LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/15 ful. 4
  • Afeerrii Kallattiidhaan Dhihaatu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Afeerrii Kallattiidhaan Dhihaatu
  • Tajaajila Mootummaa—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Afeerrii Addaa
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Duula Buʼaa Argamsiise
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Duula Afeerrii Walgaʼii Naannoo
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Waraqaan Afeerrii Ayyaana Yaadannoo Ebla 2 Raabsamuu Jalqaba
    Tajaajila Mootummaa—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2015
km 4/15 ful. 4

Afeerrii Kallattiidhaan Dhihaatu

1. Walgaʼii naannoo irratti akka argaman namoota afeeruu kan jalqabnu yoomi?

1 Nyaata addaa carraaqqii hedduu fi baasii hedduun itti baʼe, hiriyoota ykn maatiidhaaf ni qopheessita yoo taʼe, hinaaffaadhaan akka isaan afeertu beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun walgaʼii fuuldura keenya jiru irratti nyaata hafuuraa dhihaatu qopheessuudhaaf hojii hedduutu hojjetamaa jira. Yihowaan walgaʼiin keenya jalqabuu isaa torban sadii dura namoonni kaan akka irratti argamaniif akka afeerru mirga nuu kenneera. Namoota kaan hinaaffaadhaan akka afeerru wanti nu gargaaru maali dha?

2. Duula afeerrii walgaʼii naannoo irratti hirmaachuuf maaltu nu kakaasa?

2 Qajeelfama Yihowaan karaa walgaʼiiwwan naannoo nuu kennu irraa dhuunfaatti hammam akka fayyadamnu dinqisiifannaadhaan irratti yaaduun keenya duulicha irratti hinaaffaadhaan hirmaachuuf nu gargaara. (Isa. 65:13, 14) Akkasumas duulli nuti waggaa waggaatti goonu buʼaa akka qabu irraanfachuu hin qabnu. (Saanduqa “Buʼaa Ni Argamsiisa” jedhu ilaali.) Namoota nuti afeerru keessaa muraasni isaanii walgaʼii naannoo irratti ni argamu. Namoonni walgaʼii kana irratti argaman hammam iyyuu yoo taʼan, carraaqqii cimaan nuti duulicha irratti hirmaachuuf goonu Yihowaadhaaf ulfina fida; akkasumas arjaa taʼuu isaa argisiisa.—Far. 145:3, 7; Mul. 22:17.

3. Waraqaan afeerrii akkamitti raabsama?

3 Tokkoon tokkoon qaama jaarsolii namoota mana hin jirreef kaaʼuu ykn bakka namoonni baayʼeen argamanitti yommuu lallaban raabsuu dabalatee, waraqaa afeerrii balʼinaan raabsuun akkamitti akka dandaʼamu murteessuu qabu. Sanbadduraa fi Dilbatatti dandaʼamnaan waraqaan afeerrii barruulee wajjin kennamuu qaba. Duula kana erga xumurree booda, hinaaffaadhaan akka irratti hirmaannee fi namoonni hedduun nuu wajjin qophii hafuuraa Yihowaan qopheesse irratti akka argaman beekuu keenyatti baayʼee akka gammannu hin shakkisiisu!

Yaada Seensaa Akkamii Fayyadamtu?

Nagaa erga gaafattanii booda akkas jechuu dandeessu: “Qophii adda taʼe tokko irratti akka argaman addunyaa maratti waraqaa afeerrii kana raabsaa jirra. Guyyaan, saʼaatii fi teessoon isaa waraqaa kana irratti barreeffameera.”

Buʼaa Ni Argamsiisa

  • Obboleettiin tokko waggoota hedduu dura duula afeerrii tokko irratti yeroo hirmaachaa turtetti carraaqqiin kun hundi buʼaa akka qabu shakkitee turte. ‘Dhuguma namoonni waraqaa afeerrii keenya fudhatanii nuu wajjin walgaʼii keenya irratti ni argamuu?’ jettee yaadde. Yeroo walgaʼichi itti geggeeffamutti gaafa Sanbadduraa ganama namni amantii Siikhii hordofu tokko ishee cina taaʼee waan argiteef isaa wajjin wal baruuf murteessite. Walgaʼii naannoo irratti kan argame waraqaan afeerrii keenya waan isaaf kennameef akka taʼe hubatte. Namni sun gaaffii obboleettiin kun deebisuufii dandeesse hedduu qaba ture. Sagantichi hammam akka isa gammachiise, akkaataan uffannaa fi amalli namoonni walgaʼicha irratti hirmaatan qaban akka isa dinqisiise dubbateera. Obboleettiin kun gaafuma sana xiqqoo ishee turtee hiriyoota gaaʼelaa ishee cina taaʼaa turanii wajjin mariʼattee turte. Isaanis afeerraan waan isaan gaʼeef atoobisiidhaan gara walgaʼichaa dhaqanii turan. Walgaʼichi baayʼee kan isaan gammachiise yommuu taʼu gaafa Dilbataas argamuuf karoorfatan. Obboleettiin kun yeroo sanaa kaastee duulli waggaa waggaadhaan goonu hangam barbaachisaa akka taʼe hubachuu dandeesseetti.

  • Walgaʼii guddaa dhiheenyatti godhanne tokko irratti abbaan manaa fi haati manaa qajeelchitoota taʼan tokko hiriyoota gaaʼelaa maanguddoo taʼanii wajjin wal baranii turan. Maanguddoonni sun yeroo jalqabaatiif walgaʼicha irratti argamuu isaanii itti himan. Qajeelchitoonni sunis, “Eenyutu isin afeere” jedhanii isaan gaafatan. Isaanis, “Gaaf tokko gara mana keenyaatti yeroo deebinu waraqaa afeerrii balbala jalaa arganne” jedhanii deebisaniif. Isaanis waraqaa afeerrii sana kan dubbisan taʼuu isaa irra iyyuu unka duuba isaa irra jiru guutanii deebisan. Namoonni walgaʼicha irratti argaman kaanis hiriyoota gaaʼelaa kana laaqana afeeranii turan. Sagantichi baayʼee waan isaanitti toleef guyyaa itti aanus irratti argamuuf karoorfatan. Fedhii waan argisiisaniif hordofanii gaafachuuf qophiin ni godhame.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi