LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/06 ful. 7
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2006
Tajaajila Mootummaa—2006
km 1/06 ful. 7

Beeksisa

◼ Barreeffamawwan raabsaman Amajjii: Dammaqinaan Eegaa!; Guraandhala: Gara Yihowaatti Dhihaadhu; Bitootessa: Kitaabni haaraan Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? Jedhamu kan raabsamu yeroo ta’u, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.

◼ Jiini Eblaa Sanbadduraafi Dilbata shan waan qabuuf, qajeelchaa gargaaraa ta’uuf mijaa’aadha.

◼ Haasawaan sabaa haaraan Bitootessaa 2006 kaasee daawwattoonni olaanaa aanaa dhiheessan, matadureensaa “Ammas Ta’e Bara Baraaf Jireenya Gammachuu Qabu Argachuu Ni Dandeessu!” kan jedhu ta’a.

◼ Gumiiwwan Ayyaana Yaadannoo Roobii, Ebla 12 erga biiftuun lixxee booda kabajamuuf qophii barbaachisaa ta’e gochuu qabu. Haasichi dursee jalqabamuu danda’us, maxinoofi wayiniin garuu biiftuun utuu hin lixin naanneffamuu hin qabu. Naannoo keessanitti ogeessota yeroo biiftuun itti lixxu beekan gaafadhaa. Gumiiwwan hundi Ayyaana Yaadannoo kana mataa mataasaaniitti akka kabajan isaan jajjabeessina. Haata’u malee, kun yeroo hundumaa salphaa ta’a jechuu miti. Galma Mootummaa tokkotti gumiiwwan hedduun kan fayyadaman yoo ta’e, galgala sanaaf gumiin tokko ykn lama galma Ayyaana Yaadannoo itti godhan garabiraa barbaaddatu ta’a. Kan ayyaanicharratti argaman hundi saganticharraa guutummaatti akka fayyadamaniif, danda’amnaan sagantaawwan gidduutti yoo xinnaate daqiiqaan 30⁠ni utuu dhiifamee gaarii ta’a. Keessummoota fiduufi geessuu dabalatee, iddoon konkolaataan itti dhaabatus xiyyeeffannaa keessa galuu qaba. Qaamni jaarsolii qindoominni gumichaaf mijaa’aa ta’u kam akka ta’e ni murteessa.

◼ Obboloonni dhuunfaasaaniitiin biyya alaa deemanii, walga’iiwwan gumii, walga’ii addaa, kan aanaafi koonyaarratti argamuuf karoora qaban yoo jiraatan, guyyaa, sa’aatiifi iddoosaa beekuuf gaaffii kan dhiheessitan, damee biiroo hojii biyya sanaa olaantummaadhaan ilaaluttidha. Teessoon waajjira damee fuula dhumaa Kitaaba Waggaa kanaarratti galmeeffameera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi