Gocha Yihowaa Isa Dinqisiisaa Dubbachuu Keessan Itti Fufaa
1 Waaqa keenya isa guddaa kan ta’e Yihowaa wajjin kan wal qixxaatu hin jiru! Daawit: “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baay’ifteetta; tokko illee kan siin qixxaatu hin jiru” jechuudhaan barreesseera. (Far. 40:5) Gochi Yihowaa inni dinqisiisaan, samiifi lafa uumuu, Mootummaa Masiihichaa dhaabuu, gaarummaa sabasaatiif godheefi hojii lallabaa addunyaa maratti godhamu kan dabalatudha. (Far. 17:7, 8; 139:14; Dan. 2:44; Mat. 24:14) Jaalalliifi dinqisiifannaan wanta Yihowaan nuu godheef qabnu, waa’eesaa warra kaanitti akka dubbannu nukakaasa. (Far. 145:5-7) jiini Bitootessa, Eblaafi Caamsaa yeroo tajaajila addaa itti raawwannu waan ta’eef, yeroo kanatti tajaajila keenya guutummaatti raawwachuuf carraa arganna.
2 Qajeelchaa Gargaaraa Ta’uudhaan: Ji’oottan sochiin addaa itti godhaman kana keessaa ji’a siif mijaa’aa ta’etti, sagantaa kee sirreessuudhaan tajaajilarratti sa’aatii 50 dabarsuu dandeessaa? Sagantaa kanaan dura baasterratti sirreeffama gochuudhaan hojii kanarratti yoo hirmaatte hin gaabbitu. (Efe. 5:16) Namoonni baay’een qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluunsaanii, qulqullina tajaajilasaanii fooyyessuuf isaan gargaareera. Manaa manatti lallabuun salphaa akka isaaniif ta’u, akkasumas yeroo baay’ee Macaafa Qulqulluutiin fayyadamuu akka danda’an carraa baneeraaf. Tajaajilarratti yeroo hedduu dabarsuunsaanii namoota fedhii qaban hordofanii akka gargaaran isaan dandeessiseera; akkasumas obboloonni kanaan dura qayyabannaa Macaafa Qulqulluu hin arganne, yeroo qajeelchaa gargaaraa ta’anitti argachuu danda’aniiru. Qajeelchaa gargaaraa ta’uun warra kaaniin gargaaruuf akka carraaqnu waan nu godhuuf, hojii gammachiisaadha.—HoE. 20:35.
3 Qajeelchaa gargaaraa ta’uuf haalli koo hin heeyyamu jettee murteessuuf hin jarjarin. Jaarsi gumii ijoollee lamaafi hojii guyyaa guutuu qabu tokko, waggaa darbe qajeelchaa gargaaraa ta’ee tajaajileera. Obboleessi hojiin itti baay’atu kun kana raawwachuu kan danda’e akkamitti? Dafinoodhaa hanga jimaataatti waan hojjetuuf, dhuma torbaniitti sa’aatii dheeraadhaaf tajaajiluuf karoora kan baafate yeroo ta’u, Sanbadduraa Sa’aatii 1:00tti karaarratti dhugaa ba’uudhaan tajaajilasaa jalqaba. Namoonni hedduun haala akkasii keessatti argamanis wal gargaaruufi wal jajjabeessuudhaan qajeelchaa gargaaraa ta’aniiru. Gumii garabiraattimmoo obboleettiin umuriinshee waggaa 99 ta’u tokko, intallishee akka wajjin tajaajilan erga ishee afeertee booda, ji’a Bitootessaatti qajeelchaa gargaaraa ta’uuf murteessiteetti. Obboloonni kaanimmoo, barcumashee dhiibuudhaan tajaajila manaa gara manaafi Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuurratt akka argamtu gargaaraniiru. Kana malees obboleettiin kun, bilbilaan, xalayaadhaaniifi karaarratti dhugaa ba’uudhaan, hojii kanarratti hirmaatteetti. Kana raawwachuu kan dandeesse humna isheetiin utuu hin ta’in gargaarsa Yihowaatiin ta’uusaa amanteetti.—Isa. 40:29-31.
4 Sagantaa siif mijaa’aa ta’e baasuuf Yaali. Sagantaan mata duree kanaa jalatti dhihaate si gargaaruu danda’a ta’a. Guyyaa guutuu hojjettaa? Ykn mana barumsaa dhaqxaa? Tarii, sagantaan dhuma torbaniitiif baafte sifayyaduu danda’a. Dhibee fayyaa yoo qabaatteefi sa’aatii dheeraa tajaajiluuf humni kee hin heeyyamu taanaan, sagantaan guyyaa hundumaa sa’aatii muraasa tajaajilarratti dabarsuuf baastu gaarii ta’uu danda’a. Qajeelchaa gargaaraa ta’uuf fedhii akka qabdu warra kaanitti himi. Tarii isaanis karoora baafachuu danda’u ta’a.
5 Karaa Dargaggoonni Tajaajila Kanarratti Hirmaachuu Danda’an: Dargaggoonni gochasaa isa dinqisiisaa ta’e yeroo dubbatan Yihowaan ni gammada. (Far. 71:17; Mat. 21:16) Dargaggeessa cuuphamte yoo taate, tarii yeroo manni barumsaa cufamu qajeelchaa gargaaraa ta’uu dandeessa ta’a. Qajeelchaa gargaaraa ta’uu hin dandeessu taanaan, ji’oottan kanatti hirmaannaafi qulqullina tajaajila keetii guddisuuf karoora adda ta’e baasuu ni dandeessaa? Warra kee wajjin tajaajilarratti kan hirmaatte yoo ta’eefi hamma yoonaatti babal’isaa hin cuuphamin yoo ta’uu baatte, ga’eessa akka taatu yaalii gochuuf yeroon kun mijaa’aadha. Gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluutiif deebiiwwan gadi fageenya qaban deebisuu akka qabdutti, ykn beekumsa obboloonni gurguddaan qaban akka qabaachuu qabdutti sitti dhaga’amuu hin qabu. Barumsawwan Macaafa Qulqulluu bu’uura ta’an hubatteettaa? Ulaagaa Macaafni Qulqulluun amalaaf baase ni eegdaa? Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa isa tokko taatee beekamuu ni barbaaddaa? Taanaan waa’ee kanaa warra keetti himi. Isaanis jaarsoliin ulaagaa kana guutuu kee akka ilaalan haala mijeessuu danda’u.—Kitaaba Tajaajila keenya jedhamu fuula 98-9 ilaali.
6 Warri Kaan Akka Lallaban Gargaaruu: Qayyabattoonni Macaafa Qulqulluu guddina argisiisaa jiran, babal’istoota ta’uudhaan ji’oottan tajaajilli addaa itti godhamu kanneenitti, nuu wajjin tajaajiluuf ga’eessota ta’uu danda’u. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu guddina argisiisaa jiru qabda taanaan, ilaaltuu olaanaa qayyabannaa kitaabaa ykn ilaaltuu olaanaa tajaajilaa gargaarsa gaafachuu dandeessa. Yeroo qayyabannaatti tokkoon isaanii siiwajjin ta’uudhaan guddina barataa kanaa gamaaggamuu danda’u. Baratichi ga’eessa yoo ta’eefi babal’isaa ta’uuf fedhii yoo qabaate, sassaabaan ilaaltuu olaanaa jaarsoliin lama siifi baraticha akka haasofsiisan haala mijeessuu danda’a. (Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 15, 1988, (Ingiliffa) fuula 17 ilaali.) Baratichi ga’eessa ta’uunsaa yoo mirkanaa’e, yeruma sana tajaajilaaf leenjisuu jalqabi.
7 Ilaaltonni olaanaa qayyabannaa kitaabaa, tuutasaanii keessatti warra tajaajila dhaaban ykn dammaqinaan hin tajaajilleef, xiyyeeffannaa addaa kennuu qabu. Tajaajilarratti akka siiwajjin hirmaataniif dhuunfaatti afeeri. Yeroo dheeraadhaaf tajaajila kan dhaaban yoo ta’an, duraan dursa ga’eessota ta’uusaanii ilaaluuf jaarsoliin lama akka isaan haasofsiisan gochuun gaariidha. (Saanduqa gaaffii Tajaajila Mootummaa Sadaasa 2000 ilaali.) Ji’oottan tajaajilli addaa itti godhamu kanatti hinaaffaan gumichi argisiisu, namoonni kun akka tajaajila jalqaban isaan kakaasuu danda’a.
8 Sochii Dabalataa Gochuuf Garanumaa Qopha’aa: Jaarsoliin, obboloonni hedduun qajeelchaa gargaaraa akka ta’an garanumaa kakaasuu qabu. Yaada nama jajjabeessu kennuufi fakkeenya gaarii ta’uudhaan, kana gochuu dandeessu. (1 Phe. 5:3) Waggaa darbe lakkoofsi guddaan qajeelchitoota gargaaraa meeqa ture? Waggaa kanattoo sanarra caaluu ni danda’aa? Ilaaltonni olaanaa qayyabannaa kitaabaafi gargaartonnisaanii, warri tuutasaanii keessatti argaman hundi tajaajilasaanii akka guddisan gargaaruuf mala barbaaduu qabu. Ilaaltonni olaanaa tajaajilaas walga’ii tajaajila dirreetiif sagantaa dabalataa baasuu danda’u. Qophii godhame dursaatii gumichatti beeksisaa. Babal’istoonni muuxannoo qaban walga’iiwwan bobbaa tajaajilaa akka geggeessaniifi sa’aatiisaatti jalqabamuufi xumuramuusaas akka to’atan ramadamuusaanii mirkaneessaa. (Saanduqa gaaffii Tajaajila Mootummaa Fulbaana 2001 ilaali.) Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa, naannoon tajaajilaa, barruuleeniifi barreeffamni gahaa ta’e akka jiraatu haala mijeessa.
9 Waggaa darbe jaarsoliin gumii tokkoo, warri kaan qajeelchaa gargaaraa akka ta’aniif miira ho’aadhaan waan jajjabeessaniif, baay’een isaanii foormii sana guutaniiru. Sa’aatii 11:30tti, karaarratti tajaajiluuf, sa’aatii 9:00tti warra mana barumsaatii ba’aniif, akkasumas sa’aatii12:00tti warra hojiidhaa galaniif, walga’ii bobbaa tajaajilaa dabalataa qopheessaniiru. Kana malees guyyaa Sanbadduraatti walga’ii bobbaa tajaajilaa sadii gochuuf sagantaan baafamee ture. Kanaan kan ka’es, ji’a Ebla obboloonni 66 qajeelchaa gargaaraa ta’uuf galmeeffamaniiru.
10 Qayyabannaa maatii keessan itti aanutti, ji’oottan dhufaniif sagantaa hojiirra ooluu danda’u maaliif hin baastan? Tokkummaa qabaachuufi sagantaa gaarii baasuudhaan, maatiin hundi ykn gareen isaanii qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’u. Sun hin danda’amu taanaan, sa’aatii dheeraadhaaf tajaajiluudhaan, ykn yeroo baay’ee tajaajila ba’uudhaan hirmaannaa qabdu guddisuuf karoora baasi. Maatiidhaan ta’uudhaan waa’ee dhimma kanaa Yihowaatti kadhannaa dhiheessaa. Innis carraaqqii keessan akka eebbisu mirkanaa’oo ta’uu dandeessu.—1 Yoh. 3:22.
11 Gocha Waaqayyoo Isa Dinqisiisaa: Yihowaan, ilmasaa furii godhee nuuf kennuudhaan jaalalasaa isa guddaa nuuf ibseera. (1 Yoh. 4:9, 10) Ilmaan namootaa cubbuufi du’arraa akka birmaduu ba’an kan bu’uura ta’u, aarsaa furii kaffalamedha. (Rom. 3:23, 24) Dhiigni Yesus, kakuu isa haaraa kan mirkaneessu, ilmaan namootaa gonkummaa hin qabne samiirratti mootota ta’anii bituuf abdii akka qabaataniifi ijoollee Waaqayyoo akka ta’an kan godhudha. (Er. 31:31-34; Mar. 14:24) Yesus duraan dursa guutummaatti ajajamuunsaa maqaa Yihowaa qulqulleessuufi. (Kes. 32:4; Fak. 27:11) Dilbata Ebla 4 erga aduun lixxee booda, Ayyaanni Yaadannoo du’a Kristos addunyaa maratti ni kabajama.
12 Ayyaanni Yaadannoo du’a Kristos gocha Waaqayyoo isa dinqisiisaa mul’isa. Haasawaan dhihaatu, qophii furii Yihowaan dhiheesseef dinqisiifannaa qabnu guddisuuf nugargaara. Warri fedhii argisiisanii Ayyaana kanarratti argaman, gochawwan dinqisiisaa Waaqayyoo garabiraas hubachuu danda’u. Tokkummaafi jaalala onneerraa madde akka qabaatan Yihowaan sabasaa akka barsiise ilaaluu danda’u. (Efe. 4:16, 22-24; Yaq. 3:17, 18) Ayyaana barbaachisaa ta’e kanarratti argamuunsaanii ilaalcha qabanirratti jijjiirama waan fiduuf namoonni baay’een akka argaman barbaanna.—2 Qor. 5:14, 15.
13 Warri Kaan Akka Argaman Afeeruu: Namoota afeeruu barbaannu yeruma sana galmeessuudhaan qophii jalqabaa. Maatii kee keessaa nama hin amanne, ollaawwan kee, namoota bakka hojii ykn mana barumsaatti beektu, namoota ammas ta’e dur Macaafa Qulqulluu qayyabsiistufi namoota deddeebitee gaafattu hunda galmeessi. Ilaaltonni olaanaa qayyabannaa kitaabaa namoota tajaajila dhaaban hunda galmeessuu qabu.
14 Waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannootiif qophaa’een fayyadami. Akkasumas waraqaa sanarratti yeroofi bakka Ayyaana Yaadannoo eeggannoodhaan barreessi. Tarii afeerrii duuba Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 2004 ykn barruulee Dammaqaa! Bitootessa 22, 2004tti, (Ingiliffa) fayyadamuu dandeessa. Yeroo Ebilli 4 dhihaachaa deemu, namoota galmee keetti qabatte bira dhaquudhaan ykn bilbilaan guyyaa Ayyaanichaa yaadachiisi.
15 Ayyaana Yaadannoorratti: Bakka Ayyaanni Yaadannoo kabajamu dursii ga’uuf yaali. Namoota haaraa miira ho’aadhaan nagaa gaafachuudhaan keessummoota simachuu kee argisiisi. (Rom. 12:13) Keessummoota afeerteef itti gaafatamummaa guddaa qabda. Keessummoonni kee akka hin dhiphanne godhi; obboloota kaanii wajjinis wal barsiisi. Tarii sitti aananii akka taa’an gochuudhaan isaan gargaaruu dandeessa ta’a. Akkasumas Macaafa Qulqulluufi kitaaba faarfannaa hin qaban yoo ta’e, warra kaan ykn siiwajjin akka ilaalan godhi. Ayyaanicha booda, gaaffiiwwan qaban kamiyyuu deebisuufii akka dandeessuuf biraa hin fagaatin. Isaan keessaa tokko tokko kan argaman yeroo duraatiif taanaan, caalaatti sagalee Waaqayyoofi kaayyoosaa barachuu akka barbaadan gaafadhu. Siiwajjin Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeeri.
16 Namoota Ayyaanicharratti Argaman Gargaaruu keessan Itti Fufaa: Torbeewwan torban Ayyaanichi kabajametti aananii jiranitti, namoota Ayyaanicharratti argamaniif gargaarsa dabalataa gochuun barbaachisaadha. Kunimmoo, namoota kanaan dura utuu walirraa hin kutin walga’iirratti argamaa turanii, amma garuu gumii wajjin walitti dhufeenya xiqqoo qofa qaban gargaaruus kan dabalatudha. Namoonni akkasii akka hin irraanfatamne jaarsoliin dammaqoo ta’uu qabu. Jaarsoliin, namoonni kun karaa hafuuraa guddachuu maalif akka dhaaban beekuuf carraaqqii gochuu qabu. Yeroonsaa ariifachiisaa ta’uusaa akka hubatan gargaaraa. (1 Phe. 4:7) Yeroo hundumaa, saba Waaqayyoo wajjin walitti qabamuu ilaalchisee gorsa Caaffanni Qulqulluun kennuuf ajajamuun faayidaa inni qabu akka hubatan gargaaraa.—Ibr. 10:24, 25.
17 Gochiwwan Yihowaa baay’ee dinqisiisaa waan ta’aniif bara baraan yoo jiraannellee guutummaatti hubachuu hin dandeenyu. (Iyo. 42:2, 3; Lal. 3:11) Kanaafuu, wantoota isa jajachuuf nudandeessisan matumaa hin dhabnu. Tibba Ayyaana Yaadannoo kanaatti tajaajila keenya bal’isuuf carraaqqii addaa gochuudhaan, gocha Yihowaa isa dinqisiisaa ta’eef galateeffannaa qabnu argisiisuu dandeenya.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Gochiwwan Yihowaa dinqisiisaa ta’an keessaa caalaatti kan si tuqan kam fa’i?
2. Qajeelchaa gargaaraa ta’uun dhuunfaatti kan nufayyadu akkamitti?
3. Haala rakkisaa keessattillee, obboloonni tokko tokko qajeelchaa gargaaraa ta’uu kan danda’an akkamitti?
4. Yeroo qajeelchaa gargaaraa ta’uuf karoora baasnu, maalfaa tilmaama keessa galchuu qabna?
5. Dargaggoonni ji’a Bitootessaa, Eblaafi Caamsaatti karoora akkamii baasuu danda’u?
6. Barattoonni Macaafa Qulqulluu babal’istoota misraachoo akka ta’an gargaaruun kan danda’amu akkamitti?
7. Warri yeroo hundumaa hin tajaajilleefi tajaajila dhaaban akkamitti gargaaramuu danda’u?
8, 9. Sochii tajaajila addaatiif warra kaaniin jajjabeessuuf jaarsoliin maal gochuu danda’u?
10. Maatiiwwan tajaajilasaanii guddisuu kan danda’an akkamitti?
11. (a) Aarsaan Kristos gochawwan dinqisiisaa akkamii raawwate? (b) Gumiin keessan Ayyaanicha sa’aatii meeqattiifi eessatti kabaja?
12. Ayyaana Yaadannoorratti argamuun warra fedhii argisiise kan fayyadu akkamitti?
13, 14. Gara Ayyaana Yaadannootti eenyuunfaa afeeruu qabna? Akkamiinoo?
15. Galgala Ayyaana Yaadannootti keessummoota akka simannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
16. Namoonni Ayyaana kanarratti argaman karaa hafuuraa guddina akka argisiisan gargaaruuf maal gochuutu danda’ama?
17. Waa’ee gocha Yihowaa isa dinqisiisaa dubbachuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?
[Chaartii fuula 31rra jiru]
Sagantaa Armaan Gadii Keessaa Tokkotti Fayyadamtee Qajeelchaa Gargaaraa Ta’uu Ni Dandeessaa?
Bitootessa DilWi*Ki*Ro*KaJiSaJi’a Walitti
Guyyaa Hundaa211111551
Guyyaa Lama050500050
SanbataafiDilbata Qofa500000852
Sanbataafi Dilbata, Akkasumas Guyyaa Hojii lama200202650
Ebla DiWiKiRoKa*Ji*SaJi’a Walitti
Guyyaa Hundaa211111550
Guyyaa Lama000055050
SanbataafiDilbata Qofa500000852
Sanbataafi Dilbata Akkasumas Guyyaa Hojii Lama200202650
Caamsaa Di*Wi*KiRoKaJiSa*Ji’a Walitti
Guyyaa Hundaa211111451
Guyyaa Lama050000550
SanbataafiDilbata Qofa300000750
Sanbataafi Dilbata Akkasumas Guyyaa Hojii Lama200202551
* Ji’a Keessatti Torbee Shan