Beeksisa
◼ Barreeffamawwan raabsaman Muddee: Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu; Amajjii: Dammaqinaan Eegaa!; Guraandhala: Gara Yihowaatti Dhihaadhaa; Bitootessa: Dammaqinaan Eegaa! Namoota fedhii qaban yoo argattan kitaaba Beekumsaa itti argisiisuudhaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.
◼ Waraqaan afeerrii Ayyaana Yaadannoo 2006 afaan gumichi ittiin geggeeffamuun yeroo dhihootti gumiiwwan hundaaf ni ergama.
◼ Ayyaanni Yaadannoo 2007 Wiixata, Ebla 2, erga biiftuun lixxee booda akka kabajamu yaadadhaa. Ragaan kun obboloonni dursanii karoora akka baasaniif isaan gargaara.
◼ Ayyaanni Yaadannoo kun barbaachisaa waan ta’eef, qaamni jaarsolii, jaarsi dandeettii gaarii qabu haasicha akka dhiheessu gochuu qaba malee, dabareedhaan akka walga’u gochuuf ykn waggaa waggaadhaan jaarsi tokko qofti akka dhiheessu gochuu hin qabu. Obboloota dibamoo keessaa jaarsi ga’eessa ta’e yoo jiraate, haasawaa kana isatu dhiheessuu qaba.