Yaaliin Fayyaa Hundarra Gaarii Ta’e Isa Kamidha?
Hogganaa yaalii fayyaa kan ta’an Dr. Mikaa’el Roos, “Dhugaasaa dubbachuuf dhukkubsataan dhiiga malee yaaliin godhameef yaalii hundarra gaarii ta’e godhameeraaf jechuudha” jedhaniiru. “Yaaliin dhiiga malee godhamu” yaaliiwwan bakka dhiigaa kennaman kamfaa dabalata? Murtoon gootu beekumsa waa’ee yaaliifi dhagna baqaffannaa qabdurratti kan hundaa’e ta’uu qaba. Viidiyoo Dhiiga Hin Fudhadhu—Karaa Yaalii Furmaanni Argameera jedhu ilaali. Isa booda, gaaffiiwwan kanaa gad jiraniin hubannaakee qori.—Yaadachiisa: Vidiyoon kun yeroo baqaqsaan dhagnaa godhamu kan argisiisu waan ta’eef, warri ijoolleen xixinnoon ilaaluuf dhiisuusaanii murteessuu qabu.
(1) Sababiin inni guddaan Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga hin fudhanneef maalidha? (2) Yaalii fayyaa ilaalchisee fedhiinsaanii maalidha? (3) Namoonni dhukkubsatan mirga maalii qabu? (4) Namni tokko dhiiga hin fudhadhu jechuunsaa, wallaalaadha ykn nama itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amnedha jechuu kan hin taane maaliifi? (5) Yeroo dhiigni garmalee dhangala’utti, tarkaanfiiwwan ogeessonni fayyaa atattamaan fudhachuu qaban lamaan maalidha? (6) Yaalii bakka dhiiga fudhatamu ilaalchisee seerawwan bu’uuraa afuran maalidha? (7) Ogeessonni fayyaa yeroo dhagna baqaqsan, (a) dhiigni baay’een akka hin dhangalaane godhu, (b) seelii dhiiga diimaa eeguuf, (c) Baay’inni dhiigaa akka dabaluu gochuufi (d) dhiiga dhangala’e bakka buusuu kan danda’an akkamitti? (8) Malawwan yaalii (a) heemoodaayiluushiniifi (b) seel saalveej jedhaman ibsi. (9) Yaaliiwwan bakka dhiigaa kennaman kamiyyuu ilaalchisee, maal beekuu qabda? (10) Dhagna baqaqsaan ulfaataa ta’e dhiiga malee raawwatamuu ni danda’aa? (11) Ogeeyyiin fayyaa haala bu’a qabeessa ta’e akkamiirra ga’aniiru?
Malawwan yaalii viidiyoo kanarratti ibsaman tokko tokko fudhachuuf dhiisuu ilaalchisee, namni tokko dhageettii yaada garaa Macaafa Qulqulluudhaan leenjifamerratti hundaa’ee murteessuu danda’a. Ofii keetiifis ta’e ijoolleekeetiif filannoowwan yaalii iddoo dhiigaa kennaman keessaa isa kamiin akka filattu murteessiteettaa? Miseensota maatii Dhugaa Baatota hin taanes murtoonkeefi sababiisaa sirriitti itti himuu qaba.— Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2004fi Onkoloolessa 15, 2000, mataduree “Gaaffiiwwan Dubbistootaa” jedhu ilaali.