Duulli Ayyaana Yaadannoo Beeksisuuf Godhamu Bitootessa 1 Jalqaba
1. Ayyaanni Yaadannoo beeksifamuu kan jalqabu yoomi? Duulli kun waggaa kanatti yeroo dheeraaf akka turu kan godhamehoo maaliifi?
1 Duulli namoonni nuu wajjin Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman itti afeerruu Jimaata, Bitootessa 1 jalqaba. Ayyaanni Yaadannoo Bitootessa 26tti kabajama; kunis duulli kun isa kanaan duraarra yeroo dheeraadhaaf kan turu taʼuusaa argisiisa. Kun keessumaa namoonni gumii naannoo tajaajilaa balʼaa qabu keessa jiraatan, carraa waraqaa afeerrii argachuu akka qabaatan kan godhudha.
2. Waraqaa afeerrii argachuufi naannoowwan tajaajilaa hojjechuuf qophiiwwan akkamii godhamaniiru?
2 Akka Gaariitti Qindaaʼuu: Jaarsoliin namoota manatti hin argamneef waraqaa afeerrii kaaʼuu dabalatee, naannoon tajaajilaa akkamitti akka hojjetamu ilaalchisee qajeelfama kennu. Manaa gara manaa erga hojjettanii booda waraqaan afeerrii yoo hafe, bakka namoonni argaman hundatti raabsuun ni dandaʼama. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa waraqaan afeerrii gaʼaa taʼe jiraachuusaa bakka barreeffamoonni raabsaman kaaʼamanii ykn obboleessa barreeffama kennurraa mirkaneessuu qaba; haataʼu malee waraqaan afeerrii hundumtuu takkaatti baʼuu hin qabu. Takkaatti hanga torban tokkoof nu gaʼu qofa fudhachuu qabna.
3. Waraqaa afeerrii yeroo raabsinu maal yaadatti qabachuu qabna?
3 Maal Jechuu Dandeenya? Hanga dandeenye namoota hedduu argachuuf akka nu gargaarutti, ergaan keenya gabaabaa utuu taʼee gaariidha. Akkaataa dhiheenyaa fuula 4rra jiru, akka naannoo tajaajilaa keenyaaf taʼutti itti fayyadamuu dandeenya. Haataʼu malee, namni haasofsiisnu sun haala gaariidhaan yoo nu simate ykn gaaffii yoo qabaate ariitiidhaan deemuu qabna jechuu miti. Sanbadduraafi Dilbata waraqaa afeerrii raabsuurratti yeroo hirmaannu, barbaachisaa taanaan barruulee raabsuu ni dandeenya. Gaafa Bitootessa 2, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuurratti utuu hin taʼin, waraqaa afeerrii raabsuurratti xiyyeeffachuu qabna.
4. Duula kanarratti hinaaffaadhaan hirmaachuu kan qabnu maaliifi?
4 Namoonni hedduun nuu wajjin Ayyaana Yaadannoorratti argamu jennee abdanna. Haasaan achirratti dhihaatu eenyummaa Yesus kan ibsudha. (1 Qor. 11:26) Duutisaa akkamitti akka nu gargaaru ibsa. (Rom. 6:23) Akkasumas isa yaadachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ibsa. (Yoh. 17:3) Kanaaf, duula kanarratti hinaaffaadhaan haa hirmaannu!