LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/06 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Amajjii 9 Jalqabu
  • Torban Amajjii 16 Jalqabu
  • Torban Amajjii 23 Jalqabu
  • Torban Amajjii 30 Jalqabu
  • Torban Guraandhala 6 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2006
km 1/06 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Amajjii 9 Jalqabu

Faarfannaa 5 (10)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti ykn akkaataa dhiheenyaa bu’a qabeessa ta’e naannoo keessaniif hojjetu kan biraattis taanaan fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Sadaasa 1fi Dammaqaan! Sadaasa 2005, akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Akkaataan dhiheenyaa inni tokko, babal’isichi naannoo daldalaatti yommuu tajaajilu kan argisiisu haata’u.

Daq. 15: “Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu​—Kitaaba Macaafa Qulqulluu Qayyabachuuf Gargaaru.” Kitaaba haaraa kanaan fayyadamanii qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf akka carraaqan jajjabeessi.

Daq. 20: “Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Jedhamuun Qayyabannaa Jalqabsiisuun Kan Danda’amu Akkamitti?” Akkaataa dhiheenyaa miiltoo ful. 3⁠rra jirurratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamuun fayyadamnee namoota fedhii qaban qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu ni dandeenya. Deddeebii gaaffii yommuu goonutti yaadawwan: (1) ful. 4-5, (2) ful. 6, akkasumas (3) keeyyata jalqabaa ful. 7⁠rra jiranitti fayyadamnee, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akkamitti jalqabsiisuu akka dandeenyu kan argisiisu hojiin argisiisni akka gaariitti irratti yaadame sadii akka dhihaatu godhi. Tokkoon tokkoon hojiin argisiisichaa duraafi booda yaada ijoo ta’an dubbadhu. Yaada keeyyatoota kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluurra jiran akka barbaachisummaasaatti gabaabsanii dhiheessuun ni danda’ama. Tokkoon tokkoon hojiin argisiisichaarratti babal’istoonni yeroo itti aanutti deebi’anii dhaquudhaaf akka ta’utti haala mijeessuudhaan akka xumuran godhi.

Faarfannaa 34 (77) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Amajjii 16 Jalqabu

Faarfannaa 71 (163)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Hundumtuu viidiyoo Yaalii Bakka Dhiigaa Kennamu​—Mirgaafi Fedha Dhukkubsattootaa jedhu, maree torban lama booda Walga’ii Tajaajilaarratti godhamuuf ilaalanii akka dhufan jajjabeessi.

Daq. 15: Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu. Kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’e jedhu, ful. 4-7⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Yaada ful. 4⁠rra jirutti fayyadamuudhaan, seensa daqiiqaa sadii hin guunneen jalqabiitii, mataduree xiqqoo ful. 5-7⁠rra jiru maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun dhiheessi. Kutaawwan kitaaba kanaa kanneen biroon Walga’iiwwan Tajaajilaa gara fuulduraarratti dhihaatu.

Daq. 20: “Dargaggoota Akka Ibsaa Ifanii Mul’atan.” Dargaggoonni mana barumsaa keessatti akkamitti dhugaa ba’uu akka danda’an yaada akka kennaniif afeeri. Danda’amnaan dargaggoota tokko ykn lama dursitee yaada akka kennaniif qopheessuu ni dandeessa.

Faarfannaa 46 (107) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Amajjii 23 Jalqabu

Faarfannaa 83 (187)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Naannoo keessaniif kan hojjetu yoo ta’e, akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8⁠rra jiranitti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Sadaasa 15 akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisicha obboleessa dargaggeessa ta’e tokko akka dhiheessu godhi.

Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: “Gaaffii Gaafachuufi Dhaggeeffachuudhaan​—Namootaaf Akka Yaaddan Argisiisaa.” Keeyyata 2⁠ffaarratti yommuu mari’attan, dhaggeeffattoonni gaaffii akkamii kaasuudhaan maree jalqabuun mijataa ta’ee akka argatan muuxannoo qaban akka dubbatan gaafadhu. Babal’isaan tokko ilaalcha nama tokkoo beekuuf jecha gaaffiiwwaniin fayyadamee yeroo mariisisu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.

Faarfanna 74 (168) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Amajjii 30 Jalqabu

Faarfannaa 100 (222)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa Amajjii akka deebisan yaadachiisi. Barreeffama Guraandhalatti raabsamu erga dubbattee booda, hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.

Daq. 15: Faayidaa Keenyaaf Jecha Qophii Jaalalaan Nuuf Godhame. Jaarsaan kan dhihaatu. Amajjii 3, 2006 xalayaa waajjira dameerraa gumiiwwan hundumaaf, sochiiwwan Koree Hospitaalaan Walquunnamsiisuufi Garee Dhukkubsataa Do’atu irraa gargaarsa argamu ilaalchisee yaada barreeffame dubbisi.

Daq. 20: “Viidiyoo Yaalii Fayyaa Bu’a Qabeessa Ta’e Nu Beeksisu.” Hojii Ergamootaa 15:28, 29 dubbisuudhaan, akkasumas sababi guddaan Kiristiyaanonni dhiiga hin fudhanneef seera Waaqayyo qulqullummaa dhiigaa ilaalchisee kenne kabajuuf akka ta’e yaada ifaafi gabaabaa dubbadhu. Achii booda viidiyoo Fedhaafi Mirga Dhukkubsattootaa jedhamurratti hundaa’ee, dhaggeeffattootaa wajjin yaada gaaffiiwwan barreeffamicharratti qophaa’anitti fayyadamuudhaan gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata isa dhumaa dubbisuudhaan xumuri.

Faarfannaa 20 (45) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Guraandhala 6 Jalqabu

Faarfannaa 38 (85)

Daq. 10: Beeksisa gumii.

Daq. 25: Meeshaa Haaraa Ittiin Macaafa Qulqulluu Barsiisnu Wajjin Wal Baruu. Haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni kitaaba haaraa Barumsa Macaafa Qulqulluurratti kan isaan tuqe maal akka ta’e gaafadhu. Fakkeenyaaf kan akka: gaaffiiwwan seensa boqonnaarratti argamaniifi saanduqa maree irra deebii qabxii ijoo boqonnichaa (ful. 106, 114); akkasumas taattoofi fakkii (ful. 122-123, 147, 198) irra jiruufi kutaa dabalataa (ful. 197, key. 1-2) irratti dinqisiifannaa itti dhaga’ameef yaada qaban akka dubbatan afeeri. Kitaabni kun haala miira namaa tuquun kan dhihaatedha (ful. 12, key. 12). Ibsa salphaafi ifa ta’e kan kennu ta’uusaa (ful. 58, key. 5) akkasumas, akkaataa kitaabichi yaada sammuu namaatti fakkii uumuu danda’uun fayyadama (ful. 159, key. 12). Seensi (ful. 3-7⁠rra) jiru qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ittiin jalqabsiisuuf jedhamee kan qophaa’edha. Barataa Macaafa Qulqulluu haaraa ta’e tokko wajjin, yaada saanduqa ful. 7⁠rra jirurratti yommuu mareen godhamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Kitaaba haaraa kanatti fayyadamuudhaan muuxannoo argaman dubbadhu.

Daq. 10: Qajeelchaa Gargaaraa Ta’uun Eebba Namaaf Argamsiisa. (Fak. 10:22) Yeroo darbetti qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluudhaaf akkamitti haala akka mijeeffatan, akkasumas gammachuufi eebbawwan hojii kanarraa argatan akka dubbatan afeeri. Babal’istoonni hundi kadhannaadhaan irratti yaadanii ji’oota Bitootessa, Eblaafi Caamsaatti qajeelchaa gargaaraa ta’uudhaaf akka karoorfatan jajjabeessi.

Faarfannaa 93 (211) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabdee booda, gaaffiifi deebiidhaan dhiheessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi