Qayyabannaa 23
Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu
NAMA tokkoo wajjin yommuu mariʼattus taʼe namoota hedduudhaaf yommuu haasaa dhiheessitu, barumsichi waan si gammachiiseef qofa isaaniinis ni gammachiisa jettee hin yaadin. Barumsikee barbaachisaa taʼus, faayidaa barumsichaa ifa gochuu baannaan utuu hin turin yaannisaanii baduu dandaʼa.
Yaanni kun namoota walgaʼii gumiirratti argamaniifis ni hojjeta. Fakkeenya ykn muuxannoo kanaan dura dhagaʼanii hin beekne yommuu dubbattu hawwiidhaan si dhaggeeffatu taʼa. Wanta isaan beekan dubbachuu yommuu jalqabdu garuu, wanta dubbattu fakkeenyaafi muuxannoo sanaa wajjin wal qabsiisuu baannaan, yaannisaanii baduu dandaʼa. Kanaaf, wanti dubbattu maaliifi akkamitti akka isaan fayyadu isaan hubachiisi.
Macaafni Qulqulluun, karaa wanti tokko hojiirra ooluu itti dandaʼu ogummaadhaan akka yaannu nu jajjabeessa. (Fak. 3:21) Yihowaan, sabasaa “gara ogummaa tolootaatti” deebisuuf Yohannis Cuuphaatti fayyadameera. (Luq. 1:17, hiika bara 1899) Ogummaan akkasii sodaa sirrii Yihowaadhaaf qabnurraa kan maddudha. (Far. 111:10) Namoonni ogummaa kana hubatan, yeroo harʼaatti jireenya gaarii jiraachuu, gara fuulduraattimmoo jireenya dhugaa, jechuunis jireenya barabaraa argachuu dandaʼu.—1 Xim. 4:8; 6:19.
Haasaa Dhaggeeffattoota Fayyadu Dhiheessuu. Haasaa dhiheessiturraa faayidaa akka argatan yoo barbaadde, waaʼee barumsichaa qofa utuu hin taʼin waaʼee dhaggeeffattootaas yaadi. Walitti qabaatti utuu hin taʼin dhuunfaatti dhaggeeffattoota keetiif yaadi. Dhaggeeffattoonnikee namoota dhuunfaafi maatiirraa kan walitti qabamedha. Ijoollee xixinnoon, dargaggoonni, gaʼeessonniifi maanguddoonni tokko tokko achi keessa jiraachuu dandaʼu. Namoonni haaraan ykn namoonni utuu ati hin dhalatin Yihowaa tajaajiluu jalqabanis jiraachuu dandaʼu. Namoonni tokko tokko karaa hafuuraa gaʼumsa kan qaban siʼa taʼu, warri kaanimmoo ilaalchi biyya lafaa tokko tokko dhibbaa isaanirraan gaʼaa kan jiran taʼuu dandaʼu. ‘Barumsi ani dhiheessu dhaggeeffattoota gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Ijoo barumsichaa akka hubatan isaan gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Garee dhaggeeffattootaa olitti ibsaman keessaa tokkoosaanii ykn lamaansaaniirratti xiyyeeffachuu barbaadda taʼa. Haataʼu malee, yeroo kanatti warra kaanis dagachuu hin qabdu.
Kutaan ati dhiheessitu barumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kan ibsu yoo taʼe maal goota? Dhaggeeffattoonni barumsichatti kan amanan yoo taʼe, karaa isaan fayyaduun dhiheessuu kan dandeessu akkamitti? Karaa dhimma sanarratti amantii qaban jabeessuun dhiheessuu yaali. Akkamitti? Caqasoota barumsa sanaaf ragaa taʼanitti fayyadami. Kana malees, dinqisiifannaa barumsa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe kanaaf qaban akka guddifatan gargaaruu dandeessa. Barumsichi dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaanii wajjin, akkasumas amalawwan Yihowaa wajjin akkamitti akka walsimu ibsuudhaan kana gochuu dandeessa. Muuxannoo namoota barumsa kanarraa faayidaa argataniifi ilaalcha gara fuulduraatiif qabanirratti jijjiirama godhanii caqasuu dandeessa.
Faayidaa barumsichaa, yaada gabaabaa xumurarratti dhiheessitu qofarratti ibsuu hin qabdu. Jalqabaa kaasee, dhaggeeffattoonni hundi “barumsi kun anaan na ilaallata” jedhanii yaaduu qabu. Yaadawwan ijoo haasaakee yommuu ibsitus taʼe xumurarra yommuu geessu, faayidaa barumsichi dhaggeeffatootaaf qabu ibsi.
Karaan dhaggeeffattoonni barumsicha akka hojiirra oolchan itti ibsitu, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Kana jechuun maal jechuudha? Isaan jaallachuufi bakkasaanii of kaaʼuu qabda jechuudha. (1 Phe. 3:8; 1 Yoh. 4:8) Phaawulos, rakkina guddaa gumii Tasaloniiqee keessa ture ilaalchisee yommuu ergaa ergettillee, guddina Kiristiyaanonni hidhatasaa taʼan gama hafuuraatiin godhan caqasuudhaan isaan galateeffateera. Gorsa isaaniif barreesse hojiirra akka oolchan abdii qabus ibseera. (1 Tas. 4:1-12) Kun fakkeenya gaarii hordofuu qabnu mitii?
Haasaankee dhaggeeffattoonni hojii lallabaafi bartoota gochuurratti akka hirmaatan kan jajjabeessuudhaa? Mirga argatan akka dinqisiifataniifi hinaaffadhaan akka irratti hirmaatan isaan jajjabeessi. Haataʼu malee, hirmaannaan namoonni hundi godhan garaagarummaa akka qabuufi Macaafni Qulqulluunis kana tilmaama keessa akka galchu dagachuu hin qabdu. (Mat. 13:23) Obboloonnikee akka of ceephaʼan hin godhin. Ibroonni 10:24, ‘jaalala argisiisuufi waan gaarii hojjechuudhaaf tuttuqnee yaada walii akka kakaasnu’ nu gorsa. Hojicha akka jaallatan yoo isaan kakaasne garaadhaa kakaʼanii hojjetu. Namoonni wanta tokko akka hojjetan dirqisiisuu mannaa, Yihowaan namoonni ‘amantiidhaan akka abboomaman’ akka barbaadu hubachuu qabna. (Rom. 16:26) Amantii keenyas taʼe kan warra kaanii jabeessuu yommuu barbaannu dhugaa kana yaadachuu qabna.
Faayidaa Barumsichaa Akka Hubatan Gargaaruu. Namootaaf yommuu dhugaa baatu misiraachichi faayidaa akkamii akka argamsiisu ibsuu qabda. Kunimmoo, wanta namoota naannoo tajaajilaa keetti argaman yaaddessu hubachuu gaafata. Wanta isaan yaaddessu beekuu kan dandeessu akkamitti? Oduu raadiyoo ykn televijiiniidhaan darbu dhaggeeffadhu. Dhimmawwan gaazexaarratti baʼan ilaali. Kana malees, namoonni yaadasaanii akka ibsan carraa kenniif; akkasumas isaan dhaggeeffadhu. Hojii dhabuun, gatiin kiraayii dabaluu, dhukkuba, miseensa maatii duʼaan dhabuu, yakka sodaachuu, daba abbootiin taayitaa raawwatan, gaaʼelli diigamuu, ijoolleen amala gaarii akka qabaatan godhanii guddisuufi rakkoowwan kanaa wajjin wal fakkaatan akka isaan yaaddessan hubatta taʼa. Macaafni Qulqulluun namoota kana gargaaruu dandaʼaa? Eeyyee isaan gargaaruu dandaʼa.
Nama tokko haasofsiisuu yommuu barbaaddu wanta itti himtu tokko akka qabdu beekamaadha. Haataʼu malee, wanti nama haasofsiisaa jirtu caalaatti yaaddessu akka jiru yoo hubatte, hamma sii dandaʼametti dhimma sanarratti isa haasofsiisuu yaali ykn yeroo garabiraa yaada isa gargaaru akka itti himtu ibsiif. Kana jechuun garuu, gorsa gaarii hojiirra ooluu dandaʼuufi Macaafa Qulqulluu keessatti argamu itti himna malee, dhimma namaa ‘keessa lixna’ jechuu miti. (2 Tas. 3:11) Namoonni wanta jireenyasaanii wajjin walitti dhufeenya qabu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun gorsa akka kennu yommuu hubatan garaansaanii ni tuqama.
Namoonni ergaan keenya dhuunfaatti akkamitti akka isaan fayyadu yoo hubachuu baatan maree sana dafanii dhaabuu dandaʼu. Yoo nu dhaggeeffatanillee, matadureen irratti mariʼachaa jirru akkamitti akka isaan fayyadu utuu isaaniif hin ibsin yoo hafne wanti isaanitti himnu garaasaanii tuquu dhiisuu dandaʼa. Ergaan itti himnu faayidaa akkamii akka isaaniif argamsiisu yoo ifa gooneef garuu, mareen kun jireenyasaanii akka jijjiiran isaan kakaasuu dandaʼa.
Yommuu Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu, faayidaa barumsichaa ifa godhiif. (Fak. 4:7) Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo, seera buʼuuraafi fakkeenya daandii Yihowaarra deddeebiʼuun akkamitti akka dandaʼamu ibsu akka hubatan gargaari. Faayidaa kana gochuudhaan argamu akka gaariitti ibsiif. (Isa. 48:17, 18) Kunis jireenyasaanii keessatti jijjiirama barbaachisu akka godhan isaan kakaasa. Yihowaa akka jaallataniifi isa gammachiisuuf fedhii akka qabaatan, akkasumas garaadhaa kakaʼanii gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra akka oolchan gargaari.