LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/13 ful. 5
  • Duula Buʼaa Argamsiise

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Duula Buʼaa Argamsiise
  • Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Afeerrii Kallattiidhaan Dhihaatu
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Duula Afeerrii Walgaʼii Naannoo
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Afeerrii Addaa
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Walga’ii Koonyaa “Kiristos Dukaa Bu’aa!” Jedhu Beeksisuudhaaf Carraaqqii Cimaa Addunyaa Maratti Godhamu
    Tajaajila Mootummaa—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2013
km 4/13 ful. 5

Duula Buʼaa Argamsiise

Gumiiwwan hundi walgaʼiin koonyaasaanii gaʼuusaa torban sadii dura, duula namoonni naannoo tajaajilaasaaniitti argaman walgaʼicharratti akka argaman afeeruuf godhamurratti ni hirmaatu. Waggaa waggaadhaan duula akkasii gochuuf sababii gaʼaa qabna. Namoonni waraqaa afeerrii kana fudhatanii walgaʼii koonyaarratti argaman, haasaawwan Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼanii dhihaatan, kutaawwan hedduu akka gaariitti qindaaʼaniifi namoonni fedhiidhaan keessatti hojjetan, amala gaariifi tokkummaa nuyi qabnu ni dinqisiifatu. (Far. 110:3; 133:1; Isa. 65:13, 14) Haataʼu malee, duulli akkasii namoota fedhii qabaniifi walgaʼicharratti argamuuf karaa fagoo deemanii dhufan ni fayyadaa?

Walgaʼii koonyaa bara 2011 godhame booda, dubartiin waraqaa afeerrii balbalasheerratti argatte tokko waajjira damee tokkoof xalayaa ergitee ture. Yeroo baayʼee Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu balbalashee rurrukutan ni dhokatti turte. Akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Mana bareedaafi abbaa manaa gaarii waanan qabuuf wanta akkan gammadu na godhu hunda nan qaba jedheen yaada ture. Kan nama gaddisiisu garuu gammachuu hin qabu, jireenyikoos kaayyoo hin qabu ture. Kanaaf, walgaʼii koonyaa Sanbadduraa godhamurratti argamuuf konkolaataa kootiin gara kiilomeetira 320 deemuufan murteesse.” Walgaʼichatti waan gammaddeef abbaa manaasheetiif bilbiltee achuma bultee walgaʼii Dilbata godhamurrattis argamuu akka barbaaddu itti himte. “Haasaawwan hunda kanan dhaggeeffadheefi Dhugaa Baatota Yihowaa hedduu wajjin kanan wal bare siʼa taʼu, haalli kun kanumaan xumuramuu akka hin qabnen murteesse.” Erga manasheetti deebitee booda qayyabannaa kan jalqabde siʼa taʼu, jiʼa afur boodammoo babalʼistuu hin cuuphamne taate. “Amma dhugumaan jireenyikoo kaayyoo waan qabuuf, waraqaa afeerrii sana balbalakoo duratti argachuukootti baayʼee gammadeera!” jetteetti.

Namoonni waraqaa afeerrii fudhatan tokko tokko walgaʼiirratti ni argamu. Kanaaf, hinaaffaadhaan duula barbaachisaa taʼe kanarratti hirmaadhaa. Waraqaa afeerrii isinirraa hafe bakka walgaʼiin itti godhamutti fidaatii karaa al idilee taʼeen dhugaa baʼuuf itti fayyadamaa.

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

Maal Jennee Afeeruu Dandeenya?

Naannoo tajaajilaa keenya waliin gaʼuuf, dubbii keenya gabaabsuu qabna. Akkas jechuu dandeenya taʼa: “Akkam jirta. Addunyaa maratti waraqaa afeerrii kana raabsaa jirra. Kun qoodakeeti. Ibsa balʼaa yoo barbaadde waraqaa afeerrii kanarraa argachuu dandeessa.” Miira hoʼaadhaan dubbadhaa. Sanbadduraafi Dilbata duula kanarratti yommuu hirmaannu, haallisaa kan heyyamu yoo taʼe barruulees raabsuu qabna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi