‘Guutummaatti Wangeela Dhugaa Ba’aa’
1 Biyya lafaa isa oduu gammachiisaan keessa hin jirre kana keessatti, mirga ‘hojii wangeela ayyaana Waaqayyoof dhugaa ba’uu’ arganneerra. (HoE. 20:24) Kunis ‘guyyoonni gara dhumaa’ kun addunyaa haaraa Yihowaan fidu, iddoo qajeelummaan keessa buufateefi ‘wanti duraa hin jirreen’ kan bakka buufaman ta’uusaa namoonni akka beekan gochuu kan dabalatudha. (2 Xim. 3:1-5; Mul. 21:4) Yeroo sanatti dhukkubsachuun hin jiru. (Isa. 33:24) Michoonni keenya du’an awwaalcha yaadannoo keessaa ba’uudhaan maatiifi hiriyootasaanii wajjin deebi’anii wal argu. (Yoh. 5:28, 29) Guutummaan lafaa jannata bareedduu taati. (Isa. 65:21-23) Kun misiraachoo hiruu qabnu keessaa muraasasaanii qofadha!
2 Ji’oonni Bitootessa, Eblaafi Caamsaa misiraachoo akkasii labsuudhaaf carraa gaarii nuu banu. Akkasumas, ayyaanni Yaadannoo waggaa keessatti iddoo guddaa qabu Sanbadduraa Bitootessa 22 erga aduun lixxee booda addunyaa maratti kabajama. Tajaajila keenya bal’ifachuuf yeroon itti qophaa’uu jalqabnu ammadha.
3 Qajeelchaa Gargaaraa: Ji’a tokkoof ykn ji’a sadanuu qajeelchaa gargaaraa taatee tajaajiluuf sagantaakee mijeeffachuu dandeessaa? Yeroo ittaanu yommuu qayyabannaa maatii gootan maaliif waa’ee kanaarratti hin mari’attan? Akka gaariitti wal gargaaruudhaan, miseensi maatii tokko ykn isaa ol ta’u qajeelchaa gargaaraa akka ta’u gochuun ni danda’ama ta’a. (Fak. 15:22) Dhimma kanarratti kadhachuudhaan akka Yihowaan carraaqqii keessan itti isinii eebbisu ilaalaa. (Fak. 16:3) Maatii keessaa namni qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’u yoo dhibellee, miseensonni maatii hundi warra qajeelchaa ta’anii wajjin tajaajiluudhaan hirmaannaa tajaajilarratti godhan bal’ifachuuf galma murtaa’aa baafachuu danda’u.
4 Guyyaa guutuu kan hojjettu yoo ta’ellee, sagantaa gaarii baafachuunkee qajeelchaa gargaaraa ta’uuf si gargaaruu danda’a. Tarii sa’aatii laaqanaakee keessaa hamma tokko lallabuuf itti gargaaramuu dandeessa. Yookiin, naannoo tajaajilaa bakka hojii ykn manakeetti dhihoo jiru fudhachuudhaan, hojii dura ykn booda sa’aatii tokkoof ykn isaa oliif tajaajilarratti hirmaachuu dandeessa. Sochiiwwan baay’ee hin barbaachisne ji’oota garabiraatti dabarsuudhaan Sanbadduraafi Dilbata guyyaa guutuu tajaajilarratti dabarsuuf yeroo argachuu dandeessa ta’a. Obboloonni tokko tokko tajaajila dirreerratti hirmaachuuf boqonnaasaaniirraa guyyaa tokko ykn lama fudhataniiru.
5 Kan dulloomte ykn dhibee fayyaa kan qabdu ykn humnikee kan dadhabe yoo ta’e, guyyaa guyyaan yeroo muraasa tajaajiluudhaan qajeelchaa gargaaraa ta’uu dandeessa. ‘Humna humna gararraa’ akka sii kennu Yihowaa kadhadhu. (2 Qor. 4:7) Obboleettiin tokko umrii waggaa 106tti qajeelchaa gargaaraa ta’uu dandeesseetti! Gargaarsa firoottanshee Kiristiyaana ta’aniifi miseensota gumii kaaniitiin, manaa gara manaatti lallabuu, deddeebii gaaffii gochuu, qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti hirmaachuufi kallattiiwwan tajaajilaa garagaraarratti hirmaatteetti. Namoonni kudhan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqaban gargaarteetti. “Mirga dinqisiisaa qajeelchaa gargaaraa ta’ee tajaajiluuf argadhee yommuun yaadu, garaankoo Yihowaa, Ilmasaafi jaarmiyaasaatiif dinqisiifannaadhaan guutama jetteetti. Dhugumaan ‘Yihowaa galanii si haa ga’u!’ jechuun barbaada.”
6 Dargaggeessa cuuphamteefi barumsakee kan hin xumurre yoo taate, atis qajeelchaa gargaaraa ta’uu dandeessa. Akkuma warra guyyaa guutuu hojjetanii, tarii atis Sanbadduraafi Dilbata hunda tajaajilaaf itti fayyadamuu dandeessa ta’a. Tarii guyyoota tokko tokko barumsa booda sa’aatii tokkoof ykn isaa oliif tajaajiluu dandeessa. Guyyaa barumsi hin jirreefi tajaajilarratti hirmaachuuf itti fayyadamtu jiraa? Qajeelchaa gargaaraa ta’uu kan barbaaddu yoo ta’e, dhimma kana warrakee wajjin irratti mari’adhu.
7 Hinaaffaa Keessan Guddisaa: Jaarsoliin fakkeenya ta’uudhaan gumiin hinaaffaa cimaa akka qabaatu gochuu danda’u. (1 Phe. 5:2, 3) Obboloota ganama barii, sa’aatii barumsaa ykn hojii booda tajaajilarratti hirmaataniif sagantaa walga’ii tajaajila dirree dabalataa gochuuf murteessuu danda’u. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa, ji’oottan sochiin addaa itti godhamu kanatti walga’ii tajaajilaa geggeessuuf babal’istoonni ga’eessa ta’an ramadamuusaanii, naannoon tajaajilaa ga’aa ta’e jiraachuusaa, akkasumas barreeffamoonniifi barruuleen barbaachisan jiraachuusaanii mirkaneessuu qaba.
8 Gumii tokko keessatti jaarsoliin, obboloonni qajeelchaa gargaaraa akka ta’an ji’oota hedduu dura jajjabeessuu jalqaban. Babal’istoonni meeqa qajeelchaa gargaara akka ta’an torban torbaniin beeksisu turan. Kunis, obboloonni tajaajilasaanii bal’ifachuu barbaadan, namoota wajjin tajaajilan baay’ee akka qaban hubachuuf gargaareera. Walga’iin tajaajilaa dabalataa ganama bariifi galgala akka jiraatu godhan. Kanaan kan ka’es ji’a Eblaatti babal’istoonni 53 qajeelchaa gargaara ta’aniiru; kunis miseensota gumii keessa gara harka walakkaa jechuu ture.
9 Warri Kaan Akka Lallaban Gargaaraa: Babal’istoonni haaraaniifi ijoolleen tajaajila jalqabuuf yommuu ga’eessa ta’an, warra tajaajila dirreerratti muuxannoo qabanii wajjin akka tajaajilan afeeramuu danda’u. Carraan akkasii kun yeroo Ayyaana Yaadannoo miseensonni gumii baay’een sochii tajaajilaasaanii guddisanitti argamuu danda’a. Barataa Macaafa Qulqulluu jireenyasaa seerawwan Yihowaan qajeelummaadhaaf baasee wajjin wal simsiise qabdaa? Ijoollee amala gaarii qaban, karaa hafuuraa guddina argisiisaa jiraniifi hamma yoonaatti babal’isaa hin taane qabdaa? Namoonni akkasii babal’isaa hin cuuphamin ta’anii tajaajiluu kan barbaadan yoo ta’eefi ga’eessa akka ta’an kan sitti dhaga’amu yoo ta’e jaarsa tokkotti himi. Sassaabaan ilaaltuu olaanaa jaarsoliin lama dhimma kana siifi mucaa ykn barataakee wajjin akka mari’atan qophii godha.
10 Kana malees, ji’oonni dhufan warri karaa hafuuraa dadhaban gumii wajjin ta’uudhaan sochiisaanii akka jalqaban yeroo gaarii isaanii ta’a. Ilaaltonni olaanaa Qayyabannaa Kitaabaafi jaarsoliin kaan, namoota akkasii gaafachuufi akka tajaajilarratti isaanii wajjin hirmaatan miira ho’aadhaan afeeruurratti wal gargaaranii hojjechuu qabu. Yeroo dheeraadhaaf dadhabanii kan turan yoo ta’e, tajaajilarratti hirmaachuu danda’uufi hin danda’anii saanii murteessuuf jaarsoliin lama dursanii haasofsiisuu qabu.—km 11/00 ful. 3.
11 Ayyaana Yaadannootiif Qophaa’aa: Furiin, karaa ‘ayyaanni Waaqayyoo’ ittiin mul’ate isa guddaadha. (HoE. 20:24) Sanbadduraa Bitootessa 22 erga aduun lixxee boodaa, namoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi dinqisiifannaa qaban, addunyaa maratti Ayyaana Yaadannoo du’a Kiristos kabajuuf walga’ii godhu. Namoonni garaa qajeelaa qaban hundi ayyaana iddoo guddaa qabuufi gaarummaa Yihowaan ilmaan namootaatti argisiiseef dhugaa ba’u kanarratti akka argaman afeeruufi isaan gargaaruu barbaanna.
12 Namoota afeeruu barbaaddu galmeeffadhu. Galmee keerratti firoottan, ollaawwan, warra wajjiin hojjettu ykn barattu, namoota kanaan dura Macaafa Qulqulluu qayyabatanis ta’e amma qayyabachaa jiraniifi namoota yeroo yeroodhaan deddeebii gaaffii gootuuf akka dabalatu homaa hin shakkisiisu. Namoota afeerte keessaa tokko tokko waa’ee Ayyaana Yaadannoo gaaffii yoo qabaatan, Irbaata Gooftaa ilaalchisee matadureen kutaa dabalataa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu ful. 206-208rra jiru si gargaaruu danda’a. Kana gochuunkee, kitaaba Qayyabanna Macaafa Qulqulluu ittiin geggeessinu beeksisuuf carraa waan sii banuuf, Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf si gargaaruu danda’a.
13 Obboleettiin tokko maatiiwwan 48 afeeruuf galmeeffatte. Yommuu afeertu maqaasaaniirratti milikkita gootee guyyaa itti isaan afeerte barreeffate. Namoota afeerte keessaa 26 Ayyaana kanarratti yommuu argaman baay’ee gammadde. Obboleessi suuqii qabu tokko nama isa biratti qacaramee hojjetuufi duraan luba ture tokko afeere. Namichi ayyaana kanarratti erga argamee booda, “waggaa 30f isan Mana Sagadaa Kaatolikii keessatti baradhe caalaa, sa’aatii tokkotti waa’ee Macaafa Qulqulluu waan hedduun baradhe” jechuudhaan dinqisiifateera. Namichi sana booda utuu hin turin kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutiin qayyabannaa jalqabeera.
14 Duula: Sanbadduraa Bitootessa 1 jalqabee hamma Bitootessa 22tti waraqaan addaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo addunyaa maratti raabsama. Babal’istoonni hundi duula iddoo guddaan kennamuuf kanarratti guutummaatti hirmaatu. Waraqaa afeerrii kana malaan dhiisanii deemuurra dhuunfaatti abbaa manaa sanaaf kennuun gaariidha. Haata’u malee, naannoon tajaajilaa keessan bal’aa yoo ta’e, waraqaa afeerrii kana namoota manasaaniitti hin argamneef malaan kaa’anii deemuun akka danda’amu jaarsoliin murteessuu danda’u. Dhuma torbaniittis barruulee raabsina.
15 Waraqaa afeerrii kana raabsuuf yeroon qabnu murtaa’aa waan ta’eef, akkaataa dhiheenyaa keenya gabaabsuun gaariidha. Miira ho’aafi jaalala qabaadhaa. Akkas jechuu dandeessu: “Ayyaana iddoo guddaa qabuufi Bitootessa 22 kabajamurratti akka argamtu si afeeruu barbaanna. Kun waraqaa afeerriikeeti. Yaada dabalataa asumarraa argatta.” Namichi haasofsiisne sun gaaffii qabaachuu danda’a. Yookiinimmoo waraqaa afeerrii kana fudhachuufi akka ayyaana kanarratti argamu dubbachuu danda’a. Fedhii namichi argisiise yaadannootti qabadhaatii deddeebii gaaffiitiif haala mijeessaa.
16 Waggaa darbe loltuun tokko waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo balbalasaarratti argate. Ayyaana kanarratti argamuuf erga murteesse booda ajajaasaa heyyama gaafate. Yommuu waraqaa afeerrii kana ajajaasaatti argisiisu, ajajaansaa kun akka cal jechuu ta’ee, warrisaa Dhuga Baatota akka ta’aniifi isaanii wajjinis walga’iirratti argamaa akka ture dubbate. Ajajaansaa heyyama isaa kennuu qofa utuu hin ta’in isaa wajjin Ayyaana kanarratti argameera.
17 Dinqisiifannaa Qabdan Argisiisaa: Ayyaanni Yaadannoo 2008 dhihaachaa yommuu dhufutti, tokkoon tokkoon keenya dinqisiifannaa gaarummaa Yihowaatiif qabnu haa argisiisnu. Phaawulos, “ayyaana Waaqayyoo akka waan waa’ee hin baafneetti akka hin fudhanne cimsinee isin in gorsina” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 6:1) Kaayyoo ayyaana Waaqayyoo akka waan waa’ee hin baafneetti akka hin fudhanne akkamitti argisiisna? Phaawulos, “nuyi karaa hundumaan akka hojjetoota Waaqayyootti of in dhi’eessina” jechuudhaan barreesseera. (2 Qor. 6:4) Kanaaf, amala gaarii argisiisuufi hinaaffaadhaan misiraachoo lallabuudhaan kennaa Yihowwaatiif dinqisiifannaa qabnu argisiifna. Tibba Ayyaana Yaadannoo kanatti sochii keenya guddisuufi misiraachoo kana bal’inaan dhugaa ba’uudhaaf carraa gaarii qabna.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Misiraachoo akkamii hiruu qabna?
2. Tibbi Ayyaana Yaadannoo, wangeelaaf dhugaa ba’uudhaaf carraa gaarii kan nuu banu maaliifi?
3. Sadarkaa maatiitti sochii keenya bal’ifachuuf maaltu nu gargaara?
4. Guyyaa guutuu kan hojjennu yoo ta’e, qajeelchaa gargaara ta’uuf sagantaa keenya akkamitti mijeeffachuu dandeenya?
5. Warri dullooman ykn dhibee fayyaa qaban qajeelchaa gargaaraa akka ta’an akkamitti gargaaru dandeessa?
6. Dargaggoonni cuuphamaniifi barachaa jiran qajeelchaa gargaaraa ta’uu kan danda’an akkamitti?
7. Tibba Ayyaana Yaadannootti hinaaffaa tajaajilaa guddisuuf jaarsoliin maal gochuu danda’u?
8. Muuxannoo gumii tokkoorraa maal baranna?
9. Tibbi Ayyaana Yaadannoo namoota misiraachoo lallabuu jalqabuuf ga’eessota ta’aniif mijaa’aa kan ta’e maaliifi?
10. Jaarsoliin warra karaa hafuuraa qabbanaa’an gargaaruuf maal gochuu danda’u?
11. Karaan ‘ayyaanni Waaqayyoo’ itti mul’ate inni guddaan maalidha?
12. Ayyaana yaadannoorratti eenyuunfaa afeeruu qabna?
13. Yihowaan carraaqqii babal’istoonni lama warri kaan Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman afeeruuf godhan kan eebbise akkamitti?
14. Bitootessa 1 addunyaa maratti duula maaliitu jalqabama?
15. Waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo akkamitti beeksisuu dandeenya?
16. Duulli namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argaman Ayyaana Yaadannoorratti afeeruuf godhamu faayidaa akka qabu muuxannoo kamtu argisiisa?
17. Kaayyoo ayyaana Waaqayyoo akka waan waa’ee hin baafneetti akka hin fudhanne akkamitti argisiisuu dandeenya?
[Fakkii fuula 3rra jiru]
Warra Qajeelchaa Gargaaraa Ta’uu Danda’an Keessatti Eenyufaas Dabalamuu Danda’u?
◼ Maatiiwwan
◼ Warraa guyyaa guutuu hojjetan
◼ Warra dulloomaniifi dhibee fayyaa qaban
◼ Barattoota
[Fakkii fuula 4rra jiru]
Yeroo Waraqaa Afeerrii Ayyaana Yaadannoo Raabsitan:
◼ Yaada seensaa gabaabsaa; miira ho’aa qabaadhaa
◼ Namoota fedhii qaban galmeessaatii deddeebii gaaffii godhaafii
◼ Dhuma torbaniitti barruulee raabsaa