LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/14 ful. 4
  • Afeerrii Addaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Afeerrii Addaa
  • Tajaajila Mootummaa—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Afeerrii Kallattiidhaan Dhihaatu
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Duulli Ayyaana Yaadannoo Beeksisuuf Godhamu Bitootessa 1 Jalqaba
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Duula Afeerrii Walgaʼii Naannoo
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Duulli Afeerrii Ayyaana Yaadannoo Bitootessa 22 Jalqaba
    Tajaajila Mootummaa—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2014
km 4/14 ful. 4

Afeerrii Addaa

1. Duulli waraqaa afeerrii walgaʼii koonyaa 2014 yoom eegala?

Hiriyootakee ykn maatiikee nyaata addaa yeroo baayʼeefi baasii guddaa gaafatu tokko afeeruuf karoorfattee qophaaʼaa turte yoo taʼe, yeroo isaan afeertu baayʼee akka gammaddu beekamaadha. Haaluma wal fakkaatuun, nyaata hafuuraa walgaʼii koonyaafi walgaʼii biyyoolessaa 2014⁠rratti dhihaatu qopheessuuf hojiin baayʼeen hojjetameera. Walgaʼiin koonyaa jalqabamuusaa torban sadii dura, namoonni kaan akka irratti argamaniif carraa itti isaan afeeruu dandeenyu qabna. Waraqaa afeerrii kana hinaaffaadhaan raabsuuf maaltu nu gargaara?

2. Wanti waraqaa afeerrii garaa guutuudhaan raabsuuf nu kakaasu maalidha?

2 Qophii hafuuraa Yihowaan walgaʼii koonyaarratti nuu godherraa faayidaa akkamii akka argannu dinqisiifannaadhaan ni yaadna taanaan, duula waraqaa afeerrii raabsuuf godhamurratti garaa guutuudhaan hirmaachuu dandeenya. (Isa. 65:13, 14) Akkasumas, afeerriin waggaa waggaadhaan goonu buʼaa akka qabu yaadachuu qabna. Namoota afeerru keessaa tokko tokko nu faana walgaʼii koonyaarratti ni argamu. Namoonni walgaʼicharratti argaman hammamiyyuu yoo taʼan, duula kanarratti hirmaachuuf carraaqqii gochuun keenya Yihowaadhaaf galata argamsiisa, akkasumas arjummaasaa kan argisiisudha.—Far. 145:3, 7; Mul. 22:17.

3. Waraqaan afeerrii akkamitti raabsama?

3 Qaamni jaarsolii, waraqaa afeerrii kana warra manatti hin argamneef dhiisanii deemuu ykn naannoo tajaajilaa keenya keessaa utuu hin baʼin karaarratti raabsuu dabalatee, balʼinaan raabsuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe murteessuu qaba. Gaafa Sanbadduraafi Sanbataa, barruulee kaan waraqaa afeerrii kanaa wajjin raabsuun ni dandaʼama. Jiʼi haaraan galee Sanbadduraan inni jalqabaa guyyaa waraqaa afeerrii kanaa wajjin walirra yoo oole, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuurra, waraqaa afeerrii raabsuudhaaf xiyyeefannaa kennuun barbaachisaadha. Duulli afeerrii erga xumuramee booda, duula kanarratti garaa guutuudhaan hirmaachuudhaan namoonni nu faana nyaata hafuuraa Yihowaan qopheesserraa akka hirmaatan hamma dandeenye gargaaruu keenya yommuu hubannu, gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama!

Yaada Seensaa Akkamii Fayyadamtu?

Haala naannoo keessanitti baramaa taʼeen nagaa erga gaafattanii booda, akkas jechuu dandeessu: “Namoonni addunyaa maratti argaman qophii bakka guddaa qabu tokkorratti akka argaman afeeraa jirra. Guyyaa, yeroofi bakkisaa waraqaa afeerrii kanarratti ibsameera.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi