LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb18 Sadaasa ful. 7
  • “Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu”
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jaalala Keessaniif Yihowaa ni Galateeffanna
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Qarshii Hojii isaaniitiif Barbaachisu Eessaa Argatu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Yihowaadhaaf Kennaa Akkamii Kennuu Dandeenya?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Gatii ‘Saantima Xixinnoo Lamaa’
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
mwb18 Sadaasa ful. 7

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu”

Namni tokko buusii kennuu barbaade saanduqa buusii keessa kaaʼaa jira; namni tokko karaa elektirooniksii buusii gochaa jira

Yeroo ammaatti ‘Waaqayyoof kennaa dhiheessuu’ kan dandeenyu akkamitti? (1Sen 29:5, 9, 14) Karaawwan adda addaa hojii Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keenya keessattii fi addunyaa maratti taasifamu deggeruuf fedhiidhaan buusii qarshii gochuuf filachuu itti dandeenyu akka armaan gadiitti ibsamaniiru.

BUUSII INTARNEETIIDHAAN GODHAMU YKN SAANDUQA BUUSII KEESSA BUUFAMU:

  • Hojii addunyaa maraatiif buusii gochuu

    HOJII ADDUNYAA MARATTI TAASIFAMU

    ijaarsa waajjiroota damee fi hojii achi keessatti hojjetamuuf, akkasumas waajjiroota hiikkaa fagootiif

    manneen barumsaa tiʼookraasiitiif

    tajaajiltoota tajaajila yeroo guutuu addaa keessa jiraniif

    gargaarsa yeroo balaan uumamutti taasifamuuf

    maxxansaaf, viidiyoowwanii fi barreeffamoota bifa elektiroonikiitiin qopheessuuf

  • Buusii gumiidhaaf godhamu

    BAASIIWWAN GUMICHAA

    baasiiwwan gumii kan akka, ibsaa fi bishaanii akkasumas suphiinsa salphaa Galma Walgaʼiitiif

    qarshiin gumichi gara waajjira dameetti erguuf sagalee tokkoon walii gale:

    • ijaarsa Galmawwan Walgaʼii fi Galmawwan Walgaʼii Guguddaa addunyaa maraatiif

    • Qophii Gargaarsaa Addunyaa Maraatiif

    • sochiiwwan addunyaa maratti taasifaman kaaniif oola

WALGAʼIIWWAN GUGUDDAA

Buusiin isin walgaʼii naannoo keessan irratti gootan hojii addunyaa maraatiif ergama. Baasiin walgaʼii naannoo, walgaʼii addaa fi biyyoolessaa wajjin wal qabatan buusii hojii addunyaa maraatiif godhamuun kaffalama.

Buusiiwwan walgaʼii aanaa irratti godhaman, galma walgaʼii guguddaa kireeffachuu, kunuunsuu fi suphuuf akkasumas baasiiwwan aanichaa wajjin wal qabatan kaaniif hojii irra oolu. Aanaan tokko qarshii isa irraa hafe hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti hojjetaniif erguuf murteessuu dandaʼa.

jw.org buusi godhi

INTARNEETII IRRAA CAALAATTI BARADHU

Akkamitti buusii gochuu akka dandeessu beekuuf, filannoowwan armaan gadii keessaa isa tokkotti fayyadami:

  • liinkii donate.jw.org jedhu ilaali

  • kutaa Waaʼee Keenya jedhuu fi jw.org irratti argamu jala mata duree “Buusii Gochuu” jedhu tuqi

  • liinkii “Buusii Gochuu” jedhuu fi kaʼumsa appilikeeshinii JW Library jala jirutti fayyadami

Biyyoota tokko tokko keessatti, barreeffamni mata dureen isaa “Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman” jedhuu fi gaaffiiwwan beekamoo waaʼee buusii gochuu gaafatamaniif deebii kennu jira.

Viidiyoon Meeshaa Elektiroonikiitiin Buusii Gochuun kan Dandaʼamu Akkamitti? jedhamu akkaataa buusii gochuun itti dandaʼamu ilaalchisee odeeffannoo gaarii kenna.

KENNAA KAROORAAN KENNAMU

Buusiiwwan hojii addunyaa maraatiif godhaman tokko tokko, dursanii karoora baafachuu ykn gama seeraatiin gorsa gaafachuu kan dabalatani dha. Isaanis:

  • dhaamsa dhaalaa fi imaanaa

  • qabeenya hin sochoone, aksiyoonota, boondotaa fi inshuraansii

  • qarshii deebiʼu kennuu

Karaa kanaan buusii gochuu yoo barbaaddan teessoo, liinkii donate.jw.org jedhamu irra jiranitti fayyadamuudhaan waajjira damee keessan qunnamaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi