Gargaarsa Gochuu kan Dandeenyu Akkamitti?
1 Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya tokkotti balaan akka uumame yommuu dhaga’an, yeroo baay’ee “akkamitti gargaaruu dandeenya?” jedhanii gaafatu. Seenaan Hojii Ergamootaa 11:27-30rra jiru akka argisiisutti, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, obboloota beela Yihudaa keessatti ga’ee tureen hubamaniif gargaarsa godhanii turan.
2 Yeroo ammaatti, qajeelfamni jaarmiyaa keenyaa namoota balaawwan uumamaa ykn namoonni geessisaniin rakkataniifi yeroo barbaachisaa ta’e kanatti gargaarsa qarshii akka goonuuf nuu heyyama.
3 Fakkeenyaaf, waggaa darbe obboloonni baay’een warra balaa sunaamii Kibba Eshiyaa keessatti ga’een miidhamaniif gargaarsa qarshii godhaniiru. Gargaarsa gaafatamaniif deebii gaarummaa atattamaan kennaniif jaarmiyaan Yihowaa guddaa isaan galateeffata. Haata’u malee, akka seera biyyoota tokko tokkootti buusiin godhame eenyuuf akka kennamuu qabu ibsameera taanaan, obboloonni rakkatan gargaarsi kan biraan godhameef yoo jiraateyyuu, buusiiwwan kun kaayyoo abbaan buusiin godhameef sanaaf qofa ooluufi yeroo murtaa’e keessatti ga’uu qaba.
4 Kanaafuu, gargaarsa gochuu yoo barbaaddan hojii addunyaa maraatiif jettanii utuu gootanii gaariidha. Horiin kun warra rakkoon isaanirra ga’e gargaaruufi fedhii hafuuraa obbolootaa guutuuf gargaara. Garuu namni tokko hojii addunyaa maratti godhamuuf deggersa godhuun alatti gargaarsaaf buusii yoo godhe, buusiin kenname kun bakka gargaarsi isaan barbaachisutti hojiirra ooluu danda’a. Haata’u malee, buusiiwwan akkasii kana yoomiifi akkamitti akka itti gargaaramnu utuu daangeffamuu baatee gaariidha.
5 Sababiin hojii addunyaa maratti godhamuuf buusii gochuuf dursa itti kenninuuf, obboloota balaan irra ga’e qofaaf gargaarsa kennuu caalaa wantoota hojii Mootumichaa wajjin wal qabatan kan biraatiifis itti fayyadamuufidha. Yaada Efesoon 4:16rra jiruu wajjin walii galuudhaan wanta barbaachisaa ta’e guutuuf waliin taanee yeroo hojjennu, gumiin Kiristiyaanaa dhagnaan fakkeeffame “in guddata, jaalalaanis of in cimsa.”