Qajeelchaa Gargaaraa Taʼuu Ni Dandeessaa?
1. Tibbi Ayyaana Yaadannoo yeroo gaarii tajaajila keenya itti balʼifachuu dandeenyudha kan jennu maaliifi?
1 Tibbi Ayyaana Yaadannoo, yeroo gaarii tajaajila keenya itti balʼifachuu dandeenyudha. Kana malees, yeroo jaalala guddaa Yihowaan Ilmasaa furii gochuudhaan nuuf kennerratti itti xiinxalludha. (Yoh. 3:16) Kun garaan keenya dinqisiifannaadhaan akka guutamu kan godhu taʼuusaarrayyuu, fedhii waaʼee Yihowaafi wanta inni ilmaan namootaatiif godhe warra kaaniitti himuuf qabnu nuuf guddisa. (Isa. 12:4, 5; Luq. 6:45) Akkasumas yeroo duula addaa namoonni beeknuufi namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran nuu wajjin Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman itti afeerrudha. Achiis, fedhii namoota ayyaana kanarratti argamanii guddisuuf carraaqqii gochuu qabna. Maarree atoo jiʼa Bitootessaa, Eblaa ykn Caamsaatti qajeelchaa gargaaraa taʼuudhaan tajaajilakee balʼifachuu ni dandeessaa?
2. Keessumaa jiʼi Bitootessaa qajeelchaa gargaaraa taʼuuf jiʼa gaariidha kan jedhame maaliifi?
2 Jiʼi Bitootessaa Jiʼa Addaa Siif Haataʼu: Keessumaa jiʼi Bitootessaa qajeelchaa gargaaraa taʼuuf jiʼa gaariidha. Babalʼistoonni qajeelchaa gargaaraa taʼuuf foormii guutan saʼaatii 30 ykn saʼaatii 50 tajaajiluu dandaʼu. Daawwannaan ilaaltuu olaanaa aanaa jiʼa Bitootessaarra yoo oole, babalʼistoonni qajeelchaa gargaaraa taʼan, walgaʼii inni qajeelchitootaafi qajeelchitoota addaa wajjin godhu guutummaasaarratti argamuu dandaʼu. Duulli waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo raabsuuf godhamu Kibxata, Bitootessa 26, 2013tti jalqaba; guyyaan duulaa kun isa kanaan duraarra kan dheeratu siʼa taʼu, Bitootessa 1rraa jalqaba. Kana malees, jiʼi Bitootessaa Sanbadduraafi Dilbata shan qaba. Maarree atoo dhimma kanarratti yaaduudhaan jiʼi Bitootessaa jiʼa addaa akka siif taʼu gochuu dandeessaa?
3. Sochii tajaajilarratti gootu guddifachuuf karoora akkamii baafachuu dandeessa?
3 Ammumaa Karoora Baafadhu: Yeroon sagantaakee itti ilaaltuufi qajeelchaa gargaaraa taʼuuf jijjiirama barbaachisaa taʼe itti gootu ammadha. Maatiin wal gargaaruunsaa barbaachisaa waan taʼeef, yeroo Waaqeffannaa Maatii galgalaa keessan gootan galmaafi sagantaa maatiin keessan baafateerratti mariʼadhaa. (Fak. 15:22) Qajeelchaa gargaaraa taʼuu hin dandeessu yoo taʼe garuu abdii kutachuu hin qabdu. Guyyaa tajaajila baatutti saʼaatii dheeraa tajaajiluuf sagantaakee sirreessuu ni dandeessaa? Guyyoota torbanii gidduutti guyyaa dabalataa tajaajila itti baatu mijeessuu ni dandeessaa?
4. Jiʼa Bitootessaa, Eblaafi Caamsaatti sochii tajaajilarratti goonu guddifachuudhaan faayidaa akkamii arganna?
4 Sochii tajaajilaa jiʼa Bitootessaa, Eblaafi Caamsaatti goonu yeroo guddifannu, gammachuu Yihowaa tajaajiluufi warra kaaniif kennuu keenyaan argannu ni dabala. (Yoh. 4:34; HoE. 20:35) Hunda caalaammoo, carraaqqiin aarsaa kaffaluudhaan goone Yihowaa ni gammachiisa.—Fak. 27:11.