LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/05 ful. 4
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2005
Tajaajila Mootummaa—2005
km 12/05 ful. 4

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii

Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Muddee 26, 2005 jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, barreeffamawwan, gaaffiiwwan irra deebii torban, Sadaasa 7 hanga Muddee 26, 2005⁠rratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]

AMALAWWAN HAASAWAA

1. Gorsa kan kenninu ‘jaalalaaf jennee’ ta’uusaa argisiisuuf maal gochuu dandeenya? (Film. 9) [be ful. 266]

2. “Barsiisa sirrii sanaan gorsuu” kan dandeenyu karaawwan kamiini? (Tit. 1:9) [be ful. 267 key. 1-2]

3. Haasawaa keenya kan nama jajjabeessu gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti? [be ful. 268 key. 1-3, saanduqa]

4. Akkuma Musee, warri kaan wanta Yihowaan sabasaatiif godhe akka yaadatan gochuun keenya kan isaan jajjabeessu akkamitti? (Kes. 3:28; 31:1-8) [be ful. 268 key. 5–ful. 269 key. 1]

5. Wantoota Yihowaan yeroo ammaatti gochaa jiruufi gara fuulduraatti godhu ilaalchisee gammachuudhaan dubbachuun keenya dhaggeeffattoota keenya kan jajjabeessu maaliifi? [be ful. 269-271]

HAASAWAA LAK. 1

6. Saptuujantiin maalidha? Kiristiyaanotaafoo faayidaa maalii qaba? [si ful. 307 key. 12–ful. 310 key. 14]

7. Maasoreetonni eenyufaa turan? Macaafa Qulqulluu hiikuttoo ga’ee guddaa akkamii qabu turan? [si ful. 310 key. 18; ful. 311 key. 20-21]

8. Caaffanni Qulqulluun afaan Ibrootaa Hiikni Addunyaa Haaraa inni afaan Ingiliffaatiin argamu maalirraa hiikame? Hiika kana amanuu kan dandeenyuhoo maaliifi? [si ful. 312 key. 28, 30]

9. Kiristiyaanonni jalqabaa Sagalee Waaqayyoo maxxansiisuuf fedhii cimaa akka qaban kan argisiisan akkamitti? [si ful. 315 key. 1-5]

10. Qorannaan Caaffata Qulqullaa’oo bara durii harkaan barreeffamaniifi yeroo ammaatti argamanirratti godhame Macaafa Qulqulluu ilaalchisee maal ibsa? [si ful. 320 key. 32]

DUBBISA M.Q.

11. Yihowaan, Daawit mana qulqullummaa akka hin ijaarre isa dhowwuunsaa waraana inni geggeessaa turetti akka hin gammanne kan argisiisudhaa? (1 Sen. 22:6-10)

12. Solomoon kadhannaa yeroo manni qulqullummaa murteeffame dhiheesserratti, Yihowaan fedhii tajaajiltootasaa gareedhaan qofa utuu hin ta’in dhuunfaadhaanis nama isa sodaatu kan beeku ta’uusaa akkamitti argisiise? (2 Sen. 6:29, 30) [w97 4/15 ful. 4]

13. “Kakuu soogiddaa” kan jedhame maalidha? (2 Sen. 13:5)

14. Bulchiinsi Baashaan kan jalqabe Aasaan mootii ta’ee “waggaa sadaffaa isaatti” erga ta’eefi barri bulchiinsasaas waggaa 24 qofa kan ture erga ta’ee, “Aasaan mo’ee waggaa soddomii ja’affaa isaatti” Baashaan “Yihudaatti” kan duule akkamitti? (1 Mot. 15:33; 2 Sen. 16:1)

15. 2 Seenaa 20:22, 23 wanta addunyaa Seexanaarra ga’u akka gaariitti kan ibsu akkamitti? [w84 7/1 ful. 18, key. 17 (7-105, ful. 10, key. 17)]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi