Wanta Yihowaan Nurraa Barbaadu Raawwachuu Ni Dandeenya
1 Yeroo har’aatti abboommiifi seera bu’uuraa Yihowaatiif ajajamuun jireenya hunda caaludha. Kunis abdii bara baraatiif bu’uura akka kaa’annu nu gargaara. (Far. 19:7-11; 1 Xim. 6:19) Haata’u malee, addunyaan Seexanaa dhiphina guddaatti nu galchuu barbaada. Foon keenya inni cubbamaanis rakkinicha nutti cimsa. Itti gaafatamummaa Caaffata Qulqullaa’aarratti argamu raawwachuun, yeroo tokko tokko humna keenyaa ol akka ta’etti nutti dhaga’amuu danda’a. (Far. 40:12; 55:1-8) Yookinimmoo, wanta Yihowaan nurraa barbaadu hundaa raawwachuuf akka hin dandeenye nutti dhaga’ama ta’a. Yeroo akkasiitti karaa hafuuraa madaallii keenya eeguuf maaltu nu gargaara?
2 Aboommiiwwan Yihowaa Ulfaatoo Miti: Gonkumaa Yihowaan wanta humna keenyaa ol ta’e akka raawwannu nu hin abboomu. Abboommiinsaa faayidaa mataa keenyaaf kan kenname malee ba’aa ulfaataa miti. (Kes. 10:12, 13; 1 Yoh. 5:3) ‘Biyyoo ta’uu keenya waan beekuuf’ dadhabbii keenya tilmaama keessa galcha. (Far. 103:13, 14) Haalli irratti argamnu tajaajila keenya daangessus, Waaqayyo araarasaatiin hanga dandeettii keenyaa isa tajaajiluuf carraaqqii goonu ni fudhata. (Lew. 5:7, 11; Mar. 14:8 ) Wanta ba’aa nutti ta’u isarratti gannee akka dhiisnu nu afeeruusaarrayyuu, hanga dhumaatti amanamoo taanee akka dhaabannuu kan nu gargaaru ta’uusaa nuu mirkaneesseera.—Far. 55:22; 1 Qor. 10:13.
3 Barbaachisummaa Jabaatanii Dhaabachuu: Macaafni Qulqulluun namoota amanamummaadhaan dhaabatan kan akka Eliyaas, Ermiyaasiifi Phaawulos caqasuudhaan jabaatanii dhaabachuun barbaachisaa ta’uusaa ibsa. (Ibr. 10:36) Yihowaan wanti akka dhiphataniifi abdii kutatan godhu yeroo isaan mudatetti, gargaarsa walirraa hin cinne godheeraaf. (1 Mot. 19:14-18; Er. 20:7-11; 2 Qor. 1:8-11) Amanamummaa yeroo har’aatti obboloonni keenya argisiisanirraa jajjabina arganna. (1 Phe. 5:9) Fakkeenyawwan akkasiirratti xiinxaluun keenya, akka abdii hin kunne nu gargaara.
4 Abdiin Waaqayyo kenne, ‘akka qofoo sibiilaa lubbuu qabatee dhaabatuuti.’ (Ibr. 6:19) Abdiin kun, Abrahaamiif Saaraan biyyasaanii dhiisanii ‘biyyatti abdachiifamte keessatti galaa ta’anii akka jiraatan’ ajaja Yihowaan kennee fudhachuuf isaan kakaaseera. Museen sodaa tokko malee waaqeffannaa dhugaa cinaa akka dhaabatuuf humna ta’eeraaf. Yesusis muka dhiphinaarratti yeroo fannifame jabaatee akka dhaabatu isa godheera. (Ibr.11:8-10, 13, 24-26; 12:2, 3) Addunyaa haaraa qajeelummaan keessatti dagaagu ilaalchisee abdii Waaqayyo kenne amantiidhaan eeguun keenya, jabaannee dhaabachuuf nu gargaara.—2 Phe. 3:11-13.
5 Yeroottan darbanitti amanamummaa, ija jabinaafi aarsaa goonee of dhiheessuu keenya yaadachuun keenya, tajaajilarratti jabaannee akka dhaabannu nu gargaara. (Ibr. 10:32-34) Wanta Yihowaan nurraa barbaadu garaa guutuudhaan raawwachuun keenya, akka gammachuu nuuf argamsiisu nu yaadachiisa.—Mat. 22:37.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yeroo tokko tokko yaada akkamii wajjin qabsoo gochuu nubarbaachisa? Maaliifoo?
2. Yihowaan wantoota humna keenyaa ol ta’an akka nurraa hin barbaanne kan argisiise akkamitti?
3. Yihowaan jabaannee akka dhaabannuuf kan nu gargaaru akkamitti?
4. Yeroo hundaa abdii Waaqayyo kennerratti xiyyeeffachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
5. Amanamummaa yeroottan darbanirratti argisiisnerratti xiinxaluun keenya kan nu jajjabeessu maaliifi?