Mana Barumsaa Wanta Baranne Hojiirra Oolchuuf Nu Gargaaru
1 Barumsawwan sagantaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii 2006rratti fudhannu, barumsawwan Caaffata Qulqullaa’oo argannurraa tajaajila keenyarrattiifi jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuudhaan faayidaa argachuuf carraaqqii goona. Wanta baranne hojiirra oolchuufis ni murteessina.—Yoh. 13:17; Filp. 4:9.
2 Yaada Kennuu: Sagantaa waggaa kanaarratti dhaggeeffattoonni yaadawwan ijoo Macaafa Qulqulluurratti yaada akka kennaniif daqiiqaan dabalataa kennameera. Kana jechuun obboleessi yaadawwan ijoo Macaafa Qulqulluu dhiheessuuf ramadame, kutaasaa daqiiqaa ja’a utuu hin ta’in daqiiqaa shanitti fixuuf of eeggannoo gochuu qaba jechuudha. Warri yaada kennanis taanaan daqiiqaa ramadame tilmaama keessa galchuu qabu. Dursanii yoo itti yaadan sekoondii 30 keessatti yaada barumsa dabarsu kennuu danda’u. Daqiiqaa shanan kenname kana keessatti giddu galeessaan namoonni kudhan yaada kennuu danda’u.
3 Haasawaa Barumsa Kennan: Yaadawwan ijoo Macaafa Qulqulluufi haasawaan qajeelfamaa, akkaataa barumsa arganne tajaajilarrattiifi jireenya keenya keessatti hojiirra itti oolchinurratti kan xiyyeeffatu ta’uu qaba. Obboleessi kutaa kana dhiheessu dhaggeeffattootasaa hojiidhaaf kakaasuu caalaa wanti gochuu qabu jira. Ejjennoo fudhatamuu qabu, akkamitti akka fudhatamuufi tarkaanfii akkanaa fudhachuun bu’aansaa maal akka ta’e ibsuu qaba. Akkas jechuu danda’a: “Caqasni kun karaa kanaan qajeelfama nuu kenna,” ykn “Caqasawwan kana tajaajilarratti karaa kanaan fayyadamuu dandeenya.” Jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii haala gumichaa beekan, hanga danda’anitti barumsichi akka gumichaaf barbaachisutti dhiheessuuf carraaquu qabu.
4 Fakkeenyota Macaafa Qulqulluurra jiran caqasuun, barumsicha hojiirra akka oolchan isaan gargaaruu danda’a. Obboleessi haasicha dhiheessu fakkeenya Macaafa Qulqulluu erga caqasee booda: “Isinis haala kanaa wajjin wal fakkaatu keessa jirtu ta’a” jechuu danda’a. Fakkeenyi Caaffata Qulqullaa’oorraa caqasu kamiyyuu, ergaa guutummaa Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ wajjin kan wal simu ta’uusaa mirkaneeffachuu qaba.—Mat. 24:45.
5 Ogummaa jechuun beekumsaafi hubannaatti akka gaariitti fayyadamuu danda’uu jechuudha. ‘Ogummaan hundumaa irra in caala.’ (Fak. 4:7) Barumsawwan Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiitti argannurraa ogummaa horachaa yeroo adeemnu kanatti, ogummaa kana warra kaaniif hiruufis dandeettii keenya haa guddifannu.