Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman Sadaasa: Kitaaba Beekumsaa; Muddee: Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu; Amajjii: Dammaqinaan Eegaa!; Guraandhala: Yihowaatti Dhihaadhu.
◼ Sassaabaan ilaaltuu olaanaa ykn namni inni ramade, Muddee 1 ykn isarraa baay’ee utuu hin fagaatin herrega gumii sakatta’uu qaba. Qarshiin suphaafi ijaarsaaf baankii kaa’ame yoo jiraates akka sakattaa’amuuf qophiin godhamuu qaba. Sakatta’i kun erga raawwatee booda, gabaasa herregaa itti aanutti gumiif beeksifamuu qaba.
◼ Hojii addunyaa maraa gargaaruufi ijaarsa Galma Mootummattiif buusii gochuuf obboloonni cheekii saanduqa buusii keessa kaa’an yoo jiraatan, iddoo duwwaa kaffali jedhutti guutamuu kan qabu “Yeyihowa Misikiroch” jedhameeti.
◼ Sagantaan viidiyoon, Dhiiga Hin Fudhadhu―Karaa Mana Yaalaa Furmaanni Argameera jedhamu Walga’ii Tajaajilaa Amajjiirratti irra deebi’ama. Viidiyicha yoo barbaaddan karaa gumii keessanii atattamaan ajajuu qabdu.
◼ Warra Yeroo Muraasaaf Qajeelchitoota Addaa Ta’an: Qajeelchitoonni yeroo hundaa, jaarsoliin ykn tajaajiltoonni gumii ji’a Bitootessaatii hanga Caamsaatti tajaajiltoota addaa taatanii tajaajiluu barbaaddan, odeeffannoo armaan gad jiru barreessuudhaan karaa gumii keessanii nuu erguu dandeessu. Odeeffannoowwan kun 1) Maqaa; 2) Guyyaa Dhalootaa; 3) Guyyaa itti cuuphamte; 4) Maqaa gumii 5) Gaa’ela qabaachuufi dhiisuukee; 6) Namni gargaaruu qabdu yoo jiraate; 7) Afaan dubbachuu dandeessu; 8) Tajaajila kanaan itti fufuu barbaaduufi dhiisuukee kan dabalatu ta’a. Sanaan booda, koreen tajaajilaa gumichaa obboleessi iyyata dhiheesse kun ga’eessa ta’uusaarratti yaada kennuudhaan, hanga Muddee 31, 2005tti nu bira ga’uu akka danda’utti xalayicha gara waajjira dameetti erguu qabu. Lallabdoota hinaafoofi bu’a qabeessa ta’an ni barbaanna. Tajaajilasaarratti cimaa kan ta’e karaa kamiini? Lallabaa hinaafaa manaa gara manaa deemuudhaan tajaajiludhaa? Deddeebii gaaffii gochuuttoo cimaadhaa? Macaafa Qulqulluu qayyabasiisuuttoo barsiisaa gaariidha? Hojii ijawwan hafuuraa horachuudhaan warra kaanii wajjin walii galee hojjechuu ni danda’aa? Mirga qulqulluu ta’e kanaaf ga’eessadha jettanii dubbachuu dandeessuu? Namni sun ga’eessa miti taanaan iyyaticha gara waajjira dameetti erguu isin hin barbaachisu. Kanaa mannaa, murtoo keessan itti himuudhaan gaarummaadhaan gorsa kennaafii. Warra ga’umsa qabaniif murtoo irra geenyu karaa gumii keessanii isin beeksisna.