Walga’ii Koonyaa “Kiristos Dukaa Bu’aa!” Jedhu Beeksisuudhaaf Carraaqqii Cimaa Addunyaa Maratti Godhamu
Babal’istoonni Baranas Waraqaa Afeerrii Addaa Raabsu
1 Waggaa darbe, Walga’ii Koonyaa “Fayyinni Keenya Dhihaateera!” jedhu beeksisuudhaaf duulli addunyaa maratti godhame namoota fedhii qabanirratti jijjiirama gaarii argamsiiseera. Warri afeerrii addaa kana fudhatanii walga’ii kanarratti argaman, yeroo jalqabaatiif nyaanni hafuuraa hedduun Dhugaa Baatota Yihowaa biratti akka argamu hubataniiru. (Isa. 65:13) Obboloota Kiristiyaana ta’aniifi tokkummaa qabanii wajjin wal baraniiru. (Far. 133:1) Baranas, Walga’ii Koonyaa “Kiristos Duukaa Bu’aa!” jedhurratti hamma nuu danda’ame namoota baay’ee afeeruuf, addunyaa maratti waraqaa afeerrii addaa raabsina.
2 Bu’aa Waggaa Darbee: Gabaasa addunyaa maratii argamerraa hubachuun akka danda’amutti, Walga’ii Koonyaa “Fayyinni Keenya Dhihaateera!” jedhu beeksisuudhaan bu’aawwan gaariin argamaniiru. Iddoowwan baay’eetti sabqunnamtii uummataarraa ilaalchi gaariin nuu kennameera. Fakkeenyaaf, magaalaa tokko keessatti duula kana ilaalchisuudhaan gaazexaan tokko akkas jechuudhaan yaada tarree ja’a qabu barreessee ture: “Dhugaa Baatonni, walga’ii koonyaasaanii dura namoota hundumaatiif waraqaa afeerrii kana raabsuuf, sa’aatii dheeraa hojjechuu, karaa dheeraa deemuufi dafanii dafanii dubbachuuf carraaqqii guddaa godhaniiru.” Magaalaa garabiraattimmoo raabsii waraqaa afeerrii qindoominaan godhame kana ilaalchisee, dhaabbanni sabqunnamtii tokko gabaasa bal’aa dhiheesseera. Yoo xinnaate gaazexoonni sadii sochii walga’ii koonyaa dura goone ilaalchisuudhaan yaada gaarii gabaasaniiru. Gaazexeessaan tokko, gaazexaa maxxansa Dilbata ba’urratti dhimma kana ilaalchisee yaada bal’aa fuula lamaa ol ta’u barreesseera. Gaazexaan kun, waa’ee amantii keenyaa, waa’ee obbolummaa keenyaa, waa’ee raabsii waraqaa afeerriifi walga’ii koonyaa bal’inaan gabaasee ture. Babal’istuun tokko yommuu manaa gara manaatti waraqaa afeerrii kana raabsitu, dubartiin tokko haasaashee gidduutti kuttee: “Eeyyee. Waa’eesaa ammuma gaazexaarraa dubbisaan ture!” jetteetti. Dubartiin garabiraanimmoo akkas jechuudhaan ajaa’ibsiifatteetti: “Amma waa’ee keessan dubbisaan ture, ammammoo ati dhufuukeeti! Waraqaa afeerrii kana anaaf fiddanii?” Erga jettee booda, “Dhugaa Baatonni Yihowaa waraqaa kana raabsuun keessan baay’ee nama gammachiisa” jetteetti.
3 Namoonni fedhii qaban baay’een waraqaa afeerriisaanii harkatti qabatanii bakka walga’ii dhufaniiru. Warri fedhii qaban tokko tokko sagantaa walga’iiwwan kanaarratti argamuuf bakka fagoodhaa dhufaniiru. Warra kaan afeeruuf carraaqqii cimaa gochuu keenyaan lakkoofsi namoota walga’iirratti argamanii dabaleera. Fakkeenyaaf, biyya tokko keessatti namoonni walga’iirratti argaman isa waggaa darbeerra dhibbeentaa 27n caaleera.
4 Naannoo Tajaajilaa Waliin Ga’uu: Walga’iin koonyaa keessan jalqabamuusaa torban sadii dura waraqaa afeerrii kana raabsuu jalqabuu dandeessu. Naannoo tajaajilaa gumii keessan hunda waliin ga’uudhaaf carraaqqii cimaan godhamuu qaba. Gumiiwwan naannoo tajaajilaa bal’aa qaban, walga’ichi jalqabamuuf torban tokko yommuu hafu, babal’istoonni namoota mana hin jirreef waraqaa afeerrii kana malaan kaa’anii akka deeman gochuu danda’u. Gumiiwwan waraqaa afeerrii isaanii ramadame hunda raabsuufi hamma isaanii danda’ame naannoo tajaajilaasaanii waliin ga’uuf carraaqqii gochuu qabu. Qajeelchitoonni gumii waraqaa afeerrii babal’istootarraa hafe raabsuu danda’u.
5 Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya? Akkas jechuu dandeessu: “Namoonni walga’ii iddoo guddaa qaburratti akka argamaniif waraqaa afeerrii addunyaa maratti raabsamurratti hirmaachaa jirra. Kun ga’ee keeti. Odeeffannoo dabalataa waraqaa afeerrii kanarraa argachuu dandeessa.” Yaada dhiheenyaa gabaabaa dubbachuun keenya waraqaa afeerrii hedduu raabsuuf nu gargaara. Ta’us, namichi gaaffii yoo qabaate, yeroo fudhattanii deebii kennuufii dandeessu. Namoota fedhii argisiisan, yaadannoo qabadhaatii utuu hin turin deddeebii gaaffii godhaafii.
6 Kiristos duukaa bu’uuf carraaqqii gochuun keenya baay’ee barbaachisaa mitii? (Yoh. 3:36) Walga’iin koonyaa gochuuf jirrummoo, namoonni walga’ii kanarratti argaman hundi Kiristos duukaa akka bu’an gargaara. Carraaqqii cimaan Walga’ii Koonyaa “Kiristos Duukaa Bu’aa!” jedhu kana beeksisuuf godhamu, ammas akka gaariitti dhugaa ba’uuf akka nu gargaaru ni abdanna. Kanaaf, hamma isinii danda’ame namoonni baay’een akka argaman hinaaffadhaan afeeraa. Duula addunyaa maratti qindoominaan godhamu kanarratti hirmaachuuf carraaqqii gootan Yihowaan akka isinii eebbisu ni hawwina.