1]
8. “Kutaa Macaafa Qulqulluu” jechuun maal jechuudha? Fudhatama qabaachuusaa beekuufoo maaltu nu gargaara? [si ful. 299 key. 5-6]
9. Barreeffamni Muraatooriyaan Firaagment jedhamu, inni Dh. K. booda jaarraa lammaffaatti ture, Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Giriikiitiin barreeffaman dhugaa ta’uusaanii kan mirkaneessu akkamitti? [si ful. 302 key. 19]
10. Caaffanni Qulqullaa’ooniyyuu, namoota Macaafa Qulqulluu hiikaniif aangoo akkamii kenna? Hiiktonni Macaafa Qulqulluu bara durii maal raawwataniiru? [si ful. 307 key. 9]
DUBBISA MACAAFA QULQULLUU
11. 2 Mootonni 13:21 wantoota akka qulqulluutti ilaalamaniif ulfina kennuu ni deggeraa?
12. Hisqiyaas Gibxii wajjin walta’iinsa uumee turee? (2 Mot. 18: 19- 21, 25)
13. Seenaan Asorotaa Yihowaan haala dinqisiisaa ta’een akkamitti Senaaheriib akka mo’e dubbachuu baatuyyuu, wanta galmeeffamee jirurraa barumsa maalii argata? (2 Mot. 19: 35, 36)
14. Abbaan Salaati’el eenyudha? (1 Sen. 3:16-18)
15. Bara Saa’ol Mootii turetti kan jiraatan, sanyiin Ruuben, sanyiin Gaadiifi Sanyiin walakkaa gosa Minaasee, tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo ammaa jiraniif fakkeenya gaarii kan ta’an akkamitti? (1 Sen. 5:18-22)