Lallabuun Jabaannee Akka Dhaabannuuf Nu Gargaara
1 Sagaleen Waaqayyoo: ‘dorgommii isa nu dura jiru obsaan dandeenyee akka fiignu’ nu gorsa. (Ibr. 12:1) Akkuma namni dorgommii fiigichaarratti hirmaatu tokko dorgommiisaa injifannoodhaan xumuruuf jabina isa gaafatu, nutis badhaasa jireenya bara baraa argachuuf jabinni nu barbaachisa. (Ibr. 10:36) Tajaajilli Kiristaanummaa hamma dhumaatti amanamummaadhaan jabaannee akka dhaabannu kan nu gargaaru akkamitti?—Mat. 24:13.
2 Karaa Hafuuraa Nu Jabeessa: Addunyaa haaraa qajeelummaan keessatti dagaagu ilaalchisee abdii dinqisiisaa Macaafni Qulqulluun kennu lallabuun keenya, abdiin keenya ifa ta’ee akka nutti mul’atu nu gargaara. (1 Tas. 5:8) Yeroo hundaa tajaajilarratti hirmaachuu yoo amaleeffanne, dhugaa Macaafa Qulqulluurraa baranne dubbachuuf carraa arganna. Akkasumas wanta itti amannu warra kaaniif ibsuun keenya karaa hafuuraa akka jajjabaannu nu gargaara.
3 Karaa bu’a qabeessa ta’een warra kaan barsiisuu yoo barbaanne, dursinee ofii keenyaa waa’ee dhugaa Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan hubachuu qabna. Barumsa sanarratti qorannaa gochuufi xiinxaluu qabna. Dhimma kana ilaalchisee carraaqqiin nuti goonu, beekumsa keenya guddisuuf, amantii keenya cimsuufi karaa hafuuraa jajjabaachuuf nu gargaara. (Fak. 2:3-5) Kanaafuu, namoota biroo gargaaruuf yommuu carraaqnu ofii keenyaas ni jabaanna.—1 Xim. 4:15, 16.
4 Hinaaffaadhaan tajaajilarratti hirmaachuun keenya ‘mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhachuun’ keenya Seexanaafi hafuurota hamoo mormuuf nu dandeessisa. (Efe. 6:10-13, 15) Tajaajilarratti yeroo baay’ee dabarsuun keenya yaadni keenya wantoota nama jajjabeessaniin akka guutamuufi ilaalcha biyya lafaa isa manca’aarraa fagaachuuf nu gargaara. (Qol. 3:2) Yeroo daandii Yihowaa namoota kaan barsiisnu, ofii keenyaafis amala gaarii akka qabaachuu qabnu of yaadachiisaa adeemna.—1 Phe. 2:12.
5 Humna Waaqayyoo Argachuu: Hojii wangeelaarratti hirmaachuun keenya, Yihowaarratti akka amanamnu nu barsiisa. (2 Qor. 4:1, 7) Kun dhugumaan eebba akkamiiti! Amantaa akkasii guddifachuun, tajaajila keenya bakkaan ga’uu qofa osoo hin ta’in haalawwan jireenya keessatti nu mudatan kamiyyuu mo’uuf nu gargaara. (Filp. 4:11-13) Dhugumaan, Yihowaarratti amantaa godhachuu baruun keenya, wantoota jabina argachuuf nu barbaachisan keessaa isa guddaadha. (Far. 55:22) Hojii lallabaarratti hirmaachuun keenya karaa baay’ee akka jabaannu nu gargaara.