Amala Waaqayyoof Ulfina Fidu
1. Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu walgaʼii koonyaarratti argaman warra kaan salphaatti kan isaan beekan maaliifi?
1 Walgaʼii koonyaarratti yommuu argamnu, namoonni salphaadhumatti eenyummaa keenye ni hubatu. Biyyoota walgaʼiin kun itti godhamu hedduutti, burqaawwan oduu naannoo sanaa walgaʼii koonyaa gochaa akka jirru hawaasichatti beeksisu. Hoteelonniifi manneen nyaataa yeroo baayʼee namoota keenyaan guutamu, namoonni naannoo sanaas keessummoonni hedduun baajii godhatan jiraachuusaanii ilaalu. Yaadawwan walgaʼii koonyaarratti amala gaarii argisiisuudhaan Waaqayyoof ulfina fiduuf nu gargaaran tokko tokko armaan gaditti dhihaataniiru.—1 Phe. 2:12.
2. Yeroo magaalaa walgaʼiin koonyaa itti godhamu turru, uffannaa seera qabeessa taʼe uffachuudhaan Waaqayyoof ulfina fiduu kan dandeenya akkamitti?
2 Uffannaa Seera Qabeessa: Uffannaan seera qabeessi walgaʼichaaf uffannu, yeroo baayʼee namoota nu ilaalan akka ni dinqisiisa Haataʼu malee, yeroo hoteela qabannu, yommuu mana nyaataa dhaqnu, yommuu waa binnu ykn wantoota kana fakkaatan goonu uffannaa seera qabeessa taʼe uffachuudhaan namoota nu ilaalanirratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandeenya. Yeroo akkasiitti uffata walgaʼiidhaaf uffannu uffachuu baannus, uffannaa seera qabeessa, ulfina qabeessaafi uffannaa gara dhabaa hin taane uffachuu qabna. Namoonni kaan, garaa garummaa nuufi namoota hin amanne gidduu jiru ilaaluu qabu. (Rom. 12:2) Kana malees, walgaʼiin jiraachuusaa waan beeksisuuf, carraa itti dhugaa baanu waan nuu argamsiisuufi obboloonni kaan akka nu beekan waan godhuuf baajii walgaʼii koonyaa godhachuu qabna.
3. Obsaafi amala gaarii argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Obsaafi Amala Gaarii: Yeroo namoonni biyya lafaa hedduun ofittoofi galata hin qabnee taʼan kanatti, namoonni hoteela keessattiifi mana nyaataa keessatti hojjetan obsaafi amala gaarii keenya ilaaluunsaanii isaan gammachiisa. (2 Xim. 3:1-5) Yommuu teessoo qabannu ykn barreeffamoota haaraa baʼan fudhachuuf tarree gallu ofii keenyaaf utuu hin taʼin warra kaaniif dursa kennuu qabna. (1 Qor. 10:23, 24) Namni fedhii argisiise tokko yeroo jalqabaatiif walgaʼii koonyaarratti erga argamee booda akkas jedheera: “Haasaawwan guyyaa sanatti kennaman keessaa tokkoyyuu hin yaadadhu; taʼus amalli Dhugaa Baatonni qaban baayʼee na ajaaʼibsiiseera.”
4. Haalli keenya nuu heyyama taanaan, walgaʼii koonyaarratti fedhiidhaan hojjechuuf of dhiheessuu kan qabnu maaliifi?
4 Namoota Fedhiidhaan Hojjetan: Kiristiyaanonni dhugaan fedhiidhaan hojjechuudhaan beekamu. (Far. 110:3) Isinoo walgaʼii koonyaarratti fedhiidhaan hojjechuuf of dhiheessuu dandeessuu? Walgaʼii koonyaa tokkorratti obboloonni gara 600 taʼan walgaʼiin koonyaa jalqabamuusaa dura fedhiidhaan of dhiheessuudhaan bakka walgaʼichi itti godhamu qulqulleessan. Namoonni kana ilaalan, “Wanta akkas nama ajaaʼibsiisu arginee hin beeknu! Namoonni kun hundi fedhiidhaan of dhiheessan jedhanii yaaduun baayʼee namatti ulfaata” jechuudhaan yaada kennaniiru. Walgaʼii koonyaa bara 2013tti godhamurratti Waaqayyorraa dhagaʼuufi isarraa barachuuf qofa utuu hin taʼin isaafis ulfina kennuuf sagantaa kana hawwiidhaan eegganna.
[Fakkii fuula 3rra jiru]
Yaadachiisawwan Walgaʼii Koonyaa 2013
◼ Saʼaatii Sagantichaa: Balballi kan banamu ganama saʼaatii 2:00ttidha. Muuziqaan sagantichi jalqabamuusaa argisiisu, guyyaa sadanuu ganama saʼaatii 3:20tti jalqabama. Yeroo kanatti sagantichi haala ulfinaafi sabrii qabuun akka jalqabamuuf hundi keenya taaʼuu qabna. Sagantichi Jimaataafi Sanbadduraa saʼaatii 10:50tti, Dilbatammoo 9:35tti faarfannaafi kadhannaadhaan xumurama.
◼ Bakka Konkolaataan Dhaabatu: Bakki konkolaataan dhaabatu muraasa waan taʼeef, hanga dandaʼametti konkolaataa tokkotti namoota baayʼee qabachuun barbaachisaadha. Akkasumas walgaʼii koonyaa gumiin keessan itti ramadamerratti argamuuf carraaqqii akka gootan isin jajjabeessina.
◼ Teessuma Qabuu: Teessuma qabuun kan dandaʼamu, namoota mana tokko keessa waliin jiraattan ykn konkolaataa tokkoon waliin dhuftan ykn namoota yeroo ammaatti Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa jirtaniif qofadha.—1 Qor. 13:5.
◼ Laaqana: Boqonnaa laaqanaatti nyaata barbaacha deemuu mannaa, laaqana fidattanii akka dhuftan isin jajjabeessina. Qodaan nyaataa keessan karaa akka hin cufneef, teessoo keessan jala kaaʼamuu kan dandaʼu taʼuu qaba. Qodaawwan gurguddaafi wanta akka xaarmusii salphaatti cabu bakka walgaʼii fidanii dhufuun hin heyyamamu.
◼ Buusii: Bakka walgaʼii koonyaatti, hojii addunyaa maratti hojjetamuuf fedhiidhaan buusii gochuudhaan, dinqisiifannaa walgaʼichaaf qabnu argisiisuu dandeenya. Cheekiin buusii godhamu hundi, jaarmiyaa “Yeyihowa Misikiroch” jedhamuuf akka kaffalamu kan ibsu taʼuu qaba.
◼ Qoricha: Qorichi ogeessa fayyaatiin isiniif ajajameefi fudhachaa jirtan yoo jiraate, bakka walgaʼichaatti waan hin argamneef, hamma isin gaʼu qabadhaa kottaa.
◼ Kophee: Waggaa waggaadhaan keessumaa kophee koomee dheeraa qabuu wajjin haala wal qabateen balaan ni gaʼa. Rakkoo tokko malee bakkawwan ol kaʼaa taʼanirra deemuu akka dandeenyuuf, kophee mijaaʼaa seera qabeessa taʼe kaaʼachuun keenya gaariidha.
◼ Namoota Dhagaʼuu Hin Dandeenye: Walgaʼiiwwan koonyaa tokko tokko FM raadiyoodhaan ni tamsaafama. Sagantaa kana dhaggeeffachuuf, raadiyoo xinnoo dhagaa baatiriitiin hojjetuufi FM harkisu, akkasumas meeshaa gurratti kaaʼatanii ittiin dhaggeeffatan qabatanii dhufuun barbaachisaadha.
◼ Gaarii Daaʼimmaniifi Barcuma Bashannanaa: Gaarii daaʼimmaniifi barcuma bashannanaa, bakka walgaʼichaa fidanii dhufuun hin heyyamamu. Haataʼu malee, barcuma ijoollee bakka warrisaanii taaʼanitti hidhamuu dandaʼu fayyadamuun ni dandaʼama.
◼ Foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) Jedhamu: Yeroo walgaʼiin koonyaa godhamu karaa alidilee taʼeen dhugaa baanee namni sun fedhii yoo argisiise, foormii kanatti fayyadamnee waaʼee namichaa odeeffannoo kennuu qabna. Foormii guutame, Kutaa Barreeffamaa walgaʼii koonyaatti ykn yeroo gara gumii keessaniitti deebitan barreessaa gumii keessanitti kennuu dandeessu.
◼ Manneen Nyaataa: Manneen nyaataatti amala gaarii argisiisuudhaan maqaa Yihowaatiif ulfina kennaa. Akka Kiristiyaanotaaf taʼutti uffadhaa. Naannoo sanatti kan barame yoo taʼe, namoota isin keessumsiisaniif qarshii xinnoo kennaa.
◼ Galma Mootummaatti Fayyadamuu: Galma Mootummaatti akka mana ciisichaatti itti fayyadamuun filatamaa miti. Galma Mootummaa keessa buluuf wanti dirqisiisu yoo jiraate garuu, hundisaanii qulqullinasaa eeguuf itti gaafatamummaa akka qaban beekuu qabu. Wantoonni irra ciisaman sirriitti dadachaafamuu, wanti lafatti dhangalaʼe yeruma sana qulqulleeffamuu, waraqaaniifi kosii garabiraan guuboo ykn qodaa faayidaa kanaaf qophaaʼe keessatti gatamuu qaba.
◼ Hoteelota:
(1) Kan dandaʼamu taanaan hoteela qabachuun gaariidha. Kutaa itti fayyadamtanii ol hin qabatinaa; kutaa tokko keessa nama heyyamamu caalaa hin bulchinaa.
(2) Wanti humna keessanii ol taʼe yoo isin mudate malee, kutaa qabattan hin dhiisinaa; haalli akkasii yoo isin mudate warri kaan qabachuu akka dandaʼanitti hatattamaan hoteelicha beeksisaa.—Mat. 5:37.
(3) Naannoo keessanitti baramaa taanaan, namoota hoteelichaa shaanxaa keessan isinii baataniifi kutaa keessan isinii qulqulleessaniif qarshii xinnoo kennaa.
(4) Bakka heyyamamu qofatti nyaata bilcheessaa.
(5) Walitti dhufeenya namoota hoteelicha keessatti hojjetanii wajjin qabdaniin yeroo hundumaa amala gaarii argisiisaa. Keessummoota hedduu waan simataniif, gaarummaafi obsa kan argisiistan, akkasumas haalasaanii kan isaaniif hubattan yoo taʼe ni dinqisiifatu.
(6) Warri, yeroo hoteela keessa turan hundatti, iddoo bishaan daakaa, bakka keessummoonni itti simataman, kutaa ispoortiin itti hojjetamuufi bakkawwan kan biraatti ijoolleesaanii toʼachuu qabu.
◼ Qulqulleessuu: Kutaan Qulqullinaa, sagantaa bakki walgaʼichaa itti qulqulleeffamu kan qindeessu taʼuyyuu, hundi keenya sadarkaa qulqullinaa Yihowaan sabasaarraa eegu guutuuf gumaacha gochuu dandeenya. Kanaaf, yeroo kamittiyyuu waraqaan ykn kosiin lafa buʼe kan biraan bakka walgaʼiin koonyaa godhamutti dhiifamuu hin qabu. Yeroo walgaʼiin koonyaa godhamuttis taʼe yeroo boqonnaatti bakki walgaʼii koonyaa akka hin fokkisiisneef, kosiin yeruma sana qodaa kaayyoo kanaaf qophaaʼe keessatti gatamuu qaba. Akkasumas, bakka teenyee turree deemuu keenya dura, wanta lafa buʼe ilaallee kaasuun keenya gaariidha.
◼ Tajaajila Fedhaa: Tajaajila akkasiirratti hirmaachuu kan barbaadan hundi Kutaa Tajaajila Fedhaatti beeksisuu qabu. Ijoolleen umriinsaanii waggaa 16 gadi taʼes, warrasaanii ykn namoota gurguddaa wajjin taʼuudhaan hojii kanarratti hirmaachuu dandaʼu.