LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/03 ful. 3-5
  • Wanta Gaarii Gochuudhaaf Warra Hinaaftan Ta’aa!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanta Gaarii Gochuudhaaf Warra Hinaaftan Ta’aa!
  • Tajaajila Mootummaa—2003
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Guutummaatti Wangeela Dhugaa Ba’aa’
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • Gocha Yihowaa Isa Dinqisiisaa Dubbachuu Keessan Itti Fufaa
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Waa’ee “Ifa Biyya Lafaa” Warra Kaanitti Himaa
    Tajaajila Mootummaa—2006
  • Yihowaan Carraaqqii Ayyaana Yaadannoo Kabajuuf Goonu Nuuf Eebbisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2003
km 3/03 ful. 3-5

Wanta Gaarii Gochuudhaaf Warra Hinaaftan Ta’aa!

1 Tibba yaadannoo du’a Kristos kan 2003⁠tti yeroo dhihaannu ‘wanta gaarii gochuutti warra hinaafan ta’uudhaaf’ sababa gahaa qabna. (1 Phe. 3:​13) Kana keessaas sababiin inni guddaan furii aarsaa Kristos nuuf kafalee dha. (Mat. 20:28; Yoh. 3:​16) Phexros kana ilaalchisee “akka jireenya keessanii . . . isa waa’ee hin baafne sana jalaa, wanta badu waan akka meetii yookiis warqeetiin akka hin furamin, isin iyyuu in beektu. Garuu Kristos dhiiga isaa isa gati-jabeessaan, isin fureera; inni akka hoolaa mudaa yookiis xurii hin qabnee ti” jechuudhaan barreesseera. (1 Phe. 1:​18, 19) Yesus “seera irra daddarbuu hundumaa jalaa nu furuudhaaf, saba fo’amaa warra hojii gaariitiif hinaafan ofii isaatiif qulleessuudhaaf, ofii isaa nuuf kenne.” Jaalala dinqisiisaa kanaaf galatni qabnu guutummaatti yeroo keenya wanta gaarii gochuudhaan akka qabsiisnu nu dirqisiisa.​​—⁠Tit 2:​14; 2 Qor. 5:​14, 15.

2 Wanta fuula Waaqayyo duratti fudhatama qabu yoo raawwanne, walitti dhufeenyi isaa wajjin qabnu gammachiisaa ta’a; akkasumas eegumsa jaalalaa isaa ni arganna. Phexros dabalee “namni jireenyatti gammaduu barbaadu, inni hamaattii garagalee gaarii haa godhu, nagaa haa barbaadu, duukaas haa bu’u! Iji gooftichaa, gara warra qajeelotaa in ilaala; gurri isaas kadhata isaanii in dhaga’a” jechuudhaan barreesseera. (1 Phe. 3:​10-​12) Yeroo rakkisaa akkanaa kanatti Yihowaan nu to’achuu isaa beekuuniifi ‘akka agartuu ija isaatti nu eeguu isaa’ hubachuun keenya eebba akkamiitii!​​—⁠Kes. 32:10; 2 Sen. 16:⁠9.

3 Kristiyaanonni durii isaan Phexros barreesseef, hammam illee wanti rakkisaan isaan mudatus, hinaaffaa akka ibiddaa boba’uufi miira ho’aadhaan misraachoo kana bal’inaan labsaniiru. (1 Phe. 1:6; 4:​12) Saba Waaqayyo yeroo ammaa jiraniifiis haalli isaa walfakkaata. Nuyis kan jiraannu “yeroo sodaachisaa” keessa ta’us, galatni gaarummaa Yihowaatiif qabnu akka fedha isaa hinaaffaadhaan raawwannu nu kakaasa. (2 Xim. 3:1; Far. 145:⁠7) Tibba yaadannoo kanatti hojii gaarii yeroo keenya ittiin qabsiisuu dandeenyu tokko tokko haa ilaallu.

4 Warra Kaan Gara Ayyaana Yaadannoo Kanaatti Afeeraa: Kennaa guddaa furii kanaaf dinqisiifannaa qabnu agarsiisuuf karaan inni tokko ayyaana yaadannoo du’a kristos waggaa kanaa roobii ebla 16 erga biiftuun lixxee booda kabajamu irratti argamuu dha. (Luq. 22:​19, 20) Waggaa darbe gumiilee addunyaa maratti argaman kan 94,600 ta’an irraa gabaasni argame akka agarsiisutti ayyana yaadannoo kana irratti kan argaman 15,597,746 turan! Kunis waggaa achi aanu namoota walga’ii kana irratti argaman irra 220,000n kan caalu ture.

5 Waggaa kanatti ammoo namoota meeqatu argama laata? Irra caalaan isaa warri kaan walga’ii kana irratti nu waliin akka argaman jajjabeessuuf carraaqqii goonu irratti kan hundaa’e dha. Namoota afeeruu barbaaddu hundaa jalqaba maqaa isaanii galmee keetti qabadhu. Jalqba galmee kee irratti firoottan kee warra dhihoo ta’an galmeessi. Abbaa manaa ykn haadha manaa hin amanne yoo qabaatte inni/isheen sii wajjin walga’icha irratti argamuun isaa/ishee hawwii kee ta’uu isaa ibsiif. Namni ayyaana yaadannoo waggaa darbe iratti argame tokko argamuun isaa haadha manaa isaa akka gammachiisu waan hubateef ta’uu isaa ibseera. Itti aanee kan galmeessitu firoottan kee, ollaawwan kee, warra wajjin hojjettuufi kan wajjin barattu ta’uu danda’u. Warra macaafa qulqulluu qayyabsiistu afeeruu hin irraanfatin.

6 Namoota afeertu erga galmeetti qabattee booda, tokkoo tokkoo isaanii dhuunfaatti afeeruuf yeroo ramadi. Waraqaa afeerrii waamichaaf qophaa’etti gargaarami. Namoonni afeeraman akka yaadachuuf isaan gargaarutti yeroofi iddoo ayyaanichi itti kabajamu dhuma waraqaa afeerrii sanaa irratti barreessiif. Eblii 16 yeroo dhihaachaa dhufu namoota afeerte qaamaan ykn bilbilaan dabalii yaadachiisi. Hanga danda’ametti ayyaana adda ta’e kana irratti namoonni hedduun akka argaman haa gargaarru

7 Namoota Ayyaana Yaadannoo Irratti Argaman Gargaaraa: Galgalli ayyaana yaadannoo kanaa yeroo hundaa gammachiisaa dha. Namoota yeroo baay’ee walga’ii keenya irratti hin argamne simachuuf carraa gaarii qabna. Haalli naannoo keessanii ni heyyama taanaan dursitanii argamuufi turtanii ba’uuf haala mijeeffadhaa. Namoota haaraa walga’ii irratti argamanii wajjin dursa fudhaa wal baraa. Kan akka gaariitti nama simattaniifi keessummeessitan ta’aa.​​—⁠Rom. 12:⁠13.

8 Namoota ayyaana yaadannoo kana irratti argaman keessaa karaa hafuuraa guddachuuf qayyabannaa Macaafa qulqulluu akka jalqabu gargaarsa kan barbaadu jiraa laata? Maqaafi teessoo namoota dhihootti hin argamnee galmeetti qabachuudhaan hordoftanii gargaaruuf yaalii godhaa. Gargaarsi jaalala irratti hundaa’e yoo godhameef, isaan kessaa tokko tokko ayyaanni yaadannoo waggaa itti aanu utuu hin ga’in guddina agarsiisuudhaan babal’istoota hin cuuphamin ta’uu ni danda’u. Namoota ayyaana yaadannoo kana irratti argamaniif yeroo daawwii hordoffii gootu haasawaa sabaa addaa Ebla 27 dhihaatu irratti akka argaman afeeri.

9 Guraandhalaa Hanga Eblaatti Qajeelchaa Gargaaraa Ta’uu Ni Dandeessaa? Hinaaffaan Yihowaadhaaf qabnu, waggaa waggaadhaan sochii addaa ti’ookraasii ji’oottan kana keessatti godhaman irratti guutummaatti akka hirmaannu nu godha. Tibba ayyaana yaadannootti misraachoo kana hinaaffaadhaan labsuuf miseensonni gumii hundi qindoominaan hojjechuun isaanii bu’aa gaarii argamsiisuu danda’a.

10 Gumiin babal’istoota 126 qabu tokko akka gabaasetti, “jiini Bitootessaa kan baay’ee nama gammachiisu,” jaarsoliifi tajaajiltoota hundaa dabalatee babal’istoonni 89 ta’an qajeelchaafi qajeelchaa gargaaraa ta’anii kan itti tajaajilan ture. Jaarsoliin ji’a sanatti qajeelchaa gargaaraa akka ta’an warra kaan jajjabeessuu kan danda’an akkamittii? Duraan dursanii babal’istoonni baay’een akka galmeeffaman jajjabeessu dhaani. Kan gumii keessatti argaman hundi yeroo isaaniif mijaa’utti akka tajaajiluu danda’an walga’iin bobbaa tajaajilaa guyyaa keessatti yeroo baay’ee godhama ture. Karoora itti yaadame yoo baastan gumiin keessanis eebba akkasiitiin gammaduu danda’a.

11 Tajaajila Irratti Hirmaannaa Gootan Guddisaa: Jaalalli Waaqayyoofi ollaawwan keenyaaf qabnu, tokkoo tokkoo ji’aatti yeroo binnee warra kaaniif misraachoo kana akka itti himnu nu kakaasa. (Mat. 22:​37-​39) Daawwattoonni ol aanaa Qayyabannaa Kitaabaafi gargaartonni isaanii, babali’istoonni tuuta isaanii keessatti argaman ji’a ji’aan tajaajila irratti akka hirmaatan gargaaruuf carraaqqii gochuu qabu. Kana raawwachuuf ammoo malli gaariin, obboloota tuuta isaanii keessatti argaman hundaa wajjin tajaajiluuf qophii gochuu dha. Kana gochuufis hanga jiini sun dhumutti eeguu mannaa dursanii jalqabuu wayya. Akkas gochuunis, gargaarsa jaalala irratti hundaa’e kennuuf carraa gaarii isiniif bana.

12 Tuuta qayyabannaa kitaabaa keessan keessa, dadhabbii humnaa qabaachuudhaan kan ka’e babal’istoonni tajaajila irratti hirmaachuu dadhaban jiruu? Sababii kanaan obboloonni manaa bahuu hin dandeenye yoo jiraatan, carraan tajaajiluuf qaban dhiphaa ta’uun isaa beekamaa dha. Haata’u malee, carraa tajaajilaa dhiphaa ta’e kanatti fayyadamanii ifa isaanii ibsuudhaan, namootni hojii isaanii isa gaarii arganii dhugaadhaaf akka fedha godhatan gargaaruu ni danda’u. (Mat. 5:​16) Daawwataan ol aanaa Qayyabannaa Kitaabaa babalistoonni haala akkanaa keessa jiran, daqiiqaa 15 kaasee hirmaannaa tajaajila irratti godhan gabaasuu akka danda’an beekuu isaanii mirkaneessuu qaba. Hirmaannaa tajaajila irratti godhan kana gabaasuu danda’uun isaanii, babal’istoota amanamoo kana ni jajjabeessa; akkasumas gammachuu guddaa argamsiisaaf. Kunis sochii sabni waaqayyoo addunyaa maratti argamu godhuuf gabaasni sirrii ta’e akka argamu taasisa.

13 Dargaggoota Waan Gaarii Gochuudhaan Yeroon Isaanii Qabame! Dargaggoonni humnaafi jabina isaanii Yihowaa tajaajiluuf yeroo itti fayyadaman arguun hangam nama jajjabeessaa! (Fak. 20:29) Dargaggeessa yoo taate, ji’oottan sochii addaa itti godhaman kanatti hinaaffaa Yihowaaf qabdu attamiin agarsiisuu dandeessaa?

14 Babal’isaa hin cuuphamin yoo ta’uu baatte, carraa addaa kana irra gahuu dandeessaa? Gaaffiiwwan armaan gadii of gaafadhu. ‘Dhugaa Macaafa qulqulluu ilaalchisee beekumsa bu’uuraa qabaa? Tajaajila Mootummaa irratti hirmaachuuf fedhii qabaa? Amala kootiin warra kaaniif fakkeenya nan ta’aa? Jecha mataa kootiin fayyadamee waa’ee amantii kootii namoota kaanitti himuu nan danda’aa? Kana raawwachuuf ammoo fedhii onnee irraa madde qabaa?’ Gaaffiiwwan kanaaf deebiin kee eeyyee kan jedhu yoo ta’e, babal’isaa ta’uuf fedhii qabaachuu kee warra keetti himi. Warri kees koree tajaajilaa keessaa jaarsa tokkotti himuu danda’u.

15 Babalisaa misraachoo Mootummaa yoo taate, hirmaannaa tajaajila irratti gootu guddisuuf yeroo boqonnaa mana barumsaatti fayyadamuu dandeessaa? Dargaggoonni cuuphaman baay’een sagantaa gaarii baasuudhaan, gargaarsa maatiifi warra kaaniitiin qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’aniiru. Kun siif hin danda’amu taanaan hirmaannaa tajaajila irratti gootu guddisuuf murteessi. Kana raawwachuuf dhuunfaatti karoora baafadhu. Sa’aatii tajaajila irratti dabarsitu guddisuu dabalatee qulqullina tajaajila kee guddisuuf karoora baasi. Manaa gara manaa yeroo tajaajiltu caqasa Macaafa qulqulluu tokko dubbisuuf, qulqullina deddeebii gaaffii kee fooyyessuuf, qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuu, yeroo hunda manaa gara manaatti dhugaa ba’uudhaan, ykn bifa tokkoon tajaajila kee bal’isuu dandeessa. Ollaawwan, hiriyoota mana barumsaa, ykn firoottan kee ayyaana yaadannoo waggaa kanaa irratti akka argaman karoora baasteettaa? Sochii ti’ookraasii irratti hirmaannaa guutuu gochuun keenya gammachuu nuuf argamsiisa; akkasumas kan gumiitti argaman hunda ni jajjabeessa.​​—⁠1 Tas. 5:​11.

16 Warri Haaraan Karaa Hafuuraa Akka Guddatan Gargaaraa: Yeroo dhihoo Itoophiyaatti ji’a ji’aan namoota 5,000 ta’aniif qayyabannaan Macaafa qulqulluu gaggeeffamee ture. Barattoota Macaafa qulqulluu kana keessaas hedduun isaanii guddina agarsiisuudhaan of murteessanii ni cuuphamu jennee abdanna. Haata’u malee, sadarkaa kana irra gahuu isaanii dura misraachoo kan babal’isuuf ga’eessota akka ta’an isaan gargaaruu barbaadna. Kun warra haaraa barsiisanii duuka buutota Yesus Kristoos akka ta’an gargaaruuf tarkaanfii barbaachisaa dha. (Mat. 9:9; Luq. 6:​40) Qayyabannaa Macaafa qulqulluu tarkaanfii kana fudhachuuf qophaa’e qabdaa?

17 Guddina barataa keetii ni shakkita taanaan, daawwataa ol aanaa qayyabannaa kitaabaa ykn ammoo daawwataa ol aanaa tajaajilaa gargaarsa gaafadhu. Tarii yeroo barataa kana qayyabsiiftu daawwaticha afeeruu dandeessa ta’a. Obboloonni kun sadarkaa guddina karaa hafuuraa barataan kun qabu madaaluudhaaf muuxannoo gahaa qabu. Barataan kun akka guddina hafuuraa gochuu isaa itti fufu yaada isa gargaaru kennuufii danda’u.

18 Barataan kee babal’isaa hin cuuphamne ta’uuf fedhii yoo agarsiiseefi atis ga’eessa ta’uun isaa yoo sitti dhaga’ame sassaabaa ilaaltuu ol aanaatti himi. Innis jaarsolii lama siifi baratichaa wajjin wal quunnamsiisa; isaanis yaada kitaaba Tajaajila Keenya Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu fuula 98-99 irratti kennameen fayyadamanii barataan sun ga’eessa ta’uu isaa akka gamaaggaman haala mijeessa. ( Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 1988, fuula 17 ilaali.) Baratichi babal’isaa akka ta’u yoo heyyamameef utuu hin turin leenjisuu jalqabi. Gabaasa tajaajilaa al tokko deebisnaan bartaan sun babal’isaa hin cuuphamne ta’uun isaa gumiitti himama. Ji’oottan sochiin addaa itti godhamu kanatti, babal’istoota haaraa kumaatamatti lakkaa’aman dabalatee, maanguddoonniifi dargaggoonni hundi karaa hafuuraa guddina akka agarsiisan abdii qabna.

19 Karoora Baasuun Wanta Baay’ee Gaarii ta’e Raawwachuuf Nu Gargaara: Sochii ti’ookraasii tibba yaadannoo goonuuf dursinee karoora baasuun keenya fiixaan ba’iinsa akka argannu nu taasisa. (Fak. 21:⁠5) Dhimmawwan xiyyeeffannaa jaarsolii barbaadan baay’eetu jira.

20 Hedduun isaanii tajaajila irratti akka hirmaatan gargaaruuf, jaarsoliin guyyoota torbaniifi dhuma torbanii irratti walga’ii bobba’a hojii irra ooluu danda’u qopheessuu qabu. Daawwataan ol aanaa tajaajilaa dursa fudhatee hojii kana qindeessuu qaba. Walga’iin bobbaa dabalataan ganama barii, waaree booda, ykn gara galgalaa godhamuu danda’aa? Sagantaan bahe gumiitti himamuufi gabatee beeksisaa irratti maxxanfamuu qaba.

21 Jaarsoliin, Ebla 16 dura ayyaana yaadannootiif qophiin barbaachisaa ta’e godhamuu isaa mirkanaa’oo ta’uu qabu. Kunis gumiilee gara biraa galma sanatti fayyadaman wajjin qindoominaan hojjechuu, Galma Mootummaa qulqulleessuu, keessumsiistotaafi obboloota wayiniifi maxinoo naannessan filachuu akkasumas wayiniifii maxinoo mijaa’aa ta’e argachuu dabalata. Jijjirama sagantaa walga’ii torbanii irratti godhame dabalatee bakki walga’iifi sa’aatiin ayyaanni yaadannoo itti gaggeeffamu gumiitti himamuu qaba. Kanneen olitti ibsaman irratti hojjechuun keenya, walga’ichi “akka tolutti, sabriidhaanis” akka gaggeeffamu taasisa.​​—⁠1 Qor. 14:⁠40.

22 Warri mataa maatii ta’an qayyabnnaa maatii isaanii irratti tibba yaadannoo kana hirmaannaa maatiin isaanii tajaajila irratti qabu karaa itti guddisuu danda’an mari’achuuf itti fayyadamuu barbaadu ta’a. Maatiin keessan hundi qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’aa? Yookin ammoo maatii keessan keessaa namni tokko ykn isaa ol ta’an hojii kana irratti akka bobba’an maatiin keessan gargaarsa gochuufii danda’aa? Kun hin danda’amu taanaan, maatiin keessan tajaajila irratti yeroo baay’ee akka dabarsu karoora adda ta’e baasaa. Maatii keessan keessa quxisuu kana ta’e gargaarsiifi yaadni jajjabinaa xiqqoon yoo godhameef babal’isaa hin cuuphamin ta’uuf kan gahuu jiraa? Ayyaana yaadannoo waggaa kanaa irratti maatiin keessan namoota meeqa afeeruu danda’aa? Karoora gaarii yoo baastan maatiin keessan eebbaafi gammachuu guddaa argata.

23 Yeroo Hafetti Akka Gaariitti Itti Fayyadamaa: Phexros Krstiyaanota jaarraa jalqabaatiif yeroo barreessuu, dhumni sirna waan hundumaa warra Yihudootaa waan dhihaateef yeroon sun ariifachiisaa ta’uu isaa isaan yaadachiisee ture. (1 Phe. 4:⁠7) Harra’as ragaawwan jiran akka mul’isanitti, dhumni sirna biyya lafaa amma jiru kanaa baay’ee dhihaateera. Kana irratti amantii cimaa akka qabnu, haala jireenya keenyaa isa guyyaa guyyaatiin mul’isuu qabna. Tajaajiltoota Yihowaa warra hinaafan waan taaneef, hojii misrachoo labsuu ariifachiisaa ta’e kana irrati xiyyeeffachuu qabna.​​—⁠Tit. 2:​13, 14.

24 Yeroon kun yeroo itti hinaaffaa agarsiisnuufi tarkaanfii itti fudhannu dha! Wanta Yihowaan siif, maatii keetiifi, gumii keetiif godhe irratti xiinxali. Waan gaarii baay’ee Yihowaan nuuf godhe hundumaa kanfaluu yoo hin dandeenyu ta’e iyyuu, waaqeffannaa garaa guutuu dhiheessuufii dandeenya. (Far. 116:​12-​14) Carraaqqii wal irraa hin cinne gochuun keenya eebba Yihowaa nuuf argamsiisa. (Fak. 10:22) Hundi keenya yeroo sochiin addaa itti godhamu kanatti ‘wanta gaarii gochuuf yoo hinaafne Yihowaan waan hundaan karaa Yesus Kristos ulfina argata.’​​—⁠1 Phe. 3:​13; 4:​11.

[Saanduqa fuula 3rra jiru]

Gara Ayyaana Yaadannoo Kanaatti Eenyuun Afeertaa?

□✔ Maatii keefi firoottan kee

□✔ Ollaawwan keefi namoota beektu

□✔ Warra wajjin hojjettuufi wajjin barattu

□✔ Warra deddeebitee gaafattuufi Macaafa qulqulluu qayyabsiistu

[Saanduqa fuula 4rra jiru]

Namoota Ayyaana Yaadannoo Irratti Argaman Gargaaraa

□✔ Gammachuudhaan isaan simadhaa

□✔ Deddeebi’aa isaan daawwadhaa

□✔ Macaafa qulqulluu akka qayyabatan afeeraa

□✔ Haasawaa sabaa addaa irratti akka argaman afeeraa

[Saanduqa fuula 5rra jiru]

Tibba Ayyaana Yaadannoo Sanaaf Karoora Akkamii Baasteetta?

□✔ Ayyaana yaadannoo irratti nama afeertu qabaadhu

□✔ Misraachoo kana babal’isuuf ga’eessa ta’i

□✔ Sa’aatii tajaajila irratti dabarsitu guddisi

□✔ Bifa tajaajilaa tokko tokko irratti fooyya’iinsa agarsiisi

□✔ Qajeelchaa gargaaraa ta’ii tajaajili

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi