Dandeetti Namootaa Wajjin Ragaa Dhiheessuudhaan Haasa’uu Keenya Guddisuu
1 Haasawaan Phaawulos mana sagadaa biyya Phisiidiyaa mandara Anxokiyaatti godheefi Hojii Ergamootaa 13:16-41rratti barreeffame, akkaataa namootaa wajjin sababa itti dhiheessinuuf fakkeenya gaarii nuu ta’a. Phaawulos akkaataa guddinaafi ilaalcha dhaggeeffattootasaa tilmaama keessa galchuudhaan misiraachicha akka isaaniif ta’utti dhiheesseera. Yeroo barumsa kana qorannutti, nutis tajaajila keenyarratti akkamitti akka hojjechuu qabnu haa ilaallu.
2 Yaada Irratti Walii Galtan Barbaadaa: Ergaan Phaawulos, iddoo guddaa Yesus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qaburratti kan xiyyeeffate ta’ullee, haasawaasaa dhimma sana kaasuudhaan hin jalqabne. Kanaa mannaa, waa’ee dhaggeeffattootasaa warra Yihudii aadaasaanii beekuufi keessatti guddate kaasuudhaan jalqabe. (HoE. 13:16-22) Nutis yaada namootaa argachuudhaaf qabxii irratti walii gallu yoo kaasne bu’a qabeessa ta’uu dandeenya. Kunimmoo yaada garaasaanii akka dubbataniif tooftaadhaan gaaffiiwwan gaafachuufi akka gaariitti dhaggeeffachuudhaan waan isaan barbaachisu hubachuu gaafata.
3 Phaawulos seenaa warra Yihudootaa yeroo dubbatutti waadaa Waaqayyoo hidda dhalootaa Daawitirraa Fayyisaa kaasuuf gale isaan yaadachiiseera. Yihudoonni hedduun yommuu sana turan garuu, goota humna waraanaatiin dhufee bittaa hacuuccaa warra Roomaa jalaa isaan baasuufi sabasaanii hunda caalaa akka beekamu godhu eegu turan. Yeroo sanatti dura buutonni amantii Yihudii Yerusaalem jiran Yesusiin akka hin fudhanne, warra Roomaatti dabarsanii akka isa kennaniifi akka ajjeefame hubatanii turan. Phaawulos Yesus Masiihicha isa abdachiifame ta’uusaa ibsuudhaan kan isaan amansiise akkamitti?
4 Akkaataa Dhiheenyaakee Jijijjiiri: Phaawulos yaada dhaggeeffattootasaa hubachuudhaan Caqasawwan isaan kanaan dura beekaniifi fudhatanitti fayyadamee isaan haasofsiiseera. Fakkeenyaaf, Yesus sanyii Daawit akka ta’e, raajiin akka gaariitti beekamu jechuunis Yohannis Cuuphaan waa’eesaa akka dubbate isaanitti himeera. (HoE. 13:23-25) Phaawulos Yesus balaaleffatamuunsaafi duuti itti murtaa’uunsaa, dura buutonni amantii ‘isa raajonni dubbatan raawwachuusaanii’ akka ta’e ibseera. (HoE. 13:26-28) Kana malees, Yesus akka du’aa ka’e namoonni argan akka turan ibsuufi caqasawwan du’aa ka’uusaa ilaalchisee barreeffaman gara biraa caqasuudhaan ibseera.—HoE. 13:29-37.
5 Karaa biraammoo Phaawulos Aariyophaagos Ateenaatti dhaggeeffattootasaa warra Giriikiitiif haasawaa yeroo godhetti, tooftaa gara biraadhaan fayyadameera. (HoE. 17:22-31) Fakkeenyota lamaanirrattuu ergaa walfakkaatu kan dabarse yeroo ta’u, carraaqqiinsaas bu’aa gaarii argamsiiseeraaf. (HoE. 13:42, 43; 17:34) Nutis namoota tajaajila keenyarratti haasofsiisnu akkaataa guddinaafi ilaalchasaanii hubachuudhaan yaada garaasaanii argachuuf akkaataa dhiheenyaa keenya akka haalasaaniitti yoo jijijjiirre bu’aa gaarii argachuu dandeenya.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Seenaa Macaafa Qulqulluu isa kam qoranna? Maaliifoo?
2. Mala Phaawulos maree itti jalqaberraa maal baranna?
3. Dhaggeeffattoonni Phaawulos Yesus Masiihii abdachiifame ta’uusaa akka hin amannee kan isaan godhe maalidha?
4. Phaawulos Yihudoota isa dhaggeeffatan tooftaadhaan kan amansiise akkamitti?
5. (a) Phaawulos Griikota isa dhaggeeffataniif akkaataa dhiheenyaasaa kan jijijjiire akkamitti? (b) Naannoo tajaajilaa keenyatti yeroo dhugaa baanu fakkeenya Phaawulos akkamiin hordofuu dandeenya?