LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/08 ful. 1
  • Hojiin Lallabaa Obsa Gaafata

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojiin Lallabaa Obsa Gaafata
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jaarmiyaa Yihowaatti Dhihaadhaa Jiraadhaa
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • “Jabaatanii Dhaabachuun Hojii Isaa Fiixaan Akka Baasu Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Isa Jabaatee Dhaabbate Sana Akka Gaariitti Yaadaa
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Rakkina Obsuun Nama Kiisa
    Tajaajila Mootummaa—2004
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2008
km 12/08 ful. 1

Hojiin Lallabaa Obsa Gaafata

1 Phaawulos waggaa 30 oliif wangeela lallabuu hojiisaa godhachuudhaan gammachuu argateera. Wanta gaarii kana raawwachuuf dhama’iinsa godhus, rakkoowwan tokko tokko isa mudataniiru. (2 Qor. 11:23-29) Ta’us Phaawulos wangeela lallabuurraa duubatti hin jenne. (2 Qor. 4:1) Jabina hojii kana raawwachuuf isa dandeessisu argachuu kan danda’e Yihowaa biraa akka ta’e hubateera. (Filp. 4:13) Amanamummaan jabaatee waan dhaabateef Phaawulos, “Akkuma ani fakkeenya Kristos fudhadhe, isinis immoo fakkeenya koo fudhadhaa!” jechuu danda’eera.—1 Qor. 11:1.

2 Rakkoowwan Yeroo Har’aatti Mudatan Obsuu: Obboloota keenya hedduurra guyyaa guyyaan, ga’isni ykn mormiin irra ga’a; miseensonni maatiisaanii, namoonni wajjin hojjetan ykn baratan isaan jibbu. (Mat. 10:35; Yoh. 15:20) Wanti kun siinis si mudateera ta’a. Karaa biraammoo, dhibee fayyaa ykn qorumsa guyyaa guyyaan amantiifi obsakee qoruuf sirra ga’an ofirraa qolachuuf qabsaa’aa jirta ta’a. Seenaa namoota amanamoo bara duriis ta’e bara keenyatti rakkoowwan isaan mudateefi kanas mo’anirratti yaaduudhaan jabina argachuu dandeenya.—1 Phe. 5:9.

3 Tajaajilaan jabaannee humna argachuuf, ‘mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhachuu’ keenya mirkaneessuu qabna. (Efe. 6:10-13, 15) Obsa argachuuf kadhannaanis barbaachisaadha. Waaqayyo rakkoowwan akka obsinuuf hafuura qulqulluu nuu kenna. (2 Qor. 6:4-7) Wal’aansoo Seexanaafi biyya lafaa inni seerratuu wajjin goonuun milkaa’uuf yaadachiisawwan Waaqayyoo nu haaromsan hordofuu qabna. (Far. 119:24, 85-88) Akkuma mucaan tokko xalayaa abbaasaa isa isa jaallaturraa barreeffameef irra deddeebi’ee dubbisu, Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaan dubbisuun keenya hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nuu cimsa. Qayyabannaa dhuunfaa walirraa hin cinne gochuun ogummaa nuu argamsiisa; kunis ilaalchi Waaqayyoo murtoowwan goonurratti dhiibbaa qabaachuudhaan amanamummaa Yihowaaf qabnu nuu jabeessa.—Fak. 2:10, 11.

4 Obsi Eebba Argamsiisa: Akkuma Phaawulos, yeroo tajaajila keenya raawwannu amanamummaan obsuun garaa Yihowaa kan ciibsu ta’uusaarrayyuu nuufis ta’e warra kaaniif eebba argamsiisa. (Fak. 27:11) Amantiin keenya yeroo dheeraaf akka turuufi ‘warqeen inni baduuf jiru akkuma ibiddaan qoramu amantiin keenya warqee caalaa gati jabeessa’ ta’uusaa mirkaneessuuf tajaajilatti fufuuf haa murteessinu.—1 Phe. 1:6, 7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi