Sagantaa Torban Guraandhala 18 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 18 JALQABU
Faarfannaa 52fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 2 key. 1-7 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Mar. 1-4 (Daq. 10)
Lakk. 1: Mar. 2:18–3:6 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Ajajamuunkee Eegumsa Siif Argamsiisa—lr boq. 7 (Daq. 5)
Lakk. 3: Gorsa Phaawulos 1 Qorontos 7:29-31rratti Argamu Akkamitti Hubanna? (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 15: Yeroo Mijaaʼaa Hin Taanettis Dubbicha Lallabi. (2Xim. 4:2) Kitaaba Waggaa 2012, fuula 72, keeyyata 1-2; fuula 110; fuula 156, keeyyata 1 hanga fuula 157, keeyyata 1; akkasumas fuula 179, keeyyata 3rratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni barumsa argatan ilaalchisee yaada akka kennan gaafadhu.
Daq. 15: “Duulli Ayyaana Yaadannoo Beeksisuuf Godhamu Bitootessa 1 Jalqaba.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Waraqaan afeerrii Ayyaana Yaadannoo dhaggeeffattoota hundaaf tokko tokko akka kennamu erga gootee booda, qabiyyeesaa gabaabsii ibsi. Keeyyata 2rratti yeroo mariʼattan, waraqaa afeerrii kana naannoo tajaajilaa keessan keessatti raabsuuf qophii godhame akka ibsuuf ilaaltuu olaanaa tajaajilaa afeeri. Keeyyata 3rratti yeroo mariʼattan immoo, akkaataa dhiheenyaa waraqaa afeerrii akkamitti akka raabsamu ibsurratti hundaaʼuudhaan hojiin argisiisni tokko akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 8fi Kadhannaa