LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/05 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Sadaasa 14 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 21 Jalqabu
  • Torban Sadaasa 28 Jalqabu
  • Torban Muddee 5 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2005
km 11/05 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Sadaasa 14 Jalqabu

Faarfannaa 98 (220)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. (Naannoo keessaniif kan hojjetu yoo ta’e) akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4⁠rra jiranitti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Fulbaana 1fi Dammaqaan! Fulbaana 2005 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisni lamaanuu namoota addaddaa “Amantiidhaaf fedha hin qabu” jedhan haasofsiisuudhaaf tooftaa akkamiitti akka fayyadamuu qabnu kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Ragaa dhiheessuu ful. 17 ilaali.

Daq. 15: Buusii Garaa Waaqayyoo Gammachiisu. Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 2005, ful. 26-30⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaa jaarsaan dhihaatu.

Daq. 20: “Ulfina Yihowaa Dubbadhaa.” Keeyyata 4⁠ffaarratti yeroo mari’attan, amala gaarii argisiisuunsaanii dhugaa ba’uuf akkamitti akka isaan gargaare muuxannoosaanii gabaabsanii akka dubbataniif dhaggeeffattoota afeeri.

Faarfannaa 69 (160) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Sadaasa 21 Jalqabu

Faarfannaa 91 (207)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 20: Yihowaa Waaqakee Godhadhu. Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 2005, ful. 25-28⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaa jaarsaan dhihaatu. Fakkeenya Abrahaam, Daawitiifi Eliyaasirraa barumsa hojiirra ooluu danda’u akkamii argachuu akka dandeenyu dubbadhu.

Daq. 15:  “Hubattoota Ta’uudhaan—Akka Namaaf Yaaddan Argisiisaa.” Babal’isaan tokko, namni inni haasofsiisu wantoota akkamiitiif xiyyeeffannaa akka kennu erga hubatee booda, hojiin argisiisa akkamitti akka haalasaatti akkaataa dhiheenyaa akka jijjiiru argisiisu akka dhihaatu godhi.

Faarfannaa 31 (67) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Sadaasa 28 Jalqabu

Faarfannaa 2 (4)

Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Sadaasaa akka deebisan yaadachiisi. (Naannoo keessaniif kan hojjetu yoo ta’e) akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4⁠rra jiranitti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Fulbaana 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataa dhiheenyaa kan biraattis fayyadamuun ni danda’ama. Barreeffama yeroo kennan namoonni hojii addunyaa maratti geggeeffamu kanaaf buusii akka godhan akka afeeraniif dhaggeeffattoota yaadachiisi.

Daq. 15: “Gargaarsa Gochuu kan Dandeenyu Akkamitti?” Haasawaa. Tajaajiltoota Yihowaa yeroo rakkinaatti obbolootaaf gargaarsa gochuudhan dawoo ta’an ilaalchisee, fakkeenya tokko tokko dubbadhu. (Dammaqaa! Sadaasa 2003, ful. 10-15; Dammaqaa! Muddee 2002, ful. 21-26 fi Dammaqaa! Sadaasa 2001, ful. 13-17 ilaali. Barreeffamoota kanneen biroottis gargaaramuun ni danda’ama.) Itti aansuudhaanis yaada ijoo Tajaajila Mootummaa ful. 3⁠rra jirurratti mari’adhaa. Babal’istoonni obboloota balaan isaanirra ga’eef gargaarsa gochuu barbaadan, hojii addunya maratti geggeeffamuuf jedhanii buusii gochuunsaanii gaarii akka ta’e ibsi.

Daq. 18: Ji’a Muddeetti Misiraachicha Lallabuu. Haasawaafi marii dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Haasawaa seensaa daqiiqaa shaniitiin, qabxiiwwan armaan gadii mataduree “Akkaataawwan Dhiheenyaa Fakkeenyaaf Kaa’amaniin Akkamitti Gargaaramna?” jedhuun Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005 ful. 6⁠rra jiran irra deebi’i: (1) Akkaataawwan dhiheenyaa jecha mataa keenyaatiin fayyadamnee yoo dhiheessine caalaatti bu’a qabeessa ta’uu dandeenya. (2) Hubattoota ta’uudhaan akkaataa dhiheenyaa keenya haala naannoosanaaf mijaa’aa ta’een dhiiheessuu qabna. (3) Akkaataa guddinaafi yaada namoota naannoo tajaajilaa keenya keessatti argaman ilaalcha keessa galchuu qabna. (4) Barreeffama raabsuuf yaanne keessaa boqonnaa fille tokko haalaan dubbisuudhaan qabxii yaada namootaa tuquu danda’urratti xiyyeeffachuun gaariidha. (5) Akkaataawwan dhiheenyaa akka fakkeenyaatti kennaman qofarratti murtaa’uu hin qabnu. Barreeffama ji’a Muddeetti raabsinurratti yaada kana akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu ibsi. Yaadawwan akkaataa dhiheenyaa miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005⁠rra jiran, ykn akkaataawwan dhiheenyaa naannoo sanaaf mijaa’aa ta’een fayyadamuun ni danda’ama. Akkaataan dhiheenyaa tokko ykn lama hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.

Faarfannaa 50 (123) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Muddee 5 Jalqabu

Faarfannaa 17 (38)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: “Tajaajilli Keenya Maal Raawwata.” Keeyyata 5⁠ffaarratti yommuu mari’attan yaada Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2004, ful. 32⁠rra jiru itti dabalii dhiheessi.

Faarfannaa 9 (26) fi kadhannaa xumuraa

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabdee booda, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi