Sagantaa Torban Amajjii 26 Jalqabu
TORBAN AMAJJII 26 JALQABU
Faarfannaa 3 (32)
❑ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
❑ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Uumama 17-20
Lak. 1: Uumama 17:1-17
Lak. 2: Namoonni Bulchiinsa Gaarii Hundeessuu Kan Dadhaban Maaliifi? (rs ful. 153 key. 1-6)
Lak. 3: Macaafni Qulqulluun Kitaabota Kaanirraa Kan Adda Ta’e Karaawwan Kamiini? (bh boq. 2 key. 1-9)
❑ Walga’ii Tajaajilaa:
Faarfannaa 21 (191)
Daq. 5: Beeksisa gumii.
Daq. 10: Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessaafi Dammaqaa! Amajjii Raabsuuf Qophaa’uu. Maree dhaggeeffattootaa wajjin taasifamu. Barruulee kana ilaalchisee irra deebii gabaabaa erga dubbattee booda, mataduree kamtu xiyyeeffannaa namoota naannoo tajaajilaasaaniitti argaman hawwachuu akka danda’u, akkasumas maaliif qalbiisaanii akka hawwatu dhaggeeffattoonni akka dubbatan afeeri. Matadureewwan namoota haasofsiisuuf itti fayyadaman, akkasumas barruulee kana raabsuuf gaaffiiwwaniifi caqasoota barruulee sana keessaa itti fayyadamuu barbaadan ilaalchisee yaada akka kennan gaafadhu. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4rra jiran ykn yaada dhaggeeffattoonni kennan kan biraatti fayyadamuudhaan, barruuleen kun akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisa dhiheessuudhaan xumuri.
Daq. 20: “Filannoowwan Qabdu Beektaa?”a Jaarsaan kan dhihaatu. Dhumarratti keeyyata xumuraa dubbisi.
Faarfannaa 5 (46)
[Miiljalee]
a Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.