Sagantaa Torban Guraandhala 11 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 11 JALQABU
Faarfannaa 27fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 1 key. 18-23 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Mat. 26-28 (Daq. 10)
Lakk. 1: Mat. 27:24-44 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Obsi Waaqayyoo Fayyinaaf Karaa Kan Kennu Akkamitti?—2 Phe. 3:9, 15 (Daq. 5)
Lakk. 3: Barsiisaa Guddichi Namoota Tajaajileera—lr boq. 6 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Barumsa Akkamii Irraa Arganna? Mareedhaan kan dhihaatu. Maatewos 6:19-21fi Luqaas 16:13 akka dubbifamu godhi. Caqasni kun tajaajila keenyaarratti nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe mariʼadhaa.
Daq. 20: “Qajeelchaa Gargaaraa Taʼuu Ni Dandeessaa?” Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa gaaffiifi deebiidhaan dhiheessa. Keeyyata 2rratti erga mariʼattanii booda, obboloota jiʼa Bitootessaatti qajeelchaa gargaaraa taʼuuf yaadan keessaa babalʼistoota lamaaf, jechuunis kan guyyaa guutuu hojjetuufi kan dhibee fayyaa qabuuf gaafannoo gabaabaa godhi. Qajeelchaa taʼuuf sagantaasaaniirratti jijjiirama akkamii godhaniiru? Keeyyata 3rratti erga mariʼattanii booda, hojiin argisiisni hiriyoonni gaaʼelaa ykn maatiin ijoollee qabu, sagantaa Waaqeffannaa Maatii galgalaasaaniirratti hirmaannaa tajaajilarratti godhan guddisuuf qophii murtaaʼe yeroo godhan argisiisu akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 44fi Kadhannaa