Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Guraandhala 9 Jalqabu
Faarfannaa 34 (77)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Yaada seensaa fuula 8 irratti argamuun gargaaramuudhaan, Masaraan Eegumsaa Muddee 1 fi Dammaqaan! Muddee 2003 yeroo raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni lama haa dhihaatu. Kan beeksifamu tokko ta’uyyuu, kan raabsaman walumatti. Hojiin argisiisni tokko, namoota “Amantii mataakoo qaba” jechuudhaan maree dhaabsisuu yaalaniif, akkamitti maree itti fufuun akka danda’amu kan argisiisu haa ta’u.—Kitaaba Xiinxalsiisuu jedhamu fuula 18-19 ilaali.
Daq. 10: Akka gumiif barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 25: “Gocha Waaqayyoo Isa Dinqisiisaa Labsuu Keessan Itti Fufaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneefi gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. (Keeyyata 1-10) Ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin kan dhihaatu. Gaaffiiwwan qophaa’aniin fayyadami. Tibba ayyaana Yaadannootti sochii tajaajilarratti godhan akka guddisaniif dhaggeeffattoota jajjabeessi.
Faarfannaa 23 (48) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Guraandhala 16 Jalqabu
Faarfannaa 22 (47)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman.
Daq. 15: “Hojii Gargaarsa Waaqayyoo Qabu.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneefi gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Kitaaba Labsii Himtoota jedhamu fuula 547-8 irraa yaada tokko tokko dabalii dhiheessi.
Daq. 20: “Gocha Yihowaa Isa Dinqisiisaa Dubbachuu keessan Itti Fufaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneefi gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. (Keeyyata 11-17) Gaaffiiwwan dhihaatanitti fayyadami. Babal’isaan tokko, deddeebii gaaffiisaa gara Ayyaana Yaadannootti yeroo afeeru hojiin argisiisa gabaabaadhaan haa dhiheessu.
Faarfannaa 13 (33) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Guraandhala 23 Jalqabu
Faarfannaa 95 (213)
Daq. 10: Beeksisa Gumii. Gabaasa herreegaa. Walga’ii tajaajilaa itti aanee godhamuuf, hundisaanii walga’ii addaa waggaa darbe godhamerratti yaadannoosaanii irra deebi’anii akka dhufan jajjabeessi. Yaada seensaa fuula 8 irratti argamuun gargaaramuudhaan, Masaraa Eegumsaa Muddee 15 fi Dammaqaa! Muddee 22, 2003 (Ingiliffa) yeroo raabsan kan argisiisu hojiin argisiisni lama haa dhihaatu. Kan beeksifamu tokko ta’uyyuu kan raabsaman walumatti. Hojiin argisiisa tokkorratti, brooshuura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa? jedhamurraa yaada gaaffii kaasuufi, yeroo itti aanutti deebii argatu tokko kaasuudhaan xumura.
Daq. 15: “Yeroo Hundumaa Walga’iidhaaf Dursa Kennaa.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneefi gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Walga’ii hundarratti argamuuf tarkaanfii akkamii akka fudhatan akka dubbataniif babal’isaa tokko ykn lama dursii qopheessi.
Daq. 20: “Walga’ii Keessatti” Yihowaa jajadhaa. Masaraa Eegumsaa Fulbaana 1, 2003, fuula 19-22rratti hundaa’uudhaan maree dhaggeeffattoota wajjin godhamuun kan dhihaatu. (1) Faarfannaan 22:22, 25 gumiirratti yaada kennuuf sababii qabaachuu keenya kan ibsu akkamitti? (2) Kadhannaan kan nugargaaru akkamitti? (3) Qophiin barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (4) Hundi keenya walga’iirratti yeroo argamnu kaayyoon keenya maal ta’uu qaba? (5) Teessuma fuulduraarra taa’uun keenya kan nu gargaaru maaliifi? (6) Wanta warri kaan jedhan dhaggeeffachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (7) Jecha mataa keenyaan deebisuu kan dandeenyu akkamitti? (8) Yaada kenninuun warra kaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? (9) Obboleessi walga’icha geggeessu ittigaafatamummaa maalii qaba?
Faarfannaa 36 (81) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Bitootessa 1 Jalqabu
Faarfannaa 67 (156)
Daq. 5: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila dirree ji’a Guraandhalaa akka deebisan yaadachiisi. Barreeffamawwan ji’a Bitootessaatti raabsaman beeksisiitii, akkaataa itti dhiheenyaa Miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2002rratti kenname keessaa tokkoosaa gabaabsii dubbadhu.
Daq. 25: Hojii Gaariidhaan Badhaadhota ta’aa. (1 Xim. 6:18) Gaaffiiwwan dhihaataniin fayyadamee, sagantaa Walga’ii addaa waggaa darbe godhamerratti hundaa’uudhaan jaarsi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun dhiheessa. Wanta baratan hojiirra oolchuu kan danda’an akkamitti akka ta’e akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri. (Xuqaawwan yaadni irratti kennaman dursanii hiruun ni danda’ama.) Kutaa sagantaawwan kanaa gadii addeessi: (1) “Hojiin Gaariin Bu’aa Guddaa Argamsiisa.” (Lal. 2:11) Tajaajiltoonni Waaqayyoo hojii addunyaa kanaa isa gatii hin qabne hordofuu mannaa, hojii gaarii Sagalee Waaqayyoo keessatti ibsame kan hordofan maaliifi? (2) “Waaqayyo Biratti Badhaadhota Ta’aa.” (Mat. 6:20) Namoonni tokko tokko ‘Waaqarratti badhaadhummaa kan walitti qabatan’ akkamitti? Bu’aa maalii wajjinoo? (3) “Macaafa Qulqulluu Qayyabsiisuudhaan Tajaajila Keessaniin Badhaadhota Ta’aa.” (om ful. 91) Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu argannee qayyabsiisuuf maaltu nu gargaara? (4) “Hojiiwwan Gaarii Yeroo Makaraa Kanatti Hojjennu.” (Mat. 13:37-39) Fakkeenyii hojii gaarii Kristiyaanonni durii hojjetan maalidha? Bara keenyatti hojiin Mootummichaa kan babal’atehoo akkamitti? (5) “Hojiin Keessan Inni gaariin Waaqayyoof Ulfina Kan Fidu Haa Ta’u.” (Mat. 5:14-16) Obboloonni tokko tokko ‘ifa isaanii kan ibsan’ akkamitti? (6) “Yihowaa Jajuudhaan Hojii Gaarii Raawwataniif Dargaggoota Galateeffachuu.” (Far. 148:12, 13) Dargaggoon aanaa keenyatti argaman, Yihowaa jajachaa kan jiran akkamitti? (7) “Hojii Gaarii Hojjechuu Itti Fufuudhaan, Eebba Yihowaa Argachuu.” (Fak. 10:22) Hojii Gaarii hojjechuu yoo itti fufne, dhuunfaatti, maatiitti, gumiifi jaarmiyaa addunyaa maraatti eebbawwan akkamii argachuu dandeenya?
Daq. 15: “Wanta Yihowaan Nurraa Barbaadu Raawwachuu Ni Dandeenya.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneefi gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Gaaffiiwwan dhihaatanitti fayyadami. Hanga yeroon siif heeyyametti caqasawwan caqasaman addeessi.
Faarfannaa 43 (98) fi kadhannaa xumuraa.