Filannoowwan Qabdu Beektaa?
Manneen yaalaa hedduu addunyaa maratti argaman keessatti, yaaliin fayyaa dhiiga malee qaama baqassuu haalaan dabalaa jira. Yaalii fayyaa dhiiga malee taasifamu ilaalchisee filannoowwan jiran guutummaatti hubatteettaa? Rakkoo mudatu hubachuufi filannoowwan jiran beekuudhaan, murtoo beekumsarratti hundaa’e gochuuf filannoowwan jiran hubachuu qabda. Viidiyoo Noo Bilad—Mediisin Miitis za Chaaleenji (Dhiiga Hin Fudhadhu—Karaa Yaalii Furmaanni Argameera) jedhamu ilaali. Achiis, wanta baratterratti hundaa’uun murtoo gootu ilaalchisee kadhannaadhaan gaaffiiwwan armaan gadiirratti xiinxali.—Yaadachiisa: Viidiyoon kun qaamni yeroo baqaqsamu kan argisiisu gabaabaa waan qabuuf, warra kan ta’an ijoolleesaanii xixinnoo viidiyoo kana akka hin ilaalle murteessuuf hubannaa gaarii qabaachuun isaan barbaachisa.
(1) Sababiin inni guddaan Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga hin fudhanneef maalidha? (2) Yaalii fayyaa ilaalchisee fedhiinsaanii maalidha? (3) Namoonni dhukkubsatan mirga akkamii qabu? (4) Namni tokko dhiiga hin fudhadhu jechuunsaa, wallaalaadha ykn nama itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amnedha jechuu kan hin taane maaliifi? (5) Dhiigni garmalee yeroo dhangala’u, tarkaanfiiwwan jalqabaa ogeessonni fayyaa atattamaan fudhachuu qaban lamaan maalidha? (6) Yaalii bakka dhiigaa fudhatamu ilaalchisee malawwan arfan maalfa’i? (7) Ogeessonni fayyaa yeroo dhagna baqaqsan, (a) dhiigni baay’een akka hin dhangalaane gochuuf, (b) seelii dhiiga diimaa eeguuf, (c) Baay’inni dhiigaa akka dabaluu gochuufi (d) dhiiga dhangala’e bakka buusuu kan danda’an akkamitti? (8) Malawwan yaalii (a) heemoodaayiluushiniifi (b) seel saalveej jedhaman ibsi. (9) Yaaliiwwan bakka dhiigaa kennaman kamiyyuu ilaalchisee, maal beekuu qabda? (10) Dhagna baqaqsaan cimaan dhiiga malee raawwatamuu danda’aa? (11) Ogeeyyiin fayyaa haala bu’a qabeessa ta’e akkamiirra ga’aniiru?
Malawwan yaalii viidiyoo kanarratti ibsaman tokko tokko fudhachuuf dhiisuu ilaalchisee, namni tokko dhageettii yaada garaasaa isa Macaafa Qulqulluun leenjifamerratti hundaa’ee murtoo dhuunfaa gochuu danda’a. Ofii keetiifis ta’e ijoolleekeetiif filannoowwan yaalii iddoo dhiigaa kennaman keessaa kam akka filattu murteessiteettaa? Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaahoo guutteettaa? Dhimma kana ilaalchisee yaada bal’aa argachuuf Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2004fi Onkoloolessa 15, 2000, mataduree “Gaaffiiwwan Dubbistootaa” jedhu ilaali. Kamiin akka fudhattuufi hin fudhanne murtoo dhuunfaa gochuuf, miiltoo Tajaajila Mootummaa Sadaasa 2006rraa mataduree, “Qoqqoodama Dhiigaafi Yaalii Fayyaa Dhiigakootiin Fayyadamuudhaan Naa Godhamuuf Murtoo Akkamii Gochuun Qaba?” jedhutti fayyadami. Dhumarrattis, filannookee Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaarratti sirriitti akka guutte mirkaneessi. Namoonni gaafa balaan sirra ga’u itti gaafatamoo sii ta’aniifi miseensonni maatiikee Dhugaa Baatota hin taane kamiyyuu murtoowwan kee guutummaatti beekuu qabu.
[Saanduqa fuula 3rra jiru]
• Ofii keetiifis ta’e ijoolleekeetiif filannoowwan yaalii iddoo dhiigaa kennaman keessaa kam akka filattu murteessiteettaa?
• Kaardii Yaalii Fayyaa ibsuufi balaa akka tasaa uumamuuf si gargaaru guuttee of harkaa qabdaa?