Viidiyoo Yaalii Fayyaa Bu’a Qabeessa Ta’e Nu Beeksisu
Ogeeyyiin seeraafi fayyaa ilaalchaafi mirga dhukkubsattootaaf caalaatti xiyyeeffannaa kennaa jiru. Kunimmoo yaaliifi mala haaraa Dhugaa Baatota Yihowaa gargaarudha. (HoE. 15:28, 29) Viidiyoon Yaalii Bakka Dhiigaa Kennamu—Mirgaafi Fedhii Dhukkubsattootaa jedhamu kanarratti kan xiyyeeffate ta’a. Ilaalaatii wanta barattan irratti mari’adhaa.—Hubachiisa: Viidiyoon kun kutaa yeroo dhagna baqaffatan argisiisu kan dabalatu waan ta’eef, warri ijoollee xixinnoo qaban, ijoolleen kun viidiyoo kana ilaaluu qabuu ykn ilaaluu hin qaban isa jedhu murteessuu qabu.
(1) Ogeessonni fayyaa tokko tokko dhiiga kennuu ilaalchisee haalasaarra deebi’anii kan ilaalan maaliifi? (2) Dhiiga malee dhagna baqaqsuu kamiyyuu gochuun akka danda’amu fakkeenyawwan sadii kenni. (3) Addunyaa maratti doktoorotaafi ogeessota dhagna baqaqsan meeqatu dhiiga malee yaalii gochuuf walii gale? Kana gochuuf kan walii galan maaliifi? (4) Dhiigatti fayyadamuu ilaalchisee qorannaawwan dhiheenya kanatti mana yaalaatti godhaman maal argisiisu? (5) Balaawwan dhiiga fudhachuu wajjin wal qabatan maalfa’i? (6) Ogeessonni fayyaa yaalii dhiiga malee godhamuun faayidaa argamu ilaalchisee murtoo maaliirra ga’aniiru? (7) Dhukkuba hiri’ina dhiigaa kan fidu maalidha? Namarraan miidhaa utuu hin geessisin hammam turuu danda’a? Bakka buusuu kan danda’amu akkamitti? (8) Qaama nama dhukkubsatee keessatti seelii diimaa baay’isuun kan danda’amu akkamitti? (9) Yeroo dhagni baqaqfamutti dhiigni baay’een akka hin dhangalaane gochuuf malawwan kamfaatu gargaara? (10) Yaaliin dhiiga malee godhamu kun ijoolleef ykn balaawwan akka tasaa uumamaniifi lubbuu galaafachuu danda’uufis kan hojjetudhaa? (11) Amalawwan yaalii gaarii ta’e kennuuf gargaaran keessaa inni guddaan maalidha? (12) Kiristiyaanonni yaalii fayyaa dhiiga malee godhamu dursanii filachuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
Yaaliiwwan viidiyoo sanarratti argine keessaa tokko tokko fudhachuuf dhiisuun, dhimma sammuu keenya isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjifamerratti hundoofnee murteessinudha. Ofii keetiifis ta’e ijoolleekeetiif yaaliiwwan iddoo dhiigaa kennaman keessaa isa kamiin akka filattu murteessiteettaa? Miseensonni maatii Dhugaa Baatota hin taanes murtoo keessaniifi sababiisaa sirriitti beekuu qabu.—Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2004fi Onkoloolessa 15, 2000 Mataduree “Gaaffiiwwan Dubbistootaa” ilaali.