Viidiyoo Noo Bilad —Mediisin Miits Za Chaaleenj Jedhamurraa Fayyadamaa
Filannoowwan yaalii dhiiga malee kennaman ilaalchisee beekumsa hammamii qabda? Malawwan yaalii dhiiga malee kennamaniifi malliwwan kun akkamitti akka hojjetan beektaa? Viidiyoo kana ilaaliitii, gaaffiiwwan kanaa gad jiraniin beekumsa kee qori.—Yaadachiisa: Viidiyoon kun yeroo dhagni namaa baqaqsamu kutaa argisiisu kan dabalatu waan ta’eef, warri, ijoollee xixinnoon viidiyoo kana ilaaluun akka isaaniif ta’uufi hin taane murteessuu qabu.
(1) Sababii guddaan Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga hin fudhanneef maalidha? Seerri bu’uuraa kun Macaafa Qulqulluurraa eessatti argama? (2) Yaalamuu ilaalchisee fedhiin keenya maalidha? (3) Yaalamtoonni mirga maalii qabu? (4) Namni tokko dhiiga hin fudhadhu jechuunsaa, wallaalaadha ykn nama itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amnedha jechuu kan hin taane maaliifi? (5) Yeroo dhiigni garmalee dhangala’utti, tarkaanfiiwwan ogeessonni fayyaa atattamaan fudhachuu qaban lamaan warra kamfa’i? (6) Dhiiga fudhachuun fayyaarratti balaa akkamii geessisuu danda’a? (7) Ogeessoonni fayyaa yeroo dhagna baqaqsan dhiigni baay’een akka hin dhangalaane gochuuf malawwan akkamiitiin fayyadamuu danda’u? (8) Wantoota bakka dhiigaa kennaman kamiyyuu ilaalchisee, wanti beekuu qabdu maalidha? (9) Utuu dhiigni hin kennamin dhagna baqaqsaa ulfaataa ta’e gochuun ni danda’amaa? (10) Ogeessonni fayyaa lakkoofsisaanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufe, Dhugaa Baatota Yihowaatiif maal gochuuf fedhii akka qaban argisiisaniiru? Oolee bulee, yaalamtoota hundumaatiif malli hojiirra oolu danda’u isa kamidha?
Filannoo yaalii viidiyicharratti dhihaate kamiyyuu fudhachuuf murteessuun, dhageettii yaada garaa tokkoon tokkoon namaatiif kan dhiisamedha.—Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2004, ful. 22-24, 29-31, fi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2000, ful. 30-31 ilaali.