Yeroo Gara Biraatti Dabarsaa Jirtaa?
Maal? Kaardii Qajeelfama Yaalii Faayyaa Dhugaa Baatota cuuphamaniif qophaa’e guutuu. ‘Nuti waan bor ta’uuf jiru, jireenyi keenyas attam akka ta’u waan hin beekneef,’ atattamaan akka yaalmtu wanti si dirqisiisu yoo si mudate, yaalii fayyaa sii godhamuu qabu akkasumas akkamitti sii godhamuu akka qabu dursitee murteessuufi barreeffamaan kaa’uunkee barbaachisaadha. (Yaq. 4:14; HoE. 15:28, 29) Viidiyoon Traansifuushin-Oolteernaatiiv Heelz Keer—Miitiing Peeshant Niids end Raayits jedhamu si gargaaruudhaaf qophaa’eera. Viidiyoo kana erga ilaaltee booda gaaffii kanaa gaditti dhihaatanitti fayyadamuudhaan kadhannaadhaan irra deebi’i.—Yaadachiisa: Viidiyoon kun yeroo qaama baqaqsan hamma tokko kan argisiisu waan of keessaa qabuuf, warri ijoolleesaanii warra xixinnoo ta’anii wajjin ilaaluuf dhiisuurratti hubannaasaaniitti fayyadamuu qabu.
(1) Ogeessonni fayyaa tokko tokko yaalii fayyaa dhiiga kennuudhaan godhan irra deebi’anii kan gamaaggaman maaliifi? (2) Fakkeenyawwan baqaqsanii hodhuu ciccimaa dhiiga malee raawwataman sadii dubbadhu. (3) Addunyaa maratti dhiiga malee yaalii fayyaa gochuuf fedhii akka qaban kan argisiisan doktoorotaafi ogeessota qaama baqaqsanii hodhan meeqadha? Kana gochuuf kan walii galan maaliif? (4) Dhiigatti fayyadamuu ilaalchisee, qo’annoowwan dhiheenya kana mana yaalaatti godhaman maal argisiisu? (5) Balaawwan dhiiga fudhachuu wajjin wal qabatan maalfa’i? (6) Ogeessonni fayyaa, bu’aawwan malawwan dhiiga malee yaalii gochuuf dandeessisan ilaalchisee murtoo maaliirra ga’aniiru? (7) Dhukkuba hir’ina dhiigaa kan fidu maalidha? Utuu miidhaa namarraan hin geessisiin dhiigni namootaa hangam hir’achuu danda’a? Rakkina kana hir’isuuf maal gochuutu danda’ama? (8) Qaamni nama dhukkubsate tokkoo seelii dhiiga diimaa akka baay’isu gochuun kan danda’amu akkamitti? (9) Yeroo qaamni baqaqfamutti malawwan dhiigni baay’een akka hin dhangalaane gochuuf gargaaran kamfa’i? (10) Yaaliin fayyaa malawwan bakka dhiigaa kennamaniin godhamu ijoolleef ykn namoota balaawwan akka tasaa isaanirra ga’aniifis kan hojjetudhaa? (11) Amalawwan yaalii gaarii ta’e kennuuf gargaaran keessaa inni guddaan maalidha? (12) Kiristiyaanonni yaalii fayyaa dhiiga malee godhamu dursanii filachuunsaanii barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
Yaaliiwwan viidiyoo sanarratti argine keessaa tokko tokko fudhachuuf dhiisuun, dhimma sammuu keenya isa Macaafa Qulqulluudhaan leenjifamerratti hundoofnee murteessinudha. Ofiikeetiifis ta’e ijoolleekeetiif yaaliiwwaniifi malawwan yaalii fayyaatiif godhaman keessaa isa kamiin akka filattu murteessiteettaa? Dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo guutuu argachuuf, Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2004fi Onkoloolessa 15, 2000 Mataduree “Gaaffiiwwan Dubbistootaa” akkasumas miiltoo Tajaajila Mootummaa Sadaasa 2006, “Qoqqoodama Dhiigaafi Yaalii Fayyaa Dhiigakootiin Fayyadamuudhaan Naa Godhamuuf Murtoo Akkamii Gochuun Qaba?” jedhu ilaali. Bakka bu’aan fayyaa keenyaafi miseensi maatii keenyaa Dhugaa Baatuu hin taane kamiyyuu murtoo keenya sirriitti beekuu qaba.